05/11/2025
26/02/2018
ABS(Adama Broadcasting Service)
"Biyya keenya rakkoon bishaanii hinjiru; rakkoon jiru bishaan sirnaan bulchuufi hogganuu dadhabuudha"- Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO
**********
Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa galmoota misooma baadiyyaatiin qabaman milkeessuuf, qabeenya bishaan naannichaa sirnaan bulchuufi hoogganuun murteessaa ta’uu dursee hubachuun irratti hojjechaa jira jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa.
Galma kana fiixan baasuuf jalqabbiin dhimmoota gurguddoo sadirratti jiru cimee ittifufuu akka qabu himan Pirezidaanti Shimallis.
Bu’uuruma kanaan qooddattoota sadan obbo Shimallis Abdiisaatiin ka’an akka ittaanutti isiniif dhiyeessineerra.
DURSOO, sadarkaa maatitti, maatii marti akka bishaan kuusuufi qabatu gochuu.
Kanaafis tooftaa garaagaraatti dhimma bahuu dandeenya. Mala harootiin kuusuu dandeenya; inni biraa yaa’iinsa lagaa keessatti, dhoqqee haruun, ashawaa baasuun akkasumas yaa’insa daangessuun bishaan achuma keessatti akka kuufamuu gochuudha.
Kunimmoo lagni mataansaa baankii bishaanii ta’ee akka tajaajilu kan dandeessisudha. Bishaan laga keessatti kuusuun, walitti bu’insa iddoowwan namoonni hedduun laga tokkicha fayyadamanitti umamuu malu maqsuun dilbii naannoo keenyaa sirnaan hojiirra oolchuuf nudandeessisa.
LAMMEESSOO, iskiimota bishaanii suphaan isaan barbaachisu hatattaaman suphuudha. Iskiimota kanniinif suphaafi kunuunsa barbaachisu yeroon taasisuun bishaan qisaasamarraa kan oolchuudha.
SADEESSOO, iddoowwan giddu-seentummaa barbaadaan adda baasuun boollaa qotuufi madda bishaanii dabalataa barbaaduurratti xiyyeeffannoon hojjechuudha.
Bifuma walfakkaatuun, pirojektoota bishaanii jalqabaman yeroofi qulqullina qabameen akka xummuramaan hordofuun dirqama. Keessattuu godinaalee amala gammoojjummaa qaban (Baale, Shawaa Kaabaa, sulula laga Awashifi kkf) hojiileen eegalaman hatattaaman xummuramu qabu.
Akkasumas, iddoowwan hanqinni bishaanii olaanaan jiru, haata’uutii deeggarsi barbaachisaan yootaasifamee jijjiiramni guddaan galmaa’uu danda’amuutti xiyyeeffannoon socho’uun barbaachisaadha. Hojiileen bishaan waliin walqabatan sirnaan yoohoogganaman galmoonni ce’uumsa baadiyyaa qabaman salphaatti kan milkaa’an, kuni yoohintaane garuu jijjiiramni yaadamu hawwii qofa ta’e hafa.
Biyya keenya rakkoon bishaanii hinjiru; rakkoon jiru bishaan sirnaan bulchuufi hoogganuu dadhabuudha. Biyyoonni waggaatti altokko/torbee tokko qofa rooba argatan, sirnaan bulchuu waan danda’aniif jireenya qananii jiraacha jiru. Nuti garuu, rooba arfaasaa, gannaafi bishaan yaa’ufi lafa jalaa danuu osoo qabnu, rakkina hamaa keessa jiraanna. Kanaaf, rakkinoota (namtolchee jiran) maqsuuf hunda dura gara bishaan hoogganuutti ce’uun dhimma bu’uurati.
Walumaagalaatti, dhimma bishaanii hoggaansi ol’aanaan abbummaan qabatee hoogganuu qaba. Hundaa’ol, ummanni keenya akka bishaan dhiyeessinuuf waan barbaaduuf, dhimma bishaan bulchuu xiyyeeffannoo olaanaan hoogganuun murteessadha. Waajjira PMNO