18/12/2025
“Buna gahe qulqullinaan walitti qabataa jirra”-Qonnaan Bultoota
OBN Cyber Media’ Mudde 09,2018
Buna oomishaa jiranirraa fayyadamuuf qulqullina isaaf xiyyeeffannoo kennuun buna gahe walitti qabataa jiraachuu qonnaan bultootni Godina Gujii Lixaa Aanaa Hamballaa Waammannaa himan.
Aanaalee Godina Gujii Lixaa qilleensa gammoojjii qaban keessatti bunni dursee kan walitti qabame yoota'u, amma immoo Aanaalee baddaatti bunni diimate walitti qabamuu eegale.
Qonnaan bultootni Aanaa Hamballaa Waammannaa Ganda Darii Kojowaa buna funaanaa jiranis, buna keenya qulqullinaan guurree haala saayinsii jedhuun sireerratti gogfachaa jirra jedhan.
Buna yoo guuran dheedhii makanii funaanuu, lafatti afuufi foolii garagaraan tuttuquun qulqullina bunaa gadi buusa waan ta'eef of eeggannoon walitti qabaa jirras jedhan.
Bulchaan Aanaa Hamballaa Waammannaa obbo Galgaloo Waaree, faddaaltotni gabaa bunaa keessa galuun faayidaa qonnaan bulaa akka hin miine, koree to'annoo hundeessuun hordofaa jiraachuu himaniiru.
Urgii Tufaan