OBN Horn Of Africa

OBN Horn Of Africa OBN Horn Of Africa Sagalee Ummata Africa

  Abiy Ahmed Ali
03/07/2025

Abiy Ahmed Ali

1497 likes, 26 comments. ““ኢትዮጵያ ትልቅ ሀገር ናት። ኢትዮጵያ ከፍተኛ ኢኮኖሚ፣ የሕዝብ ብዛት እና የዘመነ ሰራዊት ያላት ሀገር ናት። የማንሰራራት ጉዟችን እንዳይስተጓጎል ከሁሉም ጎረቤቶቻ....

Aadaafi duudhaa Oromoo cabe bakkatti deebisuuf hojjetamaa jira -  Abbootiin Gadaafi Haadholiin Siinqee pirojektoota Moot...
26/06/2025

Aadaafi duudhaa Oromoo cabe bakkatti deebisuuf hojjetamaa jira -

Abbootiin Gadaafi Haadholiin Siinqee pirojektoota Mootummaan Naannoo Oromiyaan Magaalaa Finfinneetti hojjetaman jiran daawwataniiru.

Pirojektoonni Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin Magaalaa Finfinneetti ijaaramaa jiran aadaafi eenyummaa keenya kan calaqqisiisaniidha jedhan Abbootiin Gadaafi Haadholiin Siinqee kunneen.

Pirojektoonni kunneen aadaafi duudhaa akkasumas eenyummaa uummata Oromoo karaa madaaluu danda'uun kan hojjetaman ta'uu himan.

Hojii mootummaan aadaafi duudhaa keenya cabe bakkatti deebisuuf magaalichatti hojjataa jiru akka milkaa'uuf gahee keenya ni baanas jedhaniiru.

Hooggantuun Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu, Mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaa, duudhaafi aartii Oromoo cabe bakkatti deebisuuf xiyyeeffannoo kennee hojii hojjetaa jira jedhan.

Kana milkeessuufis haaromsa aadaa bocee hojiirra akka oolu taasisaa jira jedhan.

Pirojektii Haroomsa Aadaa eegalame milkeessuu keessatti gaheen Abbootii Gadaafi Haadholii Siinqee olaanaa ta'uu kan ibsan Aadde Jamiilaan ambaasaaddara ta'uun itti gaafatamummaa isaanirraa eegamu akka bahatanis dhaamuu ragaan BKO irraa argame ni mul'isa.

   Buufata Waraanaa Ameerikaa Kuwaataaritti argamu haleelteIraan Buufata Waraanaa Ameerikaa Kuwaataaritti argamurratti h...
23/06/2025



Buufata Waraanaa Ameerikaa Kuwaataaritti argamu haleelte

Iraan Buufata Waraanaa Ameerikaa Kuwaataaritti argamurratti haleellaa raawwatte.

Iraan buufata waraanaa Ameerikaa Kuwaataaritti argamurratti haleellaa misaa’eloota 6 raawwateerti.

Haleellichi Ameerikaan Foordoowu dabalatee buufataalee niwukilaaraa Iraan Naataanzi fi Isfahaatti haleellaa boombii raawwatteef haaloo ba’uuf ta’uu BBCn gabaaseera.

"Eertiraa waliin galaanni hunda keenyaaf gahaadha hanga hardhaa nutti cufamuun ni gaha yeroo jennu, wanti isaan barbaada...
12/06/2025

"Eertiraa waliin galaanni hunda keenyaaf gahaadha hanga hardhaa nutti cufamuun ni gaha yeroo jennu, wanti isaan barbaadan galaana kana ummata Itoophiyaa hammana gahutti cufanii akka fedhan gochuun itti fufuudha.

Nuti immoo kan hayyamnu, yeroon isaa xumurameera."

Fiildii Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Addee Hawwaa Baatii Qumbii jedhamu.Harmee gootittii Itoophiyaa Athelete Gelete Burka ti.Harmeen ishii qaama miidhamoodha...
09/06/2025

Addee Hawwaa Baatii Qumbii jedhamu.Harmee gootittii Itoophiyaa Athelete Gelete Burka ti.Harmeen ishii qaama miidhamoodha.Dhadhabbataan deemu.Galateen intala hangafa.Abbaan Galatee daa’imummaatti waan irraa du’aniif qofaa isaanii bataskaanaa fi gaabaa irra jooranii nyaata kadhatanii guddisan.Amma illee obboleettii ishii tokko dabalatee mana duubaa mul’atu kana keessa waliin jiraatu.Manni inni kun isa dhumaa 11ffaa namichi akka irraa hirmatu torbee darbe itti murtaa’eedha.Yakka dorgomaa hinqabnetu irratti dalagame ‼️
Biyya seerri jiru waan ta’eef boru odeeffannoo bal’aa qabna.Obsaan nuu eeggadhaa ‼️
Warri gootittii biyyaa kanaaf sagalee ta’aa jirtan hundi galatoomaa ‼️

  Ittisa Biyyaa mallattoo birmadummaa fi bilisummaa keenyati.Humni ittisaa biyyaa keenyaa, kan biyya keenya Itiyoophiyaa...
09/06/2025

Ittisa Biyyaa mallattoo birmadummaa fi bilisummaa keenyati.
Humni ittisaa biyyaa keenyaa, kan biyya keenya Itiyoophiyaa eegu fi guddisuuf of kennee hojjatu, humna abdachiisaa fi jabaa dha. Loltuuwwan keenya gootummaan, amanamummaa fi aadaan eenyummaa sabaa irratti hundaa’uun, yeroo kamuu sabaa fi biyyaa isaaniif of kennuuf qophii dha.
Gootota humna ittisaa keenya :

>Tokkummaa sabaaf tokkummaa biyyaa eegu.

>Diina alaa fi keessaa ittisuun nageenya mirkaneessu.

>Guddina biyyaa tumsuun, misooma keessatti gahee olaanaa bahuu.

>Leenjii fi dandeettii saayinsii fi teknolojii ittiin of qopheessu.

Humni waraanaa keenya seenaa bareedaa fi aadaa saba keenyaa eeguudhaan, waadaa sabaan galmaa’e eegsisuuf, haala kamuu keessattii ciccee ega. Lubbuu ofii kennee, nageenya ummataa tiksa.
Ulfinni fi galanni isaanii ha ta'uu.




09/06/2025
Ethiopia and the International Monetary Fund (IMF) have reached a staff-level agreement on the third review of the count...
30/05/2025

Ethiopia and the International Monetary Fund (IMF) have reached a staff-level agreement on the third review of the country's $3.4 billion loan program.

Pending approval by the IMF Executive Board, Ethiopia will receive an additional $260 million in funding.

Itiyoophiyaa fi Dhaabbanni Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) gamaaggama sadaffaa sagantaa liqii Doolaara biiliyoona 3.4 irratti sadarkaa hojjettootaatti waliigaltee irra ga’aniiru.

Boordiin hojii raawwachiiftuu IMF irraa hanga raggaasifamutti Itiyoophiyaan maallaqa dabalataa doolaara miiliyoona 260 ni argatti.

 Lammii Dantaa Saba Keenyaatiif Araarama hin qabne ta'uu Keenya Karra Galaanaa Irratti ni Mirkaneessina. 📌Ummanni Itooph...
30/05/2025



Lammii Dantaa Saba Keenyaatiif Araarama hin qabne ta'uu Keenya Karra Galaanaa Irratti ni Mirkaneessina.

📌Ummanni Itoophiyaa dhimma karra galaanaa irratti hirmaannaa cimaa Hidha Haaromsaaf agarsiise irra deebi’ee hojjechuu qaba.

📌Mirga karra galaanaa Itiyoophiyaa seenuuf qabnu kan idil addunyaa kabachiisuu kan dandeenyu gaafa qabsoo Hidha Haaromsaa dhugoomsuuf geggeessine irra deebinee gochuu dandeenyu qofa.

📌Rakkoo siyaasaa fi tasgabbii dhabuun Gaanfa Afrikaa keessa jiru gidduu seenummaa alaatiin kan boba’udha. Masriin Itiyoophiyaan Galaana Diimaa akka hin seenne, akkasumas Baha Giddu Galeessaa keessatti akka hin hirmaanne ifatti duula geggeessaa jirti.

📌Masriin ijaarsa Hidha Haaromsaa gufachiisuuf duula walduraa duubaan gaggeessaa kan turte yoo ta’u, amma ammoo Itoophiyaan Galaana Diimaa akka hin seenne fi keessatti akka hin hirmaanne addunyaa Arabaa gara cinaatti hiriirsuuf duula eegaltee jirti.

📌Haa ta’u malee, Itoophiyaan qajeelfama kennuu fi fudhachuu irratti hundaa’uun seera addunyaatiif kutannoo qabdi.Tattaaffiin dippilomaasii karaa nagaa galaana kana argachuuf taasifamaa jiru Masriif qormaata guddaa ta’eera.

📌Keessattuu tumsa Itoophiyaan; Daandiin dippilomaasii faayidaa waliinii irratti hundaa’ee fi mirga isaa karaa nagaa hordofuun xiyyeeffannoo hawaasa addunyaa hawwachuu qofa osoo hin taane callisa Masrii cabseera.

📌Itiyoophiyaan ijaarsa Hidha Haaromsaa bal’inaan xumurtee bishaan guutaa jirti; Adeemsa humna maddisiisuu keessatti argamuun isaa milkaa’ina dippilomaasii guddaadha.

📌Masriin Itiyoophiyaan galaana akka hin seenne duula haaraa eegaltellee, ijaarsa Hidha Haaromsaa ittisuuf tattaaffii fashalaa'e amma fudhatama dhabee jira. Ummanni kaleessa ijaarsa Hidha Haaromsaa irratti dammaqinaan hirmaachaa turan, dhimma galaanaa irrattis dammaqinaan hirmaachaa jiru.

📌Dhimmi buufata galaanaa argachuu dhimma lubbuun jiraachuu kan biraa ta’uu hubachuun, akkuma Hidha Haaromsaa, dhaloonni ammaa, keessattuu ogeeyyiin; Xiyyeeffannoo fi hojiin bal’aan miidiyaa fi dhaabbilee amantaa irratti kennamuu qaba.


#ቀይባህር

#የኢትዮጵያብልፅግና
🙏🙏🇪🇹🙏🇪🇹🙏🇪🇹

"Namni ana waliin dorgomu ana injifachuu danda'a.Haata'u malee falaasama Badhaadhinaatiin biyya kana hin hogganu taanaan...
18/05/2025

"Namni ana waliin dorgomu ana injifachuu danda'a.

Haata'u malee falaasama Badhaadhinaatiin biyya kana hin hogganu taanaan Baatii tokko illee biyya kana bulchuun hin danda'amu.

Furtuun siyaasaa biyya kanaa falaasama haaraa badhaadhinaati."Dr. Abiy Ahmed Ali

Hojii 𝐌𝐌 𝐄𝐭𝐡𝐢𝐩𝐢𝐚 𝐃𝐫.𝐀𝐛𝐢𝐲𝐲𝐢 𝐀𝐡𝐦𝐞𝐝 𝐀𝐥𝐢 Fi Duudhaa Ummata Oromoo

MUL’ATI IJAARSA ITOOPHIYAA DR ABIYYIIN EEGALAME SHIRA WAYYAANEETIIN HIN GUFATUUUU!.......................................................
!
==================================



Dr Abiyyi gara muummichaatti dhufee turtii ji’oota sadii odoo hin geenye Ambaasaaddara Nagaa Gaanfa Afiriikaa jedhameera biyyoota Baaha Afiriikaa akkasumas guutummaa Afriikaatiif akka walii galaatti fakkeenyummaa guddaa gonfachaa jira.

Inni ilma Oromooti. Oromoon seera ittiin bulmaataa fi aadaa waliin jireenyaa kan uumama hundumaaf kabaja mataa isaa kennu qaba. Uummanni aadaa fi duudhaa buu’ura dimokiraasii ammayyaa ta’e qabu kun Oromiyaa guutuu fi Gaanfa Afriikaa biyyoota adda addaa keessa heddumminaan jiraata.

Qubsummi uummata kanaa iddoo jiru hundumaa saboota daangaa fi ollaa isaa jiraatan biratti haalaan barameera.

Akka ragaa seenaa uummata # Kuush fi Gaanfa Afriikaa irraa hubannutti sabootni hedduun addaa Oromoomsuu, Guddifachaa, Moggaasuu, Hammachiisaa fi kanneen biroodhaan liqimfamuun uummata Oromoo waliin jiraachaa jiru.

Seenaa isiniif odeessuuf yookiin barsiisuuf odoo hin taane hojii Dr Abiyyii fi duudhaa uummata Oromoo waliin madaallee, dhiibbaa inni ijaarsa biyya Itoophiyaa keessatti gochuu danda’u akkasumas fudhatama isaa Baaha Afriikaa keessatti tilmaamuu akka dandeenyuufan isin yaadachiisuu barbaade.
Dr Abiyyi qaruuxee hayyuuti. Deemsi isaa akka yaa’a buqqeeti.

Eenyullee hin dhagahu. Faana isaa namni hin argu. Hanga har’aatti roggeyyonni miidiyaalee hawaasaa, gaazexeessitootni, hayyuuwwan siyaasaa fi xiinxaltootni fi raagdotni gurguddoon hojii mummicha ministeera kanaa tilmaamuu hin dandeenye.

Waan inni dheengadda kaleessaa fi har’a hojjete irraa kaa’anii boru akkas godha jechuuf hin dandeenye.Bu’aa hojii isaatiinis kallattii eeruu hin dandeenye.

Qeeqaa fi gorsa beektota siyaasaatiif iddoo odoo hin kennin uummata biyyaa fi uummata Oromootiif ni fayyada waan jedhe hundumaa hojjechaa jira.Hojii hanga har’aatti hojjeteenis 99%lii ol milkaawaa jira yoon jedhe ol guddisuu hin ta’u.

Milkaa’inaa fi beekkamtii Dr Abiyyi baatii sadii keessatti argachaa jiru kana ammoo Mootiin Haayila sillaasee waggaa 50 keessatti hin arganne, Mangistuun waggoota 27 keessatti hin arganne, taallaaquu Mallasaa ሐዋርያው mariin waggoota 22 keessatti hin hojjenne.

Kun dhugaa wayyaanee/TPLF yeroo ammaa argitee irratti qabsaa’aa jirtuudha.
Akkan hubachaa jirutti Dr Abiyyi daandii tokko qabateera. Daandiin kun ammoo kan uummata Baaha Afriikaa walitti hidhee jiruudha.Daandii nagaa fi dimokiraasiiti.

Daandii jaalalaa fi wal danda’uuti. Daandii duudhaa amantiilee gurguddaan Addunyaa seer-bulmaata(doktiriinii) godhataniidha. Dhugaa dubbanna yoo jenne ammoo daandiin ti.

Daandii Oromummaati. Oromoon Gaanfa Afriikaa keessa qubatee jiru ammoo haadaa/funyoo Sirna Gadaatiin wal hidhee jira.Kanaafuu funyoo ittiin wal hidhee jiru kanaan saboota cinaa fi daangaa isaa jiran hundumaa hidhuu ni dandaa’a.

Kun ammoo jalqaba irratti akkuman jedhe sana Dr Abiyyi uummata Oromoo qofaa fayyadamee biyya Itoophiyaa ijaaruu irra darbee Afriikaa tokkoomsuudhaaf kaayyoon inni qabu yeroo gabaabaa keessatti akka dhugoomu ragaadha.
Seenaa biyya Itoophiyaa dhugaa ijaaruu keessatti hanga har'aatti mootiin milkaaye tokkollee hin jiru.

Itoophiyaa diiganii biyya xixiqqootti qoqqooduu keessattis mootin milkaaye hin jiru. Sababiin milkaayina dhabuu isaanii ammoo # Handhuuraa fi biyyattii isa ta’e uummata Oromoo cunqursaa waan turaniif. Lafaa qabeenya isaa irraa buqqisaa waan turaniif. Mootiin biyya Itoophiyaa ijaaree milkaawuu barbaade garuu duraan dursa kabajaa fi ulfina uummata Oromootiif malu kennuufiitu irra ture.Kan kana gochuu danda’e ammoo tokkoo fi tokko Dr Abiyyi Ahimad Alii qofaadha.Kanaaf
an imala isaa hanga yoonaatiin yeroom madaalu Dr Abiyyi nama Baaha Afriikaa keessatti biyya Guddoo ijaaruu danda’u ta’uu isaa dursee dubbadhe.
Hojii kanaan olaantummaa guddaa mootummoota Itoophiyaa duraanii fi paartii ADWUI keesaatti ammoo TPLF irratti argachaa jira.

Eenyullee ammoo olaantummaa isaa salphaatti ofirraa mulqamuu akka hin dandeenye beekamaadha. Wayyaanee irratti waanti argaa jirrus kanuma. Wayyaaneen gaafa duraa Dr Abiyyiin nutu fide, kanaafuu ilaalchaa fi siyaasa ADWUI irraa ala waanti haaraan dhufu hin jiru jettee turte. Suuta suuta garuu dirreedhaan ala taa’aa adeemuudhaan yeroo ammaa sadarkaa waraana ADWUI irratti labsuurra geessee jirti. Amma wayyaaneen abdii kutatteetti.

Doonii garba walakkaatti utubaa fi kompaasiin jalaa bade taateetti. Kanaafuu “bishaaniin erga nama nyaatee gara lixaniin daakanii bahu” akka jedhan sana,aarsaa barbaachisaa ta’e hundumaa kaffaltee dhiiga lammiilee nagaa daaktee keessa bahuuf yaalii xumuraa gochaa jirti. Yaaliin kun garuu gonkumaa akka hin milkoofne beekamaadha.

Haa ta’u malee hojii muummicha ministeeraa gufachiisuu,duubatti harkisuu fi fudhatama isaa ija mootummoota duratti xiqqeessuu ni danda’u.
Walumaagalatti wayyaaneen hangam illee yaaltu akka hin milkoofne beeknee qofa teenyee Dr Abiyyiin kophaatti ilaaluun kongumaa hin ta’u.

Yoo xiqqaate miidhaa guddaa gaaga’ama hookkara kanaatiin gahuuf malu hambisuuf yookiin xiqqeessuudhaan yeroo gabaabaa keessatti injifannoo waaraa galmeessifnee geebaan galuudhaaf, Beektotni Oromoo, Dhaabbileen siyaasaa Oromoo, Qeerroon Oromoo, Dhaabbileen amantaa Oromiyaa keessa maandheffatan hundumtuu, barattootni qee’ee fi dhaabbilee barnootaa olaanoo keessa jirru tokko odoo hin hafin ariitiidhaan wal taanee tokkummaadhaan hojii abidda dhaamsuu kanarratti duula banuu akka qabnu isin akeekkachiisuu barbaada.

Tarsiimoon keenyas kan ta’uu qabu inni jalqabaa saboota biroo balaa hamaan irra gahuu malu ofitti qabuu fi afaan beeknuun gorsuu, warra adda dureedhaan wayyaanota waliin hidhata qabanii fi hirmaachaa jiran saboota biroo waliin ta’uudhaan saaxiluu fi qaama seeraatti kennuu.

Qaamota hooggansa haaromsaa fakkaachuun hojii loogummaatiin lafa, qabeenyaa fi hojii saboota biroo irratti diina waliin hojjetan gara laafummaa tokko malee of keessaa baasuu.

Dhuma irratti qaamoti nageenyaa Oromiyaa keessa socho’an hojii nagaa eegsisuu hojjechaa jiran irratti giddu nyaatteewwan saboota biroos ta’e saba Oromoo irratti kallattii fi al kallattiidhaan hojjetan hundumaa saaxiluun dirqama ta’a.

Kanuma
Injifannoon Badhaadhina Wajjiini

tiktok.com/
13/05/2025

tiktok.com/

Watch, follow, and discover more trending content.

Address

Adama

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when OBN Horn Of Africa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share