Milkii salaalee

Milkii salaalee Oromummaa 👉Afaan koo afaan oromoo🌳
👉Biyyi koo oromiya🖤♥️🤍
👉Amantiin koo bilisummaa❤️💚❤️
👉Kaayyoon koo tokkummaa oromoo💪

10/08/2025
10/08/2025

Keenna ko sif👫🌹

dhaabadheen si eegaa jiraa
dallaa keessan karaa gadii
osoo maatiin sin argin
dhokadhuu kottu badii🚶

yaadni kee natti cimnaanin
badee dhufe galgalaa
maaloo narraan hafinii
cufii kottu balbalaa🏃

yaada keetan dadhabee
dafii kottu ya giiftii
osoon fuula kee argee
nattin cimtu na dhiiftii💕

osoon sin argin ooluun
natti cime nan dadhabee
si barbaacha dhufuun koo
naaf game obsan dhabee💔

garaakoo silaa beektaa
danda'ee sin obsuu
siif jecha kanin taa'ee
imimmaan coccobsuu😘💔

Nagaatti 😔 Lammata nan waamiin Hin dhufu deemeera Waa'ee keef dhiphachuun Anaan nagaheeraa Yeroo meeqa deemee Meeqas dee...
21/06/2025

Nagaatti 😔

Lammata nan waamiin
Hin dhufu deemeera
Waa'ee keef dhiphachuun
Anaan nagaheeraa

Yeroo meeqa deemee
Meeqas deebi'eera
Ni jijjiiramta jedhee
Hedduu sii obseera

Yeroo dheeraadhaaf
Si faana cinqamee
Firaaf alii kootiin
Siif jecha jibbamee

Ati
Ofirraa na dhiibdus
An si faanan ture
Jaalala kankeerraa
Takka garaa murree

Amma garuu
Jiraachuudhaan qabaa
Baqqaa nagaheeraa
Bubbulee ta'ullee
Dhugaan naaf ba'eera

Garaakoo muradhee
Imaleetiin jira
Atis nan eegini
Barbaadi kan biraa

Onneen koo si dagatee
Kan biraa bareeraa
Jaalalaaf onnee koo
Qopheessee baneeraa

Sababa keef jechaa
Jaalala hin lagadhu
Lamuun jaaluu jedhee
Abdii hin kutadhuu
Ani si dagadhee
Atis na dagadhuu

Kana booda
Karaa koorra dhaabbatee
Anatti hin ta'in gufuu
An imaleetiin jiraa
Lamuu deebi'een dhufuu.

Miltoo jaalala

20/06/2025

» Dubbiin dogoggoraa ariifattee dubbatte, sekondii tokko keessatti waan guddaa si dhabsiisuu danda'a waan ta'eef HIN ARIIFATIN! Suuta jedhi!


Jirraa gaaru.
29/12/2024

Jirraa gaaru.

07/10/2024

Akkam jirttu oro koo

24/07/2024

Waliin Jirraa Hunda Baachaa – Reefu deeggartoota isaanii olaanoo keessaa tokko ta'uun beekamtii argadheera!

Address

Finfinnee
Adama

Telephone

+251919631025

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Milkii salaalee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share