22/09/2025
π’ππ‘π‘ππ©π©π€π€π‘ππ πππππ§π§π π©π€π π π€ πͺπ’uπ§πππ£ ππ¨ππ ππππ’πͺπͺ mul'isan
****
1 .Kiisii Shamizii keessa qarshii, qalama, yaadannoo fi kkf kaa'achuu yoo eegale.
2 .kaalsii dhedheeraa dirachuu yoo eegale.
3 .Qarshii 5 fi 10 Waaleetii keessa kaawwachuu yoo eegalee.
4 .Kophee Gogaa irraa hojjatame qofa kaawwachuu yoo
eegale.
5 .Konkolaataa keessatti fooddaa cuftan malee jedhee yoo rakkise.
6 . T.shirt harka gabaabaa jalatti Shamizii harka dheeraa yoo uffate.
7 .Miseensa Afooshaa(iddirii)yoo ta'uu eegale!
8 .Areedni osoo hin guddatiin ofirraa haaduu yoo eegale.
9 ."Mee nan jeeqinaa" jechuu yoo baay'ise.
10 .Jaakkeeta uffatee mana booyichaa deemuu yoo eegale
11 .Galgala sa'aatii 2:00 dura irbaata nyaachuu yoo
eegale.
12.Funyaan keessaa rifeensa biqile muruuf yaalii yoo taasise.
13 .Kaalaandarii mana keessatti fannisuu yoo eegale.
14.Koofiyaa fi T.shirt walgayii irraa fudhate mana keessa uffachuu yoo eegale.
15.Bara keessa jiru kana abaaruu yoo eegale.
16. Barreeffama kana dubbisee yoo xumuru comment jalatti yoo na arrabsuu eegale. dhiirri sun gara dullumaa deemaa jira jechuudha.
Nan Sobee?
Kan dubaraammoo isin Comment jalatti barreessaa!ππ
Nagaan bulaa!
Maxxansikoo biroon akka si qaqqabuuf pagekoo Sisey T. Merdasa follow godhii darbi.