ISKUU ABDII

ISKUU ABDII Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from ISKUU ABDII, Digital creator, .

jirtuu
10/06/2026

jirtuu

11/05/2026
13/06/2025
13/06/2025

Chaayinaan omisha biyyoota Afrikaarraa galchitu ashuurarraa bilisa taasisuufi

+++++++++++++++++++
Waxabajjii 6/2017 (Gaazexaa Pilaas): Chaayinaan omisha biyyoota Afrikaa 53 irraa galchitu guutummaatti ashuurarraa bilisa taasisuuf qophii ta’uushee yaa’ii Chaayinaafi Afrikaarratti beeksisteetti.

Kanaan dura biyyoonni Afrikaa 33 qofti carraa ashuurarraa bilisaa kanarraa fayyadamoo turuun niyaadatama.

Wayita biyyoonni Afrikaa omishawwan gara Ameerikaatti ergamanirratti dabaliin taarifaa isaan mudachuu mala jedhame kanatti; Chaayinaan murtoo kana murteessuunshee carraa filannoo biyyoota Afrikaaf akka kennu dubbatameera.

Biyyi Afrikaa Iswaatiinii jedhamtu, Taayiwaan Chaayinaan akka qaama bulchiinsasheetti ilaaltu biyya walaba taasistee beekamtii waan kenniteef, carraa kanatti akka hinfayyadamne ibsameera.

Chaayinaan waggoota 15 darbaniif michuu daldalaa biyyoota Afrikaa guddittii yoo taatu; bara 2023 ALAtti meeshaaleen doolaara biliyoona 170 baasan Afrikaarraa gara Chaayinaatti ergamuu BBC'n gabaaseera.

12/05/2025

Waliin Amaan Abdii – Reefu deeggartoota isaanii olaanoo keessaa tokko ta'uun beekamtii argadheera!

19/01/2024

Seenessi waloo wal hubannaa lammiilee cimsee tokkummaa dagaagsa!
***
Seenessi waloo dhugaa lammiilee mul'isuudhaan tokkummaan obbolummaa bu'uureffate akka dagaagu taasisa.

Itoophiyaan biyya sabaafi sablammoota afaan, aadaa fi duudhaa garaa garaa qaban keessummeessuudhaan ilaalchotaa fi seenessoota qeenxee seenessa walootiin bakka buuftee badhaadhinatti cehuuf imala irratti argamtudha.

Qaamoleen dhugaa waloo moggaatti dhiisanii seenessa qeenxee fi dogoggoraa tarkaanfachiisan qormaata tokkummaaf waliin jireenya lammiilee waan ta'aniif dhugaa waloo akka qabatan taasisuu fi ol'aantummaa seenessa walootis dhugoomsuuf hojjachuun murteessaadha.

Dhugaa waloo qabatanii imaluun biyya tokkummaaf hirmaannaa lammiileetiin badhaadhinatti ceete dhugoomsuu keessatti shoora ol'aanaa waan qabuuf gama kanaan lammiin hunduu gahee isaa bahachuu qaba.

19/01/2024

"Itoophiyaan fedhii ulaa galaanaa argachuuf qajeelfama karaa nagaafi faayidaa waloon hojjechuu itti fufti" MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimad
~~~

MM Abiy Ahmad, walgahii “sochii biyyoota walabaa” 19ffaa kan Ugaandaa, kaampaalaatti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiru. Walgahicharratti haasaa taasisaniin, Itoophiyaan fedhii ulaa galaanaa argachuuf qabdu deebii akka argatu "qajeelfama karaa nagaafi faayidaa waloo ilaalcha keessa galcheen hojjechuu kan itti fuftu ta’uu dubbataniiru.

Biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne fedhii misoomaa uummanni gaafatu deebisuuf kan rakkatan ta’uu eeruun Itoophiyaan rakkoo ulaa galaanaa dhabuu ishee mudate furuuf carraaqqii taasisaa jiraachuuu ibsaniiru.

Walgahii “sochii biyyoota walabaa” gaggeeffama jiru kanarra irratti gaggeessitoonni biyyoota garaagaraa hirmaachaa jiraachaa jiru.

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when ISKUU ABDII posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share