14/02/2024
DEVA KOO โคโคโคโคHoma Miti Leencaa Koo
" kaan dhoksanii isa kaan immoo jiraatu" jetti AKKOON KO.
โคโคโคโคโคโคโค
Guyyaanis halkanis anaaf walum-qixa dukkana ture.
har'as karaa sana tasumaa homtuu naaf bakka bu'uu hin dandeenye, garuu haadha malee jiraachuun hinuma danda'ama!
"Isa kaan dhoksanii isa kaan immoo obsanii jiraatu" jetti AKKOON KO.
โ๏ธ
Mana keenya shaakala addaatu jira!
Haati ko yeroo ani mana hin jirres (Hiree ko) namaaf hin laattu!
Erguman manaa ba'ee jireenyaaf magaalaan amma jirutti galee iyyu yeroo ayyaana waggaa fi yeroo handaaqqoon qalamtu Hiree ko dhoksaatti naaf keessi!
akka ani hin nyaanne utuuma beektuu garuu na jalaa hin fixxu!
Garaan haadhaa qulqulluudha waaqaa gaditti namaan olitti haati ofii qixxee hin qabdu!
Garuu yeroon gabaabsu; utuu ani jijjiiramee nama ta'ee guyyaa tokko illee ishee hin gammachiisiin ijoollee ko jettee utuu boossuu na dhiiftee duute ๐ญ
Hawwiin ko hundumtuu gaafa sana du'e!
Akkaataan jireenyaa yeroof na jalaa badee ture!
Obboloota koo fi maatii nama kamuu dhokadheen guyyaa fi halkan boo'aa oolee bula!
Seenaa jireenya koo akkamitti akkan jiraadhee har'a ga'e guyyaa tokkon haas'a!
Har'aaf garuu waaqayyo haadhaa fi abbaa caalaa utubaa jireenyaa ta'ee akka nama baatu dubbachuu barbaadeeni!
Ani jireenya ko keessatti nama ani siif jira jabaadhu sin gargaara, sin jiraachisa , si wajjinan jira naan jedhe 1 hin argine!
Qofaakon waggaa meeqa dabarse mana cufaa keessatti namni garuu bakkee namaa malee keessa namaa hin beeku!
Waaqayyoon waamamuun ko garuu eddoo ulfinaa na dhaabe !
Yesuus kiristoos inni ijoollummaa kotti na filate nan ganne!
Obboloota ko adaraa Waaqayyoon haala keessaiin hin madaaliinaa inni tasumaa isin hin buusu!
Isinitti dheeressuu hin barbaanne garuu amanachuun keessan hamma dhumaatti haa ta'u.
Jabaadhaa !
Tarii warri abdii kutannaa guddaa keessa jirtani
Kana keessaa yooman ba'a jettani harki waaqayyoo boolla inni keessaa nama hin baafne hin jiru!
Akkuma barreefama kana dubbiftanii fixxaniin galateeffadhaa!
Jireenyi keessan isa hafetu caala!
galatoomaa ๐