18/05/2025
"Namni ana waliin dorgomu ana injifachuu danda'a.
Haata'u malee falaasama Badhaadhinaatiin biyya kana hin hogganu taanaan Baatii tokko illee biyya kana bulchuun hin danda'amu.
Furtuun siyaasaa biyya kanaa falaasama haaraa badhaadhinaati."Dr. Abiy Ahmed Ali
Hojii 𝐌𝐌 𝐄𝐭𝐡𝐢𝐩𝐢𝐚 𝐃𝐫.𝐀𝐛𝐢𝐲𝐲𝐢 𝐀𝐡𝐦𝐞𝐝 𝐀𝐥𝐢 Fi Duudhaa Ummata Oromoo
MUL’ATI IJAARSA ITOOPHIYAA DR ABIYYIIN EEGALAME SHIRA WAYYAANEETIIN HIN GUFATUUUU!.......................................................
!
==================================
Dr Abiyyi gara muummichaatti dhufee turtii ji’oota sadii odoo hin geenye Ambaasaaddara Nagaa Gaanfa Afiriikaa jedhameera biyyoota Baaha Afiriikaa akkasumas guutummaa Afriikaatiif akka walii galaatti fakkeenyummaa guddaa gonfachaa jira.
Inni ilma Oromooti. Oromoon seera ittiin bulmaataa fi aadaa waliin jireenyaa kan uumama hundumaaf kabaja mataa isaa kennu qaba. Uummanni aadaa fi duudhaa buu’ura dimokiraasii ammayyaa ta’e qabu kun Oromiyaa guutuu fi Gaanfa Afriikaa biyyoota adda addaa keessa heddumminaan jiraata.
Qubsummi uummata kanaa iddoo jiru hundumaa saboota daangaa fi ollaa isaa jiraatan biratti haalaan barameera.
Akka ragaa seenaa uummata # Kuush fi Gaanfa Afriikaa irraa hubannutti sabootni hedduun addaa Oromoomsuu, Guddifachaa, Moggaasuu, Hammachiisaa fi kanneen biroodhaan liqimfamuun uummata Oromoo waliin jiraachaa jiru.
Seenaa isiniif odeessuuf yookiin barsiisuuf odoo hin taane hojii Dr Abiyyii fi duudhaa uummata Oromoo waliin madaallee, dhiibbaa inni ijaarsa biyya Itoophiyaa keessatti gochuu danda’u akkasumas fudhatama isaa Baaha Afriikaa keessatti tilmaamuu akka dandeenyuufan isin yaadachiisuu barbaade.
Dr Abiyyi qaruuxee hayyuuti. Deemsi isaa akka yaa’a buqqeeti.
Eenyullee hin dhagahu. Faana isaa namni hin argu. Hanga har’aatti roggeyyonni miidiyaalee hawaasaa, gaazexeessitootni, hayyuuwwan siyaasaa fi xiinxaltootni fi raagdotni gurguddoon hojii mummicha ministeera kanaa tilmaamuu hin dandeenye.
Waan inni dheengadda kaleessaa fi har’a hojjete irraa kaa’anii boru akkas godha jechuuf hin dandeenye.Bu’aa hojii isaatiinis kallattii eeruu hin dandeenye.
Qeeqaa fi gorsa beektota siyaasaatiif iddoo odoo hin kennin uummata biyyaa fi uummata Oromootiif ni fayyada waan jedhe hundumaa hojjechaa jira.Hojii hanga har’aatti hojjeteenis 99%lii ol milkaawaa jira yoon jedhe ol guddisuu hin ta’u.
Milkaa’inaa fi beekkamtii Dr Abiyyi baatii sadii keessatti argachaa jiru kana ammoo Mootiin Haayila sillaasee waggaa 50 keessatti hin arganne, Mangistuun waggoota 27 keessatti hin arganne, taallaaquu Mallasaa ሐዋርያው mariin waggoota 22 keessatti hin hojjenne.
Kun dhugaa wayyaanee/TPLF yeroo ammaa argitee irratti qabsaa’aa jirtuudha.
Akkan hubachaa jirutti Dr Abiyyi daandii tokko qabateera. Daandiin kun ammoo kan uummata Baaha Afriikaa walitti hidhee jiruudha.Daandii nagaa fi dimokiraasiiti.
Daandii jaalalaa fi wal danda’uuti. Daandii duudhaa amantiilee gurguddaan Addunyaa seer-bulmaata(doktiriinii) godhataniidha. Dhugaa dubbanna yoo jenne ammoo daandiin ti.
Daandii Oromummaati. Oromoon Gaanfa Afriikaa keessa qubatee jiru ammoo haadaa/funyoo Sirna Gadaatiin wal hidhee jira.Kanaafuu funyoo ittiin wal hidhee jiru kanaan saboota cinaa fi daangaa isaa jiran hundumaa hidhuu ni dandaa’a.
Kun ammoo jalqaba irratti akkuman jedhe sana Dr Abiyyi uummata Oromoo qofaa fayyadamee biyya Itoophiyaa ijaaruu irra darbee Afriikaa tokkoomsuudhaaf kaayyoon inni qabu yeroo gabaabaa keessatti akka dhugoomu ragaadha.
Seenaa biyya Itoophiyaa dhugaa ijaaruu keessatti hanga har'aatti mootiin milkaaye tokkollee hin jiru.
Itoophiyaa diiganii biyya xixiqqootti qoqqooduu keessattis mootin milkaaye hin jiru. Sababiin milkaayina dhabuu isaanii ammoo # Handhuuraa fi biyyattii isa ta’e uummata Oromoo cunqursaa waan turaniif. Lafaa qabeenya isaa irraa buqqisaa waan turaniif. Mootiin biyya Itoophiyaa ijaaree milkaawuu barbaade garuu duraan dursa kabajaa fi ulfina uummata Oromootiif malu kennuufiitu irra ture.Kan kana gochuu danda’e ammoo tokkoo fi tokko Dr Abiyyi Ahimad Alii qofaadha.Kanaaf
an imala isaa hanga yoonaatiin yeroom madaalu Dr Abiyyi nama Baaha Afriikaa keessatti biyya Guddoo ijaaruu danda’u ta’uu isaa dursee dubbadhe.
Hojii kanaan olaantummaa guddaa mootummoota Itoophiyaa duraanii fi paartii ADWUI keesaatti ammoo TPLF irratti argachaa jira.
Eenyullee ammoo olaantummaa isaa salphaatti ofirraa mulqamuu akka hin dandeenye beekamaadha. Wayyaanee irratti waanti argaa jirrus kanuma. Wayyaaneen gaafa duraa Dr Abiyyiin nutu fide, kanaafuu ilaalchaa fi siyaasa ADWUI irraa ala waanti haaraan dhufu hin jiru jettee turte. Suuta suuta garuu dirreedhaan ala taa’aa adeemuudhaan yeroo ammaa sadarkaa waraana ADWUI irratti labsuurra geessee jirti. Amma wayyaaneen abdii kutatteetti.
Doonii garba walakkaatti utubaa fi kompaasiin jalaa bade taateetti. Kanaafuu “bishaaniin erga nama nyaatee gara lixaniin daakanii bahu” akka jedhan sana,aarsaa barbaachisaa ta’e hundumaa kaffaltee dhiiga lammiilee nagaa daaktee keessa bahuuf yaalii xumuraa gochaa jirti. Yaaliin kun garuu gonkumaa akka hin milkoofne beekamaadha.
Haa ta’u malee hojii muummicha ministeeraa gufachiisuu,duubatti harkisuu fi fudhatama isaa ija mootummoota duratti xiqqeessuu ni danda’u.
Walumaagalatti wayyaaneen hangam illee yaaltu akka hin milkoofne beeknee qofa teenyee Dr Abiyyiin kophaatti ilaaluun kongumaa hin ta’u.
Yoo xiqqaate miidhaa guddaa gaaga’ama hookkara kanaatiin gahuuf malu hambisuuf yookiin xiqqeessuudhaan yeroo gabaabaa keessatti injifannoo waaraa galmeessifnee geebaan galuudhaaf, Beektotni Oromoo, Dhaabbileen siyaasaa Oromoo, Qeerroon Oromoo, Dhaabbileen amantaa Oromiyaa keessa maandheffatan hundumtuu, barattootni qee’ee fi dhaabbilee barnootaa olaanoo keessa jirru tokko odoo hin hafin ariitiidhaan wal taanee tokkummaadhaan hojii abidda dhaamsuu kanarratti duula banuu akka qabnu isin akeekkachiisuu barbaada.
Tarsiimoon keenyas kan ta’uu qabu inni jalqabaa saboota biroo balaa hamaan irra gahuu malu ofitti qabuu fi afaan beeknuun gorsuu, warra adda dureedhaan wayyaanota waliin hidhata qabanii fi hirmaachaa jiran saboota biroo waliin ta’uudhaan saaxiluu fi qaama seeraatti kennuu.
Qaamota hooggansa haaromsaa fakkaachuun hojii loogummaatiin lafa, qabeenyaa fi hojii saboota biroo irratti diina waliin hojjetan gara laafummaa tokko malee of keessaa baasuu.
Dhuma irratti qaamoti nageenyaa Oromiyaa keessa socho’an hojii nagaa eegsisuu hojjechaa jiran irratti giddu nyaatteewwan saboota biroos ta’e saba Oromoo irratti kallattii fi al kallattiidhaan hojjetan hundumaa saaxiluun dirqama ta’a.
Kanuma
Injifannoon Badhaadhina Wajjiini