12/08/2026
Qonnaan Bultoonni Godina Iluu Abbaa Boor Aanaalee garaagaraa ‘Avokaadoo Sanyii Filatamaa Haas’ marsaa 3ffaaf gabaa biyya alaaf dhiyyeessuun fayyadamoo ta’uu himan.
‘OBN Cyber Media’ Hagayya 06,2018
Misoomni Ashaaraa Magariisaa diinagdee isaanii utubaa jiraachuu qonnaan bultoonni Godina Iluu Abbaa Boor ibsan.
Qonnaan bultonni Aanaalee Yaayyoo,Hurrumuu,Bachoo, Mattuu, Biloo Nophaafi Buree marsaa 3ffaaf Avokaadoo Sanyii Filatamaa ‘Has’ jedhamu Gabaa biyya alaaf dhiyyeessuu himan.
Biqiltuun sagantaa misooma ashaaraa magariisaan dhaaban madaala naannoo eeguun oomishaafi omish*tummaa isaanii dabaluun bu'aa dachaa argaamsiisaa jiraachuus himan.
Biqiltuu avokaadoo Misooma Ashaaraa Magariisaan dhaabanirraa marsaa 3ffaaf Oomishanii gabaa biyya alaatti gurgurachuun fayyadamaa ta'uus ibsuun,fuuldurattis caalmaatti misoomsuuf kaka'umsa itti horuu dubbatan.
Avokaadoo lafa hektaara kuma 7 olirratti misoomaa jirurraa waliigalaan firiinsaa Kuntaala Kuma 700 argamaa jira kan jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Iluu Abbaa Boor Obbo Addaamuu Taakkalaa, marsaa kanaan Avokaadoo kilograamnii kuma 60 gabaa alaatti ergamuu himan.
Bulchaan Godina Iluu Abbaa Boor Obbo Indaalkaachoo Tafarii Qonnaan bulaan oomisha alergiirratti xiyyeeffatee akka hojjetuuf hojiin bal'aan hojjetamaa jiraachuu ibsuuun, Misoomni Ashaaraa Magariisaa qabatamaan alargiif galtee ta’uun diinagdee hawaasaafi biyyaa utubaa jiraachuu himan.
Bafiqaaduu Mokonnitu Gabaase