KAKU MEDIA

KAKU MEDIA "KAKU MEDIA'n hunda hammatadha!"
"KAKU MEDIA is all Inclusive!"

08/07/2025

Galata Maariyaam Dn F/taa Daaniel Daassaleny
Faaruu Waltajjii

ትምህርተ ወንጌል
06/07/2025

ትምህርተ ወንጌል

kana irratti Barumsa, Faarfannaafi Sagantalee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo ni argattu!

Follow Mulugeta Tesfa Gadisa
03/07/2025

Follow Mulugeta Tesfa Gadisa

kana irratti Barumsa, Faarfannaafi Sagantalee Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo ni argattu!

KAKU MEDIA
21/06/2025

KAKU MEDIA

Faaruu, Barumsa, Sagantalee Afuuraa kan birootifKAKU_MEDIA_Subscribe gochuun nu hordofaa!

እንኳን አደረሳችሁ                         ዕርገት እርገት ከጌታችን ከአምላካችን ከመድሃኒታችን ከእየስሱስ ክርስቶስ ዘጠነኛ አበይት በዓላት አንዱ ነው
29/05/2025

እንኳን አደረሳችሁ

ዕርገት

እርገት ከጌታችን ከአምላካችን ከመድሃኒታችን ከእየስሱስ ክርስቶስ ዘጠነኛ አበይት በዓላት አንዱ ነው

Ayyaanota Gurguddoo Gooftaa keessaa olba'uun isa tokkodha baga geessan!
29/05/2025

Ayyaanota Gurguddoo Gooftaa keessaa olba'uun isa tokkodha baga geessan!

ልደትሽ ልደታችን ነው🙏❤️Dhaloonni kan kee dhaaloota keenya! Furii addunyaa kan ta'e Iyyasuus Kiristoos waan nuuf deesseef si jaj...
09/05/2025

ልደትሽ ልደታችን ነው🙏❤️
Dhaloonni kan kee dhaaloota keenya! Furii addunyaa kan ta'e Iyyasuus Kiristoos waan nuuf deesseef si jajanna!
==•|•==
Ifaan Guutameera gaarri Libaanosi
Giiftiitu dhalatee Haadha IYYESUUSI
Sirraa baranneerra galata isaaf laanna
Waaqa si nuu kenneef ilillee galchina
==•|•==

Qulqulleetti Maariyaamii Adaamaa 21/07/17 galgala
30/03/2025

Qulqulleetti Maariyaamii Adaamaa 21/07/17 galgala

✍ Torbee 6ffaa Tsooma Guddichaa ✍️           TAJAAJILAA AMANAMAA            ---------------------------------------Torbe...
29/03/2025

✍ Torbee 6ffaa Tsooma Guddichaa ✍️
TAJAAJILAA AMANAMAA
---------------------------------------
Torbee 6ffaan Sooma guddichaa moggaasa Tajaajilaa amanamaa jedhamuun beekama. Gooftaan keenya namtichi sooressi tokko qarshii isaa hojjettoota isaatti kennee, isaanis akka ittiin hojjetanii bu'aa buufatan, boodas dhufee akka isaan irraa sassaabbate fakkeessee waa'ee dhufaatii mootummaasaa nu barsiiseera. Moggaasni guyyichaa kan Qul. Yaared yoo ta'u, "Garbichi amanamaan eenyu?" jechuun kan kaa'ee jira.

Kutaa dubbisa guyyichaaf kennaman yoo ilaalles waa'ee hojjettoota amanamoo fi hin amanamnee gatii isaanii waliin arganna. Isaanis Gooftaa isaanii biratti hojjettoota ta'uun beekamu. Garuu Gooftaan isaanii hojii gosa tokko hammaan adda ta'e isaaniif kenne. Hojichis Daldala ture. Qarshii 5, Qarshii 2 fi Qarshii 1 Isaanitti kennee akka daldalanii bu'aa waliin deebisan ajajee ture. Qarshii 5 fi Qarshii 2 warri fudhatan bu'aa dachaa waliin si'a deebisan, gatii wal fakkaataa Eebbaa fi badhaasa wal qixa argatan. Inni Qarshii 1 fudhate garuu awwaalee tursee dhala malee deebisee itti ceepha'ame ittis adabame. Fakkeenyi Qarshichaa Sagalee Waaqayyootii fi tajaajila gosa garaa garaati. Garbootni sunis fakkeenya tajaajiltootaa fi amantoota gosa tajaajila garaa garaa qabaniiti. Mana kiristaanaa keessatti amantootni tajaajila ykn kennaa garaa garaa qabu. Tajaajiltootnis akkasuma. (1Qor 12:1-xum)

Eegaa raawwii hojii tajaajiltoota 3'n sanaa yoo ilaalle wal qixa baratanii, dhagaa'anii, hubatanii akkaataa kennaa isaaniitti ergama fudhataniiru. Bartootnis akkaatuma kennaa isaaniitti hojiitti bobbaa'aniiru, bu'aas buusaniiru, barsiisanii gorsanii bartoota akka isaanii oomishaniiru.
Fknf:- Pheexiroos Qalaamenxoosiin, Phawuloos Ximetiwoosiin dhalchaniiru. Bakka ofiis buusaniiru. Yihuudaan garuu awwaaleera. Har'as wal qixa baratanii beekanii akkaataa ayyaana isaaniif kennameetti kan tajaajilan badhaasaaf kan qophaa'an qormaata tajaajilaa keessa kan hin sodaanne akkuma jiran, Qormaata sodaatanii yaadda'anii dhibaa'ummaan sagalee isa dhagaa'an sana dabarsuurra awwaalanii maqaa qofaan of tuulanii abbaa 5, abbaa 2, abbaa 1 ta'anii firdiif kan qophaa'an hojjettootni amanamoo hin taane jiru.

Egaa kun bakka jirrutti sadarkaa keenyatti dubbii waaqayyoo akka hojiitti hiiknu, bu'aa akka buusnu, akka itti galateeffamnu, akka mat 25:34 irraatti akka eebbifamnu nu hubachiisa. Tajaajila nurraa barbaadamu akkaataa Rom 12:6-8, Efe 4:11-12, 1Phex 4:10-11 tti raawwannee hojjetaa amanamaa taanee akka itti eebbifamnu waaqayyo nu haa gargaaru.

Dubbisaawwan guyyaa kanaa
👉 2Xim 2:1-16
👉 1phex 5:1-12
👉 Ho. Erg 1:6-9
👉 Far 39:8
👉 Mat 25:14-31
Waaqayyo Tajaajiltoota Amanamoo nu haa taasisu!

TELEGRAM:- https://t.me/KAKU_MEDIA
FACEBOOK PROFILE:- https://www.facebook.com/finfinnee.oromoof.3
FACEBOOK PAGE:- https://www.facebook.com/KakuMedia2016
YOUTUBE:- https://youtube.com/-2016

Sooma bara TiktokiiWaan barri fide keessaa tokko miidiyaa hawaasummaadha. Namoonni baay'een keenya keessumaa dargaggoonn...
05/03/2025

Sooma bara Tiktokii

Waan barri fide keessaa tokko miidiyaa hawaasummaadha. Namoonni baay'een keenya keessumaa dargaggoonni yeroo keenya hedduu Fesbuukii, Tiktokii, Yuutubiifi kan bira irratti dabarsina.

Qabiyyeewwan miidiyaa hawaasummaa kanarratti qoodaman immoo kan miira jeeqan, kan nama qoran ta’uu malu.

Kanaaf kanneen sooman dabarsaniif hangam rakkisaa akka ta’e, tilmaamun nama hin dhibu miidiyaan gaariis badaas qaba waan ta'eef.

"Miidiyaa kanarra kan walitti nama buusu, obboleessaafi obboleessa kan walitti naqu ykn miira namaa ejjaaf kan kakaasu seera soomii akka cabsinu wantoonni garagaraadhaa Tiktokii irratti argamuu danda’u.

"Hordoftoonni waan dhaggeeffataniifi waan ilaalan filatanii yoo ilaaluudhaa baatan gufannaa uumuu danda’a,".

Kanaaf hordoftoonni akkaataa itti gargaarama miidiyaa sirreeffachuu qabu.

Walitti qabama keenya hin dhiisnu"Ibr-10:25Waamicha Sagantaa marii afuurawaa guddaa Qopheessaan waldaa duukaa bu'ootaa w...
04/03/2025

Walitti qabama keenya hin dhiisnu"Ibr-10:25

Waamicha Sagantaa marii afuurawaa guddaa

Qopheessaan waldaa duukaa bu'ootaa wiirtuu shawaa bahaa

Bitootessa 7/2017 mana Kristaanaa Tulluu Taaboor Qulqulluu Waaqa Abbaa magaalaa Adaamaatti gaafa guyyaa Matsaaguu ganama keessaa sa'aatii sadi(03:00) irraa eegalee galma mana kiristaanichaatti mariin afuurawaa isiniif dhiyaatee jira.
Sagantaa kana irrattis gabaasni tajaajila baatii ja'aa fi kallattiin tajaajila gara fuula duraa kan dhihaatu ta'a.

Sagantaa marii afuurawaa kana irratti abbootiin mana kiristaanaa, barsiisonni Wangeelaa, barattoonni dilbata waldaaleen gara garaa abbootiin Gadaa fi haadha Siinqee akkasumas miseensonnii fi deeggartoonni Waldaa Duuka Bu'ootaa Wiirtuu aanaalee fi iddoo garagaraa jiran kan afeeramanii yoo ta'u sagantaa marii afuurawaa kana irratti hirmaachuudhaan ergama duuka bu'ummaa manni kiristaanaa qulqulleettiin waldaa Duuka Bu'ootatti laatte keessatti qooda akka ba'attan Maqaa Waaqayyootiin kabajaan afeeramtanii jirtu.

Waldaa Duuka Bu'ootaa Wiirtuu Shawaa Bahaa Adaamaa

"Walitti qabama keenya hin dhiisnu"Ibr-10:25

"መሰብሰባችንን አንተውም"ዕብ-10:25

ታላቅ የመንፈሳዊ ውይይት መርሀግብር

አዘጋጅ ወልደ ዱከ ቦታ ምስራቅ ሸዋ ማዕከል

መጋቢት 7/2017 በአዳማ ደብረ ታቦር ምስራቀ ጸሐይ ቅዱስ እግዚአብሔር አብ ቤተ ክርስቲያን አዳራሽ ውስጥ በዕለተ መጻጉዕ ከጠዋቱ ሦስት ጀምሮ ታላቅ መንፈሳዊ ውይይት መርሐግብር አዘጋጅቷል።

በመርሃ ግብሩ ላይም የስድስት ወራት አገልግሎት ሪፖርት እና የወደፊት የአገልግሎ አቅጣጫ የሚቀርብ ይሆናል።

በዚህ መርሃ ግብር ላይ የቤተ ክርስቲያን አባቶች፣ መምህራን፣ ሰንበት ትምህርት ቤቶች፣ ።የተለያዪ ማኅበራት፣አባ ገዳዎችንና ሐደ ሲንቄዎች፣ የየወረዳ ማዕከላት አባላትና የተለያዩ ምዕመናን የተጋበዙ በመሆኑም በዚሁ መርሃ ግብር ላይ በመሳተፍ ወልደ ዱከ ቦኦታ እንደ ማኅበር ከቅድስት ቤተ ክርስቲያን የተሰጠውን ሐዋርያዊ አገልግሎት እንዲወጣው የበኩላቸው ትወጡ ዘንድ በአክብሮት ተጋብዛችኋል።

ወልዳ ዱከ ቡኦታ ምስራቅ ሸዋ ማእከል አዳማ
"መሰብሰባችንን አንተውም"ዕብ-10:25

Address

Adama

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when KAKU MEDIA posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share