31/10/2025
Ida'amuun falaasama madaala eegee deemudha!
*******
Ida' amuun, yaadamoota qoqqoodinsaa (gosummaa, gandummaa) dhabamsiisuun nama namummaa isaatiin kabajniifi bilisummaan isaa akka eegamu gochuudha.
Tapha siyaasaa gatii hin qabne keessaa bahuun tokkummaafi waloon deemuu, waan qabnu irratti sona dabaluudha. Hundi keenya ni barbaachifna, gumaachi hunda keenyaa barbaachisaadha jedhanii amanuudha. Ida'amuun sabni tokko saba biroo waliin akka qaamaatti tokko ta'uudha. Tokkummaa ejjannooti.