
12/04/2025
Amaloota Hiriyaa Sobaa 9 !!
=======================
1. Yeroo waa sirraa barbaadan qofa sitti haasawu, Gaafa ati barbaaddu hin argaman Gaafa ifiif si barbaadan malee !
2. Gaarummaa kee akka gowwummatti ilaalanii sitti fayyadamuu barbaadu, Gaafa waan barbaadan sirraa dhaban, siin oodu, si cufu, amala sitti jijjiiratu!
3. Milkaa'ina keetti hin gammadan,akka ati isaan dursitee milkooftu hin fedhan, ykn milkaa'ina isaanii sitti odeessanii akka sitti dhaga'amu gochuu barbaadu !!
4. Yeroo hunda gad si qabu, bifa keetiin,amala kee qeequ,filannoo kee akka jibbitu si godhu,walumaa galatti akka gad aantummaan sitti dhagahamu si gochuu barbaadu !!
Isaan malee ati akka faayidaa hin qabne godhani si duuba waa'e kee namoota birootiif odeessu !!
5. Yeroo siif hin kennan, sin dhageeffatan,rakkoo isaanii akka dhageeffattu barbaadu,yeroo hunda Negative dha! Of jaallatu, amala isaanii hin beektu,ni jijjiiramu ,yeroo hunda sababa baayyisu,gaafa ati barbaaddu amala akkasii agarsiisu !!
Icitii kee sirkaa baasuu barbaadu,garuu kan isaanii immoo siif himu hin fedhan !!
6. Si to'achuu barbaadu, waan uffachuu qabduu,nyaachuu qabduu, eenyuu waliin akka dubbachuu fi deemuu hin qabne sitti himu,yoo nama tokko jibban atis akka isaanitti nama sana akka jibbitu barbaadu
7. Akka ofiif fedhanitti si jijjiiruu barbaadu, fedhinnaa kee fi wanta jaalattu akka jibbitee kan isaan jaalatan sana waliin akka jaalattu si gochuu barbaadu !!
Karaa gaarii fi wanta si fayyadu akka hordoftu hin fedhan,karaa isaan jaalatan qofa akka ati hordoftu si gochuu barbaadu !!
8. Jibbaa fi oduu sobaa facaasu waa'ee nama biraa..
Kana jechuun sirrattis akkanuma duuba kee deemanii waa'ee kan kee xureessani haasawuu barbaadu jechuudha!
Waan ati iccitiidhaan itti himte,si duuba deebi'anii nama biroof odeessu!
Dafanii sitti mufatu, dafanii ammaas deebi'anii sitti araaramu !!
9. Yeroo hunda siin dorgomu,yoo ati wanta haarawa tokko goote isaaniis ni godhu, yoo sin dorgomuu hin dandeenye wanta sana akka jibbitu si godhu!