GUMII Bokkoo

GUMII Bokkoo analyze sociopolitical and economic activities of our local community

 -News "  waggaa 36 booda kirkirri lafaa inni guddaan galmaawe.Kirkirri lafa arra naannawa daangaa Affaar fi Harargee li...
03/01/2025

-News
" waggaa 36 booda kirkirri lafaa inni guddaan galmaawe.

Kirkirri lafa arra naannawa daangaa Affaar fi Harargee lixaatti mudate Rektar Iskeeliidhaan 5.5 tahee galmaawe.

Kirkirri lafaa hammana gayu yeroo maayyiitiif Itoophiyaatti kan mudate April 13 1989 (A.L.A.) ture.

Guyyaa arraa Kirkirrii guddaan R.S 5 ol tahan yeroo 3 mudate.

Gama biraatiin Kirkirri ganama kana Naannoo Affaar Zoonii Sadi aanaa dullachaatti mudate ibidda Volkaanoo uumuun jiraattota qe'ee irraa akka buqqa'an taasise."

01/07/2024

Gaafa tokko namicha dureessa tokko Jalaa hantuutni diyaamendi liqimse. Ergasii namichi mala ittiin diyaamendii isaa argatu baafatee hantuutaa adamsuu eegale. Hantuutni kumaatamaan laakka'amu iddoo tokkootti walitti deebi'anii osoo jiranii hantuutni tokkichi kopha isaa adda bahee taa'uu argee ajjeese diyaamendii isaa argate. Akkamitti hantuutni diyaamandii kee liqimse isa ta'uu beekte jedhanii gaafannaan namichi akkas jedhee deebise, salphaadha gowwaan ykn daafanaan gaafa qabeenya horatu adda baha jedhe jedhama. horaa bulaa..

Galanni Dr Caalaa Waataa Darasoo hidhaa ta'uu hin qabu.  Free Dr Caalaa Waataa
19/06/2024

Galanni Dr Caalaa Waataa Darasoo hidhaa ta'uu hin qabu. Free Dr Caalaa Waataa

23/05/2024

🚨Transfer update:

âś…Manchester United want to sign England striker Ollie Watkins from Aston Villa as the 28-year-old fits the profile of the player they are looking to recruit. (Talksport)

âś…Arsenal are considering a ÂŁ60m bid for RB Leipzig's 20-year-old Slovenia forward Benjamin Sesko. (Telegraph - subscription required)

âś…Liverpool's 31-year-old Egypt forward Mohamed Salah and Brazil goalkeeper Alisson Becker, 31, are among the top targets for Saudi Pro League clubs this summer. (Guardian)

âś…Erik ten Hag's chances of remaining Manchester United manager are rated at 50-50, with the 54-year-old Dutchman's future to be decided after the FA Cup final on 25 May. (Guardian)

âś…Thomas Tuchel, who is on Manchester United's shortlist of potential replacements for Ten Hag, is in talks to stay at Bayern Munich, having been set to leave at the end of the season. (Times - subscription required)

âś…Paris St-Germain are considering a move for Crystal Palace's 26-year-old French striker Jean-Philippe Mateta. (Sun)

âś…Chelsea have prepared a fresh bid for Palmeiras winger Willian Estevao after agreeing terms with the 17-year-old Brazil youth international last week. (Fabrizio Romano)

âś…Despite qualifying for the Champions League Aston Villa will have to sell at least one player for a significant fee this summer to comply with Premier League Profit and Sustainability Rules. (Sun)

âś…Chelsea will earn a ÂŁ5m bonus under the terms of Eden Hazard's 2019 transfer to Real Madrid after the Spanish side reached the Champions League final - despite the 33-year-old former Belgium forward retiring seven months ago. (Telegraph - subscription required)

âś…Manchester United are interested in signing 21-year-old English defender Jarrad Branthwaite and Belgian midfielder Amadou Onana, 22, from Everton. (Manchester Evening News)

âś…Scotland striker Che Adams, 27, is in talks with Wolves over a free transfer when his Southampton contract expires at the end of the season. (Football Transfers)

âś…AC Milan

08/05/2024

Naannoo Oromiyaatti Guyyaan qormaanni kutaa 6ffaa fi 8ffaa itti kennamu ifoome

Ebla 30, 2016 - Biiroon Barnoota Oromiyaa guyyaa qormaanni kutaa 6ffaa fi 8ffaa itti kennamu ifoomseera.

Haaluma kanaan qormaanni kutaa 6ffaa Caamsaa 26 - 30, 2016 kan kutaa 8ffaa Waxabajjii 3 - 7, 2016 kan kennamu ta’uu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksiseera.

Qormaatni kutaa 6ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e gosoota barnoota kutaa 6ffaa keessaa qofa yoo ta'u,
Gosootni Barnootaas;
1.Afaan Oromoo/Amaariffa
2. Afaan Ingilizii
3.Herrega
4.Saayinsii Naannoo
5. Barnoota Gadaa 50%fi Safuu 50%

Qormaatni kutaa 8ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e; gosoota barnootaa kutaa 8ffaa keessaa qofa yoo ta'u, gosootni Barnootaas;
1-Afaan Oromoo/Amaariffa
2-Afaan Ingilizii
3- Herrega
4- Saayinsii Hawaasaa
5- Saayinsii Waliigalaa
6- Barnoota Gadaa 50%fi Lammummaa 50% kan fudhatan ta'uu ragaan Biiroo Barnoota Oromiyaa irraa argame ni muldhisa.

Gadaan Roobaa Nagaa. Barri quufaaf gabbinaa, barri bara milkiiti, hunduma keessaniif carraa gaarii hawwina.

29/04/2024

Guyyaan qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa ifoomeera
************** .

Guyyaan bara barnootaa 2016 mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Itiyoophiyaa xumuruu ykn qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa ifoomeera.

Qormaanni biyyoolessaa kutaa 12ffaa saayinsii hawaasaaf July 3 hanga 5tti, dorgomtoota saayinsii uumamaatif ammoo July 9 hanga 11 2016tti (Adoolessa 09-11) karaa interneetii (on-line) fi waraqaa yunivarsiiticha keessatti kennama.

Odeeffannoon Tajaajila Madaallii fi Qormaata Barnootaa irraa arganne akka agarsiisutti qorattoonni saayinsii hawaasummaa waraqaa irratti hundaa’an June 30 fi July 1, 2016,(Waxabajjii 30-Adoolessa 01/2016) saayinsii uumamaa ammoo July 6 fi 7, 2016 (Adoolessa 06-07) akka seenan agarsiisa.

Gooroon Doolaa bifa kanaan murtii fi ukkaamsa maafiyaa didde!. Wal cinaa haa dhaabbannu, tokkummaan haa falmannu, dhugaa...
05/05/2023

Gooroon Doolaa bifa kanaan murtii fi ukkaamsa maafiyaa didde!. Wal cinaa haa dhaabbannu, tokkummaan haa falmannu, dhugaa qabna ni injiffanna...

04/05/2023

'Mariin mootummaafi WBO haala gaariin deemaa turus ammatti waliigalteerra hin ga’amne'
********
Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti Taanzaaniyaa Zaanziibaariitti gaggeeffamaa ture marsaan jalqabaa har'a xumurame.

Mariin Ebla 25, 2023 eegalame kunis erga haala gaariin gaggeeffamaa kan ture booda dhimmoota tokko tokkorratti sadarkaa marii jalqabaa kanarratti waliigalteerra osoo hin gahamiin hafuu ibsi qaamoleen lamaaniin adda addaatti baafame mul'iseera.

"Waldhabiin haala waaraan karaa nagaatiin furuun akka danda'amuuf qaamoleen lamaaniyyuu maricha itti fufuun barbaachisaa ta'uurratti waliigalteerra gahameera," jedhe ibsi qaamoolee lamaaninu baafame.

Mariin nagaa kun Taanzaaniyaa odola Zaanzibaar, qarqara Garba Hindii bakka Muyuunii jedhamu, riizoortii Eemiraaldi jedhamu keessatti guyyoota sagaliif gaggeeffamaa ture.

Qaamolee lamaan mariin dabalataa akka barbaachisu eeranis yoomiif eessatti gaggeeffama akka jedhu garuu hanga ammaatti hin ibsine.

Lamaan isaanii gidduu wal hubannaan jiraachuu ibsanis dhimmoota kaan irratti wal tahuun kam irratti ammoo wal dhaban kan jedhu bal’inaan hin ibsamne.
Waaqayyoon hubannaa fi walii galtee araara nuuf haa kennu! Uummanni Dheebuu nagaa qaba

14/03/2023
13/03/2023

Hin kenninu Nageelle seenaanis ta'ee seeraan lafa Gujii Gurracha Girjaati!

18/08/2022

Haadha manaafi abbaa manaa tokkotu wajjin jiraachaa ture. Haati manaa kun, "Otuun abbaa manaa koo dhiisee deemee akkam ta'aa laata?" jettee teessee yaadde. Akkam akka aaru baruu barbaadde. Gaaftokko yommuu inni manaa ba'u xalayaa barreessitee minjaala bakka ciisicha isaanii jirurra keesse. Xalayichis akkas jedha;
"Siif obseen dhadhabe. Anaafi ati walii galuu hin dandeenye. Kana booda obsa koo fixadheera. Si wajjin gubachaa jiraachuu hin fedhu. Nagaan turi, ani deemeera." jettee ofiisheemmoo siree jala seentee dhokatte.
Abbaan manaa yeroo ol seenu haati manaasaa hin jirtu. Kutaa ciisichaa isaaniitti yommmuu ol lixu, xalayaa isheen barreessitee minjaala irra keesse sana argee dubbisuu jalqabe. Erga dubbisee fixee booda gammachuudhaan ol utaale. Bilbila isaa saffisaan fuudhee nama tokkotti bilbile. "Helloo damma
koo eessa jirtaa? Uffee...isheen siin jedhe sun ni sokkiteem. Eessatti wal agarraa? Baga narraa deemte. Duruma iyyuu sitti himeera anatu dogoggore, jalqabuma si fuudhuun qaba ture. Ariifadhuu bakka dur wal agarru sanatti koottu damma koo. Bye" jedhee bilbila cufee kutaa ciisichaa keessaa ba'e.
-
Haati manaa isaa waan kana hundaa siree jala ciistee afaanshee ukkamsitee dhaggeeffachaa turte. Waan gurrishee dhaga'e kana amanuu dhadhabde. Hirqinfattee boosse. Imimmaan fuulasheerra dhangala'e. "Dhiira amanuun kanumaa?" jettee gaddaa fi aariidhaan gubatte. Siree jalaa baatee kutaadhuma ciisichaa sana keessa fajajjee dhaabatte.
Yeroo abbaan manaa ishee balbala mooraa banee gadi ba'u, kutaa 'saaloniitti' achi dabartee waraqaa wayii kan abbaan manaashee barreessee kaa'ee ba'e argite. Waraqichas fuutee dubbisuu jalqabde. Akkas jedha;
"Atillee na dhokachuuf yaaddee, ani garuu miila kee siree jalatti argeera. Nan sobe eenyuuf iyyuu hin bilbille. Daabboo
bituufan deebi'ee gadi ba'e. Tapha fokkisaa akkasii dhiisii ka'i irbaata nuuf qopheessi. Sin jaalladha" jedhee barreessee deeme.
-
"Otuu hin hubatiin, qubaa hin gubatiin" jedhu biyya keenyaa. Waanan fb irratti argee irraa

Address

Finfinnee
Adama

Opening Hours

Wednesday 09:00 - 17:00
Saturday 09:00 - 17:00
Sunday 09:00 - 17:00

Telephone

+251980251626

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when GUMII Bokkoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to GUMII Bokkoo:

Share

Category