25/08/2026
⭕️ AMMEE | QORMAATA BIYYOLEESSAA |
_________________________________________
Barataan Abdulwahaab Sheekh Jamaal Haajii Qabxii 561 galmmessuun sadarkaa biyyattii QABXII bareedaa gonfatee jira.
Aalam Media : Rabii al-Awwal 12/1448 Adaama
Barataan Abdulwahaab Sheekh Jamaal Haajii qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2018 irratti qabxii waliigalaa 561 galmeessisuudhaan, damee Saayinsii Hawaasaa keessatti akka biyyaatti qabxii olaanaa galmeessee jira. Bu’aan inni galmeessise kun isaaf qofa osoo hin taane, maatii isaa, mana barumsaa isaa, dhaloota dargaggootaa, hawaasa Oromoo fi hawaasa Muslimaa hundaaf seenaa fakkeenya guddaadha.
Barataan Abdulwahaab Sheekh Jamaal Haajii dhalootaan Naannoo Oromiyaa, Godina Harargee Bahaa, Magaalaa Awwadaay irraa kan dhufe yoo ta’u, ilma Sheekh Jamaal Haajii hayyuu Islaamaa fi aalima beekamaa gama Aqiidaatiin akka biyyatti Ummanni Islaama qabudha. Maatii Islaamaa fi maatii beekumsa amantii keessatti hundee cimaa qabu irraa kan dhalateedha.
Dargaggeessa amantii isaa kabajuu fi itti cichuun beekamu Abdulwahaab, ijoollummaa isaatii kaasee barnoota Islaamaa irratti bu’uura cimaa horateera. Akkasumas, barnoota mana barumsaa isaattis yeroo hunda cimina, kutannoo fi hojii cimaa agarsiisaa tureera. Qabxii 561 inni galmeessise kun hojii guyyaa tokko keessatti argame osoo hin taane, tattaaffii yeroo dheeraa, obsaa, murannoo, ofitti amanamummaa fi barnoota irratti ciminaan hojjechuu irraa kan argameedha.
Barataan Abdulwahaab Sheekh Jamaal Haajii barnoota isaa sadarkaa 1ffaa Bulchiinsa Magaalaa Awwadaay, Baha Oromiyaa, Mana Barumsaa Madrasaa Daandii Xalilaa keessatti jalqabe. Ergasii kutaa 9ffaa fi 10ffaa Madrasaa Najjaashii, Magaalaa Adaamaa keessatti barate. Kutaa 11ffaa fi 12ffaa immoo Magaalaa Shaggar keessatti barachuun, dhuma irratti bu’aa ajaa’ibaa kana galmeessise.
Daandii barnootaa isaa keessatti bakka gara garaatti barachuun, naannoo fi mana barumsaa jijjiiruun, kaayyoo isaa irraa duubatti akka hin deebisne kan agarsiiseedha.
Abdulwahaab Sheekh Jamaal Haajii barataa qormaata irratti qabxii olaanaa galmeessise qofa oso hin taane. Kanaan dura Itti Gaafatamaa Liigii Daa’imman Oromiyaa ta’uun, akka biyyaatti daa’imman Oromiyaa bakka bu’uun hogganaa turee jira. Dabalataanis, yeroo daa’imummaa isaa irraa eegalee miidiyaalee Islaamaa Afaan Oromoo keessatti hirmaachuun hojiiwwan gara garaa hojjechaa guddatee jira.
Qabxii 561 galmeessisuun milkaa’ina dhuunfaa qofa miti. Seenaa barattoota Oromoo fi barattoota Muslimaa keessatti fakkeenya gaarii nama jajjabeessu seenaa ta’uu danda’uu hojjate jira. Keessattuu, barattoota isa booda dhufaniif, barnoota irratti yoo cimtanii, yeroo keessan sirnaan yoo fayyadaman, amantii fi barnoota wal simsiisuudhaan yoo hojjetan, bu’aa guddaa galmeessisuu akka danda’an fakkeenya ta’ee jira.
Milkaa’inni Abdulwahaab kun maatii isaa fi nama isa barsiise qofaaf osoo hin taane, Manneen Barumsaa isaa, hawaasa Muslimaa, ummata Oromoo fi dhaloota waa barataa jiru guutuu biratti jajjabina guddaadha.
Qabxiin 561 inni galmeessise seenaa qormaata biyyoolessaa keessatti maqaa isaa akka yaadatamu taasisee jira. Kana malees, seenaa isaa keessatti wanti caalaatti nama gammachiisu qabxii qofa osoo hin taane, dargaggeessa amantii isaa kabajee, barnoota isaa irratti cimee, hoggansa keessatti hirmaatee fi hojii hawaasummaa keessatti gahee fudhatee bu’aa akkasii galmeessisuu isaati.
Baga Gammaddan! / Baga Gammanne Baga Gammadde Maatiin Aalam Media’ siin jechuu barbaada Barataa Abdulwahaab Sheekh Jamaal Haajii Baga Bu’uu hojii keeti argite.
Congratulations 🎉
Baga Gammadde
SHARE
_________________________________
🪀Misbah Sheikh Husein
🌎Aalam Media
♦️Nu Hordofaa
Facebook: https://www.facebook.com/aalammedia1.php?id=61560395330900
Telegram: https://t.me/aalammedia1
YouTube: https://www.youtube.com/-cc8lj
Tiktok :tiktok.com/