Adama Broadcasting Service

Adama Broadcasting Service Utubduu Jijjiiramaa!

Biiroon fayyaa Oromiyaa dhaabbata "Engender health"waliin ta'uun haala fayyaa haadholii fi daa'immanii eeguun danda'amur...
04/06/2026

Biiroon fayyaa Oromiyaa dhaabbata "Engender health"waliin ta'uun haala fayyaa haadholii fi daa'immanii eeguun danda'amurratti oggeeyyii fayyaaf Adaamatti leenjii kenne.

Biiroon fayyaa Oromiyaa dhaabbata "Engender health"waliin ta'uun ha...

Shira filannoo gufachiisuuf yaadame fashaleessuun hojiin nageenyaa birmadummaa biyyaa mirkaneesse hojjetameABS- Caamsaa ...
04/06/2026

Shira filannoo gufachiisuuf yaadame fashaleessuun hojiin nageenyaa birmadummaa biyyaa mirkaneesse hojjetame

ABS- Caamsaa 27, 2018

Shirri filannoo waliigalaa 7ffaa gufachiisuuf diinota keessaafi alaan qindaa’e fashaleessuun hojiin nageenyaa birmadummaa biyyaa mirkaneesse hojjetameera jedhe Humni Waloo Nageenyaafi Tasgabbii.

Humni Walichaa raawwii nageenya filannoo gamaaggamuun adeemsa itti aanan irratti kallattii kaa’eera.

Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el wayita kana, Humni Walichaa akka biyyaatti hojiilee filannoon duraa, waqtii filannoofi filannoon boodaa irratti karoora baasuun qindoominaan hojjechaa jira jedhan.

Filannichi karaa nagaa qabeessa ta’een gaggeeffamuun isaa hojiileen riifoormii waggoottan jijjiiramaa darban dhaabbilee nageenyaa irratti hojjetaman dhaabbilee nageenyaa qabatamaan ergamawwan gurguddaa gahumsaan bahachuu danda’an uumamuu agarsiisa jedhan.

Hojiin nageenyaafi tasgabbii shira diinota keessaafi alaan qindaa’e fashaleesseefi birmadummaa biyyaa mirkaneesse akkasumas bu’aa riifoormichaa qabatamaan agarsiise hojjetamuu eeraniiru.

Uummanni hirmaannaa tokkummaafi birmadummaa cimsu taasisuu kaasaniiru.

Humni Waloo Nageenyaafi Tasgabbii oppireeshiniin shororkeessitootaafi finxaaleyyii irratti eegalame yeroo itti aanuttis cimee kan itti fufu ta’uu ibseera.

Yeroo itti aanutti taateewwan uummataafi mootummaa milkaa’inaan akka xumuramaniif hojiileen tasgabbii cimanii akka itti fufaniif kallattii kaa’eera.FMC

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Facebook ABS+_ https://www.facebook.com/share/1CrZXuYubp/

Youtube_https://www.youtube.com/
Telegram_https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

04/06/2026
Biiroon fayyaa Oromiyaa dhaabbata "Engender health"waliin ta'uun haala fayyaa haadholii fi daa'immanii eeguun danda'amur...
04/06/2026

Biiroon fayyaa Oromiyaa dhaabbata "Engender health"waliin ta'uun haala fayyaa haadholii fi daa'immanii eeguun danda'amurratti oggeeyyii fayyaaf Adaamatti leenjii kenne.

ABS-Caamsaa,27,2018

Saganticharratti Hoggantonni,oggeeyyiin fayyaa godinaalee fi magaaloota adda addarraa hirmaataniiru.

Biiroo fayyaa Oromiyaatti Daayreektarri Daayreektoreetii fayyaa haadholii, daa'immanii fi dargaggootaa obbo Ababaa Baqqalaa Kaayyoon sagantichaa haadholiif yeroo dahuumsaa fi dahuumsa booda tajaajila barbaachisaa ta'e haala kennuun danda'amurratti hubannoo oggeeyyii cimsuuf jedhan.

Akka naannichaatti buufataaleen fayyaa 1450 fi hoospitaaloonni 120 jiraachuu himanii karoora maatii mirkaneessuuf qindominaan hojjetemaa jiraachuu himan.

Qindeessaan sagantaa dirree dhaabbata "Engender health" obbo Daddafoo Tash*taa Dhaabbatichi rakkoo fayyaa fi du'aatii haadholii wayita da'uumsaa mudatu hir'isuuf meeshaalee yaalaa guutuu dabalatee hojii bal'aa hojjetaa jiraachuu himan.

Oggeeyyiin fayyaa gama isaaniitiin rakkoo fayyaa haadholii fi daa'immanii ittisuuf karoorri maatii murteessaa ta'uu himanii kana milkeessuuf kununsa fi eegumsa irratti xiyyeffannoon ni hojjennaa jedhan.

Makkiyaa Muussaatiin

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Facebook ABS+_ https://www.facebook.com/share/1CrZXuYubp/

Youtube_https://www.youtube.com/
Telegram_https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Filannoon Waliigalaa 7ffaan hirmaachisaa, karaa diimokiraatawaafi bilisaan gaggeeffame- Mana MarichaaABS-Caamsaa 27, 201...
04/06/2026

Filannoon Waliigalaa 7ffaan hirmaachisaa, karaa diimokiraatawaafi bilisaan gaggeeffame- Mana Marichaa

ABS-Caamsaa 27, 2018

Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasa Naannoo Oromiyaa Filannoon Waliigalaa 7ffaan hirmaachisaa, karaa diimokiraatawaafi bilisaan gaggeeffame jedhe.

Manni Marichaa filannoo Waliigalaa 7ffaa Caamsaa 24 bara 2018 geggeeffame ilaalchisuun Finfinneetti guyyaa har'aa yaa'ii taa'eera.

Walitti qabaan Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa Obbo Solomoon Taaffasaa wayita kana, filannoon Waliigalaa 7ffaa nagaan goolabamuufi haalli guyyaa sana ture hundi gaarii ta'uu ibsaniiru.

Rakkoowwan xixiqqoo guyyaa sana mudatanis eeruu kennameefi taajjabbii taasifameen sirreeffamaa turuus himaniiru.

Aangoonis uummataan akka argamu uummatni hojiin nutti agarsiiseera jedhan.

Itti aanaan walitti qabaa mana marichaa Obbo Mogos Ida'ee gama isaaniin, filannoo hirmaachisaafi diimokiraatawaa ta'e geggeessuuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa turuu ibsanii, fooyya'insa argame cimsaa hanqinoota jiran immoo furaa deemuun barbaachisaa ta’uu ibsan.

Uummannis kutannoo olaanaan aarsaa barbaachisu kaffalee filachuu isaaf galateeffataniiru.

Komii sagalee kennuun walqabatee jirus boordii filannootti yeroon komii dhiyeeffachuun akka dandaa'amu kan eeran Obbo Mogos, ammas paartileen siyaasaa qindoominaan hojii misoomaafi dhimma dantaa biyyaalessaarratti waliin hojjechuu akka qabanis yaadachiisaniiru.

Yaa'ii kanarrattis hanqinaaleefi ciminoonni filannoo waliigalaa 7ffaarratti turan miseensota mana maree waloo paartilee siyaasaa biraa ka'uun irratti mari'ataniiru.

Miseensonni mana maree waloo paartilee siyaasaas yaada kennaniin, filannoo Caamsaa 24 bara 2018 geggeeffame bu'aa sagalee uummataa kabajuun fudhachuun barbaachisaa ta'uu ibsanii, biyya kabaja qabduufi addunyaarratti beekamtu gochuuf yeroo kamiyyuu waloon hojjechuu qabna jedhaniiru.

Akka Oromiyaattis filannoo waliigalaa 7ffaa irratti paartileen siyaasaa bilisaan socho'aa turuu kan ibsan miseensonni mana marichaa, hawaasnis hanga halkaniitti dhaabatee filachuun jaalala biyyaaf qabu agarsiiseera jedhan.

Kan mo'ate paartii tokko qofa osoo hin taane uummata Itiyoophiyaati jedhanii paartiin mootummaa hundeessus adaraa guddaan akka itti kenname beekuun cimsee hojjechuu akka qabus ibsuusaanii ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.FMC

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Facebook ABS+_ https://www.facebook.com/share/1CrZXuYubp/

Youtube_https://www.youtube.com/
Telegram_https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Israa’el fi Libaanos waliigaltee dhukaasa dhaabuu gaggeessuuf waliigalan ABS- Caamsaa 27, 2018Israa’el fi Libaanos walii...
04/06/2026

Israa’el fi Libaanos waliigaltee dhukaasa dhaabuu gaggeessuuf waliigalan

ABS- Caamsaa 27, 2018

Israa’el fi Libaanos waliigaltee dhukaasa dhaabuu gaggeessuuf waliigalaniiru.

Biyyoonni lameen Heezboollaa dabalatee humnoota hidhattootaa biroo baasuun iddoowwan waraanni Libaanos to’atu hundeessuuf waliigaluun ibsameera.

Biyyoonni kunneen waliigalteerra kan gahan ta’us Heezboollaan guyyaa har’aa haleellaa waraana Israa’el irratti qiyyaafate raawwachuu yoo ibsu, Israa’el Kibba Libaanositti haleellaa raawwatteetti jechuunis himateera.

Heezboollaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu kanarratti hammatamuu dhabuun hojiirra oolmaa hammattoowwan waliigaltichaa irratti gaaffii kaasiseera.

Israa’el fi Libaanos waliigaltee hunda galeessarra gahuuf torbanoota lama booda marii dabalataaf kan wal argan ta’uunis ibsameera.

Heezboollaan akka lakkoofsa faranjootaa baatii Bitootessaa keessa Iraaniin deeggaruun Israa’el irratti haleellaa raawwachuun kan yaadatamu yoo ta’u, kunis haleellaa Israa’el Libaanos irratti raawwattu hammeessuu Aljeezraan gabaaseera.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Facebook ABS+_ https://www.facebook.com/share/1CrZXuYubp/

Youtube_https://www.youtube.com/
Telegram_https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Miseensotni   Gadaa Tuulama Saglii Torban Oboo Adeemsa baallii Kennuu Gadaa Meelbaa irraa gara Gadaa Michilleetti  (Muud...
04/06/2026

Miseensotni Gadaa Tuulama Saglii Torban Oboo Adeemsa baallii Kennuu Gadaa Meelbaa irraa gara Gadaa Michilleetti (Muudanaa) taasifamuu irrattii Marii gaggeessaan.

Enjoy the videos and music you love, upload original content, and share it all with friends, family, and the world on YouTube.

Miseensotni   Gadaa Tuulama Saglii Torban Oboo Adeemsa baallii Kennuu Gadaa Meelbaa irraa gara Gadaa Michilleetti  (Muud...
04/06/2026

Miseensotni Gadaa Tuulama Saglii Torban Oboo Adeemsa baallii Kennuu Gadaa Meelbaa irraa gara Gadaa Michilleetti (Muudanaa) taasifamuu irrattii Marii gaggeessaan.

ABS-Caamsaa,27,2018

Gadaan sirna Oromoo isa bu’uurati.
Gadaan jaarmiyaa umuriifi dhalootan ijaarame yoo ta'u, sirna bulchiinsa wal-qixxummaa akkasumas, Gadaan Oromoo aangoo karaa nagayaatin walii dabarsuu qofa osoo hin ta'in aangoo walii shaakalsiisuudhaan hawaasni karaa guutuu ta'een akka bulu kan taasisuudha.

Tuulamni Sadeen Miseensi Gadaa Michillee Waxabajjii darbe 2017 godaansa isaa Odaa Nabee irraa calqabuun Caffee Tumaatti kan seera tumate,bultoo itti bulee hawaasa isaa biran gahe;barana immoo Waxabajjii 4,2018 tti seera tumate raggaasisuuf Dhaka_Koratti beellammate.

Bu'uuruma kanan Miseensotni Saglii Gadaa Tuulama torban Oboo keessaatti argamaan walitti dhufun Adeemsa baallii kennu Gadaa Meelbaa irraa gara Gadaa michilleetti taasifamuu irratti ciminoota fi hanqinoota waggootan saddeettan darbe keessaatti muldhaate maal akka ta'e addaa baasuufi miseensi Gadaa baallii fudhatee immoo waggootan aangoo isaa maal gochuu akka qabuuf marii gaggeeffameedha.

Marii gaggeeffamee kana irratti Abbaa Gadaa Rattaa Yaa'ii,Hayyuu Gadaa Maammoo Gadaa dabalatee miseensotni Saglii Gadaa Tuulama torban Oboo argamanii jiru.

Miseensotni Gadaa tuulama torban oboo marichaa irratti argaman gama isaaniittin Gadaan, sirna uulfoo oromoon durii ganamatti jedhan.
Iddoo Jila sirni gadaa ittii gaggeeffamuu eeguu fi kunuunsuun dirqaama miseensa gadaatti jedhan.

Wajjiira Aadaa fi Tuurizimii Magaalaa Adaamaatti Dursaa garee sona Aadaa fi hambaa Obbo Hirkisaa Morodaa kayyoon marii guyyaa kana Gadaa guduumaa oromoo Fakkeenyaa dimookirasii ta'e sadarkaa addunyaatti beeksisuu,hariiroo waliin jirenyaa hawaasaa gidduu jiru cimsuu fi maqaa gaarii biyyaatti olkaasuu jedhan.

wajjirri Aadaafi tuurizimii magaalichaas Aadaa fi safuu hawaasichaa kan ta'e sirna gadaa eeguu fi kunuunsuuf xiyyeeffannoon kan hojjettuu ta'us ibsaniuru.
Gabaasni kan Tashoomaa Urgiiti

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Facebook ABS+_ https://www.facebook.com/share/1CrZXuYubp/

Youtube_https://www.youtube.com/
Telegram_https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Address

Adama

Telephone

+251993467772

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Adama Broadcasting Service posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Adama Broadcasting Service:

Share