Oromia Broadcasting Service - OBS

Oromia Broadcasting Service - OBS Oromia Broadcasting Services (OBS) miidiyaa walabaa fi loogirraa bilisa ta'ee jijjiirama hawaasaa itti fufinsa qabu dagaagsuuf hundaa'edha. Radio broadcasting.

You can follow us on: https://t.me/OBSTV1 Establishment:
Oromia Broadcasting Services (OBS) is an independent and impartial international broadcasting company established to promote the progress and advancement of society through the production, collection and dissemination of knowledge and information with the aim to inform, educate and entertain. Broadcasting Languages
The broadcasting language

of OBS Shall be Afaan Oromo, the single most widely spoken language in Ethiopia and the fourth largest African Language, English, Amharic(the second most widely spoken language in Ethiopia), and such other languages that the Editorial Board of OBS may aprove will serve as the broadcasting languages of the Oromia Broadcasting Services
 
Our Vision:
Serve as the platform of choice for entrepreneurs of ideas, businesses, arts and entertainment from the Horn of African Nations and their Global Diaspora. Our Mission:
In addition to its flagship satellite television broadcasting, OBS’s mission is to serve as a multimedia platform that deploys the latest digital and social media technologies where thoughts and opinions are shared, nurtured and developed with the goal of creating a prosperous and enlightened society that will promote, protect and advance its interests, values and general societal welfare through individual innovation, creativity and respect for diversity. Motto
Connecting your ideas and businesses with your people. "OBS is choice of the people"

OBS also offers the following services:
Satellite Television Channels for independent producers that accept and honor the core values, terms and conditions as well as language policies set by OBS. Business and Commercial Advertisements for businesses, entrepreneurs and entertainers. Online multimedia and social media platforms and outlets. Production and distribution of motion pictures and audiovisuals.

Dhaabbileen diinagdee waggoottan 30 oliif injifannoo  fi milkaa'inaan fulla'an, Baankiin Awaash fi Inshuraansiin Awaash ...
17/10/2024

Dhaabbileen diinagdee waggoottan 30 oliif injifannoo fi milkaa'inaan fulla'an, Baankiin Awaash fi Inshuraansiin Awaash Dhaabbata daldalaa "Odaa Share Company" jedhamu irraa dhalatani.
"Ilmaan Lakkuu" jedhamanii waamamu leellistoota dhaabbilee kanneenii biratti.

Hundeeffamaa fi milkaa'ina dhaabbilee kanneenii duuba namoota seenaan yaadatu iyyaafanneerra.

#

Marii egeree OBS irratti xiyyeeffate kutaa 2ffaa.
16/10/2024

Marii egeree OBS irratti xiyyeeffate kutaa 2ffaa.

#

Egereen TV OBS maal ta'a? Marii dhimma kana irratti xiyyeeffate kutaa 1ffaa daawwadhaa.
16/10/2024

Egereen TV OBS maal ta'a? Marii dhimma kana irratti xiyyeeffate kutaa 1ffaa daawwadhaa.

#

Kabajamtoota hordoftoota keenya; tamsaasni OBS Fulbaana 27/2017 irraa eegalee addaan cituun isaa ni beekama. Kanaaf immo...
09/10/2024

Kabajamtoota hordoftoota keenya; tamsaasni OBS Fulbaana 27/2017 irraa eegalee addaan cituun isaa ni beekama. Kanaaf immoo sababni gatiin Doolaaraa waan dabaleef kafaltiin Saatelaayitii ulfaachuu isaati. Guyyaa fi sa'aatii tamsaasni OBS addaan citee eegalee dhimmamtootni keenya baay'een deeggarsa goonee qilleensatti deebifna jechuun miidiyaalee hawaasaa garaa garaa irratti yaada isaanii qoodaa jiru. Kanaaf OBS galata guddaa isiniif qaba.

Maanajimantiin OBS's guyyaa tamsaasni addaan citee kaasee tooftaa miidiyaa kana qilleensatti deebisuun danda'amu irratti hojjechaa jira. Deeggarsa yaadaa hawaasni keenya agarsiisaa jiruuf irrra deebi'uun galateeffachaa karaa namootni dhuunfaas ta'e dhaabbileen garaa garaa deeggarsa gochuun miidiyaa keenya qilleensatti deebisuun danda'amu kan walduraa duubaan isin beeksisaa adeemnu ta'a. Horaa bulaa!

Duulli galmee waraqaa eenyummaa dijitaalaa Finfinneetti adeemsifamuufiOBS- Fulbaana 29/2017-Boruu eegalee Finfinneetti d...
09/10/2024

Duulli galmee waraqaa eenyummaa dijitaalaa Finfinneetti adeemsifamuufi

OBS- Fulbaana 29/2017-Boruu eegalee Finfinneetti duulli galmee waraqaa eenyummaa dijitaalaa ni adeemsifama.

Duula taasifamu ilaalchisuun hojii gaggeessaan pirojektii waraqaa eenyummaa biyyaalessaa Yoodaahee Ar’ayasillaasee fi Daarektarri olaanaa ejensii galmee siviilii fi tajaajila jiraattota Yoonaas Alamaayyoo waliin ta’uun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Ibsa kanaanis aanaalee fi kutaalee magaalaa hundatti akkasumas waajjirri olaanaa ejensii galmee siviilii fi tajaajila jiraattotaa fi waajjiraaleen damee lama boruu kaasee galmee faayidaa duulaan akka taasisan ibsameera.

Duuli kun sirna galmee dijitaalaa faayidaa hawaasa qaqqabsiisuuf akka dandeessisu himameera.

Harargee_Lixaatti balaa sigiga lafaa mudateen haadha ulfaa dabalatee lubbuun namoota 9 darbe OBS, Fulbaana 2017 Godina H...
09/10/2024

Harargee_Lixaatti balaa sigiga lafaa mudateen haadha ulfaa dabalatee lubbuun namoota 9 darbe
OBS, Fulbaana 2017
Godina Harargee Lixaa aanaalee Gubbaa_Qorichaa fi Shanan_Dhugootti balaa sigiga lafaa Fulbaana 28, 2017 ALI mudateen waliigalaan lubbuun namoota 9 darbuu kominikeeshiniin godinichaa beeksise.

Aanaa Gubbaa Qorichaa ganda Jarjareetti rooba cimaa dhiyeenya kana roobaa jiruu hordofuun sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota afurii darbuu bulchiinsi gandichaa beeksiseera.

Bulchaa Itti-aanaan ganda Jarjaree Obbo Mohaammaddiin Abdurhamaan sigigni lafaa kun kaleessa waaree booda naannoo sa'aatii 11:20tti mudachuu himan. Balaa kanaan shamarran sadi fi haati ulfaa tokko osoo bishaan waraabaa jiranii lubbuun isaanii darbbuu ibsan.

Haaluma walfakkaatuun balaa sigiga lafaa kuni aanaa Shanan Dhugoo ganda Mayra_Lalisaatti mudateenis lubbuun namoota shanii darbuu bulchiinsi aanichaa beeksiseera.

Balaan sigiga lafaa kunis rooba cimaa tibbana roobaa jiruun kan mudate akka ta'e Itti gaafatamaan waajjira bulchiinsa aanichaa Aadam Abbaas himaniiru.

Aanaalee godina Harargee Lixaa iddoo garagaraatti mallattoon kuni mul'achaa jiraachuu kan eere kominikeeshiniin godinichaa, ummanni naannichaa iddoowwan lafa sigigaaf saaxilamoo jedhamanii shakkamanitti jiraatan of eeggannoo akka godhan hubachiiseera.

Erga yeroo dhiyoo asii balaan sigiga lafaa kutaalee biyyattii garagaraa keessatti mudachuun lubbuu namoota hedduu galaafachaa jira.

Baatii Adoolessa darbe godina Goofaatti balaa sigiga lafaan lubbuun lammiilee 257 ol galaafatamuun kan yaadatamu.

Daa'imman waggaa 5 gadii  Magaalaa Shaggaritti talaallii Pooliyoo fudhataa jiru.OBS,  Ful,28/2017Duulli Talaallii pooliy...
08/10/2024

Daa'imman waggaa 5 gadii Magaalaa Shaggaritti talaallii Pooliyoo fudhataa jiru.

OBS, Ful,28/2017
Duulli Talaallii pooliyoo akka magaalaa Shaggaritti Fulbaana 28 hanga Onkoloolessa 1 ,2017 tti turu daa'imman waggaa 5 gadiif kennamaa jira.
Duula talaallii kanaan daa'imman waggaa shanii gadii kuma dhibba sadii fi kuma 47 akka talaalaman Waajjirri Fayyaa magaalichaa beeksisee jira.
Daa'imman manneen barnootaa, manaa manarra deemuu fi buufataalee fayyaatti talaallii kana akka fudhatan gochuuf ogeessonni 1400 ramadamuunis himameera.
Talaallii Pooliyoon cinatti daa'imman talaallii idilee adda kutanii fi fudhatanii hin beeknee, dubartoota feestullaaf saaxilaman, dubartoota ulfaa adda baasuu fi talaalliin Vaayiresii Koroonaa fi kanneen biroo akka duula kanaan hammatamus himameera.
Mallattooleen dhibee pooliyoo mul’achuu isaa yaadachiisuudhaan dhibee kana ittisuu fi balleessuuf duula taasifamu kanatti dhimmamuun maatiin daa'imman isaanii talaalchisuu akka qaban Ittigaafatamaa Ittaanaan waajjira Fayyaa Magaalaa Shaggar Obbo Adaanee Kabbadee dhaamaniiru.

Carraa kanatti fayyadamuun daa'imman kanaan dura hin talalamne akka talaalamanii fi hubannoon hawaasaa kanarratti cimaa ta'uu akka qabu Biroo fayyaa Oromiyaatti daayirekterri daayirektoreetii barnoota fayyaa fi komiyunikeeshenii siister Saadaa Ahimad dhaamaniiru.

Hisqeel Argawuu tu gabaase

Ayyaanni Irreechaa duudhaa fi sirna isaa eeggatee akka kabajamu qophiin barbaachisu hundi xumuramuu Biiroon Aadaa fi Tur...
03/10/2024

Ayyaanni Irreechaa duudhaa fi sirna isaa eeggatee akka kabajamu qophiin barbaachisu hundi xumuramuu Biiroon Aadaa fi Turiziimii Oromiyaa beeksise

Biirichi haala kabaja Ayyaana Irreechaa bara 2017 irratti Ibsa miidiyaaf kenne

OBS, Fulbaana 23/2017, Finfinnee
Ayyaanni Irreechaa duudhaa fi sirna isaa eeggatee akka kabajamu qophiin barbaachisu hundi xumuramuu Biiroon Aadaa fi Turiziimii Oromiyaa Ibsa miidiyaaf kenneen beeksise

Ibsicha kan kennan Hooggantuu Biiroo Aadaa fi Turiziimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbirruu, Irreechi baranaa duudhaa isaa eeggatee akka kabajamu qindoomina qaamolee barbaachisan waliin taasisuun qophiin taasifamuu kaasan.

Kanaanis Mariin uummataa taasifamuu, Bakki Irreechi itti ireeffatamu qulqulleeffamuu, Diyaasporaaf, Imbaasiiwwanii fi dippiloomaatotni ayyanicha akka hirmaatan waamichi dhiyaachuu, sirna ayyaana kanaa miidiyaaleen biyya keessaa fi idil addunyaa akka gabaasaniif afeerraan taasifamuu,gama fayyaatiin rakkoon akka hin uumamne qophiin taasifamuu Aadde Jamiilaa Simbirruu Ibsa isaaniin kaasan

Hawaasni Ayyaana Irreechaa kabajuuf dhufu kallattii abbootiin Gadaa kennaniin ala Mallattoolee duudhaa irreechaan wal hin simne qabatanii akka hin dhufne Aadde Jamiilaan waamicha dhiyeessniiru.

Kabaja Ayyaana Irreechaa sababeeffachuun daandiwwan tajaajila Tiraafikaaf cufaa ta’an ifoomanOBS, Fulbaana 23, 2017 –Poo...
03/10/2024

Kabaja Ayyaana Irreechaa sababeeffachuun daandiwwan tajaajila Tiraafikaaf cufaa ta’an ifooman

OBS, Fulbaana 23, 2017 –Poolisiin Magaalaa Finfinne kabaja Ayyaana Irreechaa sababeeffachuun daandiwwan tajaajila Tiraafikaaf cufaa ta’an ifoomse.

Haaluma kanaan daandiiwwan armaan gadii tajaajila geejjibaaf cufaa ta’uu himeera.

• Daandiin Uraa’eelii gara Addabaabayii Masqalaa fudhatu,addabaabayii Uraa’eelitti,

• Boolee gara Addabaabayii Masqalaa fudhatu Olompiyaatti,

• Masqal Filaawarii gara Olompiyaa fudhatu Addabaabayii Gaazeebootti,

• Agoonaa Siinimaa gara gara Addabaabayii Masqalaa fudhatu Addabaabayii Xilahuunitti,

• Ibsaa Laga Harree gara Addabaabayii Masqalaa fudhatu Ibsaa Laga Harreerratti,

• Qaxxaamura Teelee gara Istaadiyeemii fudhatu qaxxaamura Teeleetti,

• Hoteela Raas gara Istaadiyeemii kan fudhatu Hoteela Raasitti,

•Ibsaa Harraambee gara gara Addabaabayii Masqalaa fudhatu Ibsaa Harraambeetti,

• Masaraa Biyyaaleessa gara Addabaabayii Masqalaa fudhatu Masaraa Biyyaaleessaatti,

• Sheelii Qarsaa gara Baambiis fudhatu Sheelii Qarsaa cinaatti,
• Hoteela Jippitarii gara ECA fudhatu Gamoo Saalkoot cinaatti kan cufamu ta’uu ibseera.

Ayyaanni Irreechaa jaalalaa fi  gammachuun kabajamu milkiin akka xumuramuuf hawaasni fayyaa isaa eeggachuu akka qabu Bii...
30/09/2024

Ayyaanni Irreechaa jaalalaa fi gammachuun kabajamu milkiin akka xumuramuuf hawaasni fayyaa isaa eeggachuu akka qabu Biiroon Fayyaa Oromiyaa waamicha dhiyeesse.

Biirichi Fayyaa hawaasaa wayita Ayyaana Irreechaa ilaalchisuun Gamtaa Abbootii Gadaa waliin marii'ateera.

OBS-Fulbaana 20/2017: Biiroon Fayyaa Oromiyaa hawaasni bal'aan Ayyaana Irreechaa kabajuuf socho'u fayyaa isaa eeggachuu akka qabu marii Gamtaa Abbootii Gadaa waliin magaalaa Bishooftuutti marii'ate irratti himeera. Dhibeewwan daddarboo ta'anii fi balaawwan mudachuu malan ittisuuf qooda fudhattootni hunduu cimanii hojjechuu qabu jedhame.

Kantiibaa itti aanaan Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu Obbo Gazzahaanyi Dajanee hawaasni Ayyaana Irreechaaf gara magaalittii dhufu nagaan dhufee akka galuuf dhaabbileen magaalittiitti tajaajila garaa garaa kennan qulqullina tajaajilaa akka eeganiif qophaa'ameera jedhani. Dhaabbileen fayyaas saatii 24 akka hojjetaniif marii'atamuu himani.

Hoogganaan itti aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Bokonaa Guutaa Irreechi nageenya jennee akkuma hawwiin eeggannu yoo rakkoon hin eegamne mudatellee attamiin furuu akka dandeenyu qophoofneerra jedhan. Ayyaana Irreechaa magaalaa Bishooftuutti irreeffatamuuf Ambulaansonni 20 qophaa'aniiru, kilinikootni fi buufataaleen fayyaa jiran akkasumas hospitaalonni magaalittii fi naannoo ishii jiran hundi qophaa'uu himani. Dabalataan dunkaanonni magaalittii keessa ni dhaabamu jedhan. Namootni qoricha fudhachaa jiranillee yeroo gara Irreechaa deeman qoricha isaanii irraanfatanii ba'uu akka hin qabne dhaamanii yoo akka tasaa irraanfatanii ba'aniif dhaabbileen fayyaa qorichoota akka kennaniif qophaa'ameera jedhan.

Hirmaattotni marichaas Biirichi rakkoo fayyaa hawaasaa midachuu danda'u ittisuuf dursee itti qophaa'uun isaa gaariidha jedhani. Hawaasni bal'aan gara Ayyaana Irreechaa dhufus fayyaa isaa eeggachuu akka qabu dhaamanii ofiis ga'ee isaanii akka ba'an himaniiru.

Haala kabaja Ayyaana Irreechaa bara 2017 irratti ogeeyyii miidiyaa fi komunikeeshiniitiif leenjii gabaabaan kennameOBS, ...
28/09/2024

Haala kabaja Ayyaana Irreechaa bara 2017 irratti ogeeyyii miidiyaa fi komunikeeshiniitiif leenjii gabaabaan kenname

OBS, Fulbaana 18/2017, Ayyaanni Irreechaa bifa nagaa fi duudhaa isaa eeggateen akka kabajamuuf ogeeyyii miidiyaa fi Komunikeeshiniitiif leenjiin gabaabaan qindoonima Biiroo Aadaa fi Turiziimii Oromiyaa fi Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaatiin kenname.

Ayyaanni Irreechaa bara 2017 Fulbaana 25 Hora Finfinneetti, Fulbaana 26 Hora Harsadeetti kan kabajamu yoo ta'u, Ayyaanichi bifa miidhagaa fi duudhaa isaa eeggateen akka kabajamuuf fi ogeeyyiin miidiyaa fi Komunikeeshinii gabaasa ogummaarratti hundaayeen gabaasuu akka qaban dhaamame.

Irreechi ibsituu Galata, Nagaa, Araara, tokkummaa fi jaalalaa waan ta'eef namni hundi karaa duudhaa isaa eeggateen bahee akka kabajatuuf gaheen miidiyaa Olaanaa ta'uu leenjicharratti kaafameera.

Yusuuf Warqiisaatu gabaase.

Address

Adama
2688

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Broadcasting Service - OBS posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Oromia Broadcasting Service - OBS:

Share