Dr. Lammaa Magarsaa

Dr. Lammaa Magarsaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dr. Lammaa Magarsaa, Digital creator, Addis Ababa.
(1)

Nama guddaa Oromoo
15/02/2026

Nama guddaa Oromoo

Nagaan Boqadhuu
04/02/2026

Nagaan Boqadhuu

Hubadhaa Naannoleen Itoophiyaa Keessa Jiran Hundi Itoophiyaadhaaf:1) Naannoon Oromiyaa - Onneedha2) Naannoon Amhaaraa -T...
07/12/2025

Hubadhaa Naannoleen Itoophiyaa Keessa Jiran Hundi Itoophiyaadhaaf:

1) Naannoon Oromiyaa - Onneedha
2) Naannoon Amhaaraa -Tiruudha
3) Naannoon Tigraay - Kaleedha
4) Naannoon Affaar - Somba
5) Naannoon Sidaamaa - Ija
6) Naannoon Gambeellaa - Gurra
7) Naannoon Hararii - Harka
8) Naannon Kibba Lixa Itoophiyaa - Funyaani
9) Naannoon Benishaangul Gumuz - Miila....
Egaa Namni Tokko Qaamolee Kanneen Keessaa Muraasni Hir'annaan Akkuma Qaama Guutuu ta'uu hin Dandeenye Biyyi Keenya Itoophiyaaniis Qaama ishee keessa Tokko dhabdee Jennaan Qaama hir'uudha.

Haa Ta'uu Malee Itoophiyaan Qaamaa hir'attuus Lubbuun inuma Jiraatti Garuu Qaamolee ishee keessaa Tokkolleen Kophaa isaa Yeroo muraasaaf illee jiraachuu hin Dandeessu.

Harki Qaama irraa Cite Ofumaaf Dura Awwaalama.
Kanaafuu Yaa Saba Koo Addaan Faffaca'uun Nu hin Baasu Koottaa Summii Sabummaa fi Sanyummaa Keessaa Baanee Haadha Teenya Itoophiyaa Hundaaf Wal Qixa Taate Waliin Haa Ijaarruu Jedheen Waamicha Koo Kan Seenaa Isin Maraaf Dabarsuu Barbaada.

Seenaa fi Egeree haa Hojjennuu!

Ergaan Koo Hawaasa Bal'aa Bira Akka Naaf Dhaqqabu Waliif Qoodaa!

Galatoomaa!

"Sabboonummaan Oromoo Ni Xiqqeesse." Dr. Abiy Ahmed Dhugaadha!Eeyyen Sabboonummaan Baay'ate Oromoof Kaansariidha!*******...
07/12/2025

"Sabboonummaan Oromoo Ni Xiqqeesse." Dr. Abiy Ahmed Dhugaadha!
Eeyyen Sabboonummaan Baay'ate Oromoof Kaansariidha!
*****************
*****************
Sababni Isaa Sabboonummaan Meeshaa Saboota Baay'inni Isaanii Muraasa Ta'eef Mirga Isaanii Kabachiisuudha.
Oromoon Galaana Kanaafuu Sabboonummaan Gandummaa fi Gosummaa Oromoo ni Facaasa Malee Hin Tokkoomsu.

Kan Caamaan Miidhamu Jirma osoo hin Taane Damee, Baala fi Firiidha.
Oromoon Jirma Malee Damee, Sanyii fi Baalaa Miti.
Sabboonummaan Jirmaaf Dhukkuba.
Jirmi Sabboonummaan Faalame Sanyii fi Baala isaa Balleessa.

Haa Ta'uu Malee Jirmiis Akkuma Baalaa fi Firii Kophaatti Of hin danda'u Hidda fi Nyaata isa Barbaachisa.
Hiddi Itoophiyaadha.
Yoo Itoophiyaan hin Jiraanne Jirmichi, Baalli fi Firiin isaa marti Jiraachuu hin danda'u.

Kanaafuu Isin Hawaasni Keenya Summii Hayyoota Keenya Muraasa Jirma Of Dandeessisaa Baalaa fi firii Alagoomsaa Turaan Faalamaa turtan Dubbii koo kana Sirritti Xiinxaluu qabdu.

Akkuma Firiin Baalaa fi Damee Barbaaddu Dameen immoo Hundee Jirmaa barbaaddi Jirmi Immoo Hiddaa fi Albuuda Barbaada Garuu inni Qofti Gahaa miti.
Jirmiis Akkuma Bishaan fi Albuudota Garaagaraa Barbaadu Baala irraas Humna Isa Jiraachisu Barbaada.

Baalli Bishaan fi Albuuda Jirmaatti Fayyadamee Footosinteensisii Geggeessee Jirmaa fi Firii Nyaachisa.
Firiin immoo Jirmaa fi Baala Fayyadamee Sanyii isaanii itti Fufsiisa.
Jirmiis Firii fi Baala Fayyadee Umrii isaa Dheereffata.

Hiddi isaan mara Nyaachisee Ofii kajeelaa jiraata.

Kanaatu Gahee Itoophiyaa fi Saboota Akka Oromoo Jirma Ta'an kana Faana Walitti Hidhee Guddinaa Fi Nagaa Mirkaneessee Egeree Dhalootaa itti fufsiisa...

Har'aaf Xumureera!
Waliif Qoodaa!

07/12/2025

Qabeenya kee ta'ee si caalatti kan namni biraa ittii fayyadamu kami??

Lammiilee Itoophiyaa Sa'ud Arabiyaatti duuti itti murtaa'e keessaa sadan isaanii murtiin du'aa boru ganama irratti raaww...
16/06/2025

Lammiilee Itoophiyaa Sa'ud Arabiyaatti duuti itti murtaa'e keessaa sadan isaanii murtiin du'aa boru ganama irratti raawwatamuuf akka jedhu maddeen mana hidhaa Naajiraan Sijinaal Ammii OMNtti himan.

Lammiileen kunneen har'a maatii isaanitti nagaa akka dhaabbatan taasifamuu dhageenye.

Kanneen boru ganama murtiin du'aa irratti raawwatamuuf jedhu Fu'aad Ibraahim Adam(Dhalata Godina Harargee Bahaa, Gaara Mul'ataa), Nuuree Yaassin Muummee(Dhalataa Godina Harargee Bahaa, Aanqa Gursum), Ahmad Adam Ahmad(Dhalataa Godina Harargee Bahaa, aanaa Fadiis) akka ta'an maddeen himaniiru.

Lammiilee Itoophiyaa Sa'ud Arabiyaatti murtiin du'aa itti murtaa'e keessaa:-

Ahmad Hasan Ahmad

Najiib Mahaammad Zeynii

Kadir Ibraahim Qaanqoo

Abdullaaaziz Ahmad Habiib

Alii Abdallaa Ahmad

Hizaam Mahaammad Siraak

Mahaammad Sulxaan Goojjam

Mahaammad Abdusalaam Qawiyyee

Alii Umar Ahmad

Sheerif Abrahim Usoo

Muraad Yaakuub Adam

Kaliif Qaasiim Mahaammad

Mahaammad Abdoo Amiin

Abdoo Yaasiin Abdurahmaan

Ibraahim Ahmad Jamaal

Abdinuur Yaasiin Adam

Kaliifaa Huseen Abdulqaadir

Abdallaa Umar Ibraahim

Abdallaa Ibraahim Sa’id

Ibraahim Haji Husseen Waadoo

Ahmad Hasan Hajii

Jamaal Mahaammad Rashiid

Teedros Alee Warqinaa

Abduraman Abdallaa Nuur

Kaassaa Raagoo Sisaay

Dastaa Girmaa Ayyaalew

Jamaal Abdoo Hasan

Hasan Jamaal Abdallaa

Wulataa Nugus Tasfaayee

Mogas Kaasaayee Nagaash

Abdallaa Ibraahim Abdii

Abdallaa Nuraddiin Ahmad

Kaaliid Mahaammad Ibroo kanneen jedhaman duuti itti murtaa'ee dabaree warra eeggataa jirani.

Mohaammad Ahmad Shaqqaab

Abdallaa Adam Yusuuf

Abdusamad Laqii Ahmad

Abdusalaam Jamaal Mahaammad

Abdulqaadir Mahaammad Siraak

Mahaammaf Jundii Hajii
....
Guutuu isaa asiin argattu 😥
👇👇
m4.inzirt.com
m4.inzirt.com

Lammiilee Itoophiyaa Sa'ud Arabiyaatti duuti itti murtaa'e keessaa sadan isaanii murtiin du'aa boru ganama irratti raaww...
15/06/2025

Lammiilee Itoophiyaa Sa'ud Arabiyaatti duuti itti murtaa'e keessaa sadan isaanii murtiin du'aa boru ganama irratti raawwatamuuf akka jedhu maddeen mana hidhaa Naajiraan Sijinaal Ammii OMNtti himan.

Lammiileen kunneen har'a maatii isaanitti nagaa akka dhaabbatan taasifamuu dhageenye.

Kanneen boru ganama murtiin du'aa irratti raawwatamuuf jedhu Fu'aad Ibraahim Adam(Dhalata Godina Harargee Bahaa, Gaara Mul'ataa), Nuuree Yaassin Muummee(Dhalataa Godina Harargee Bahaa, Aanqa Gursum), Ahmad Adam Ahmad(Dhalataa Godina Harargee Bahaa, aanaa Fadiis) akka ta'an maddeen himaniiru.

Lammiilee Itoophiyaa Sa'ud Arabiyaatti murtiin du'aa itti murtaa'e keessaa:-

Ahmad Hasan Ahmad

Najiib Mahaammad Zeynii

Kadir Ibraahim Qaanqoo

Abdullaaaziz Ahmad Habiib

Alii Abdallaa Ahmad

Hizaam Mahaammad Siraak

Mahaammad Sulxaan Goojjam

Mahaammad Abdusalaam Qawiyyee

Alii Umar Ahmad

Sheerif Abrahim Usoo

Muraad Yaakuub Adam

Kaliif Qaasiim Mahaammad

Mahaammad Abdoo Amiin

Abdoo Yaasiin Abdurahmaan

Ibraahim Ahmad Jamaal

Abdinuur Yaasiin Adam

Kaliifaa Huseen Abdulqaadir

Abdallaa Umar Ibraahim

Abdallaa Ibraahim Sa’id

Ibraahim Haji Husseen Waadoo

Ahmad Hasan Hajii

Jamaal Mahaammad Rashiid

Teedros Alee Warqinaa

Abduraman Abdallaa Nuur

Kaassaa Raagoo Sisaay

Dastaa Girmaa Ayyaalew

Jamaal Abdoo Hasan

Hasan Jamaal Abdallaa

Wulataa Nugus Tasfaayee

Mogas Kaasaayee Nagaash

Abdallaa Ibraahim Abdii

Abdallaa Nuraddiin Ahmad

Kaaliid Mahaammad Ibroo kanneen jedhaman duuti itti murtaa'ee dabaree warra eeggataa jirani.

Mohaammad Ahmad Shaqqaab

Abdallaa Adam Yusuuf

Abdusamad Laqii Ahmad

Abdusalaam Jamaal Mahaammad

Abdulqaadir Mahaammad Siraak

Mahaammaf Jundii Hajii
....
Guutuu isaa asiin argattu 😥
👇👇
m4.inzirt.com
m4.inzirt.com

Guyyaa Waaqayyoo Malee Hin Tahu😒🫢 ✈️ Dubartiin maqaan ishee   jedhamti Xayyaara   kufen gara   imaluuf namoota tikeetii ...
13/06/2025

Guyyaa Waaqayyoo Malee Hin Tahu😒🫢 ✈️
Dubartiin maqaan ishee jedhamti Xayyaara kufen gara imaluuf namoota tikeetii muratanii gara buufata xiyyaaraa deemaa turan keessaa tokko turte garuu daqiiqaa 10n barfattee waan achi geesseef imaluu hin dandeenye.
Balaan Xayyaaraa kun waan hedduu nu agarsiise yoo irraa barachuu dandeenyeef🙌🏽
Waan argatte qofaaf otoo hin taane waan dhabdeef galateefadhu Waaqayyo waan godheef beeka👍🚀 ✈️
Risaa Media

Gurraachicha - dirra kuulaa,Faana milkii, jaarsaa guulaaHeera eegdee, seera tumtee,Caffee keetti ‛sirna’ uumte!Ilma dhug...
13/06/2025

Gurraachicha - dirra kuulaa,
Faana milkii, jaarsaa guulaa
Heera eegdee, seera tumtee,
Caffee keetti ‛sirna’ uumte!

Ilma dhugaa, nama haqaa
Ayyaanticha -afaan Waaqaa
Situ cufaa faloon saaqa!

☆Jila Gadaa Michillee☆

Ofumaaf Jireenyaaf Dhiphannaam😭🫢Dr. Pratik Joshi waggoota ja’a darban keessa London keessa jiraataa ture. Inni yeroo dhe...
12/06/2025

Ofumaaf Jireenyaaf Dhiphannaam😭🫢
Dr. Pratik Joshi waggoota ja’a darban keessa London keessa jiraataa ture. Inni yeroo dheeraaf abjuu qaba ture biyya alaatti waa'ee boru jiruu gaarii ijaaruuf, niitiisaa fi ijoollee isaani sadii didiqqoo kan Hindii keessatti hafan waliin.

Waggaa hedduu karoorfachuu, waraqaa fi ulaagaalee barbaachisan guutachuun obsa hedduu booda, abjuun sun dhugoomaa ture. Guyyaa lama dura, niitiisaa Dr. Komi Vyas, isheenis ogeetti fayyaa, hojii ishee Hindii keessatti hojjachaa turte gad dhiiste,gara biyyaa Ingiliizi maatii ishee woliin imaluuf.Qophii hunda xummuranii,maatiif firoottan isaanitti nagaa dhaamataanii bulan.

Ganama har’aa, shanan isaanii, abdii fi gammachuu fi karooraan guutamanii, xayyaara Air India lakkoofsa 171 irratti gara London imaluuf yaabatan. Suuraa ofii(selfie) ka'uun maatii isaaniif ergan. Imala yeroo tokkoof, jireenya haaraa jalqabuuf.

Garuu isaan gara san hin geenye. Xayyaarri kufe. Isaan keessaa namni tokko iyyuu hin baraaramne.
Yeroo gabaabaa keessatti, abjuun waggaa guutuu gara qorraa jijjiirame. Yaadannoo hamaa: jireenyi lafaa fi sodaachisaa ta'uu isaa. Waan ati ijaartu hunda, waan abdattuu hundi, waan jaallattu hunda, hundumtuu funyoo tokkicha irra jira. Kanaaf, yeroo qabdu keessa jiraadhu, jaaladhu, fi gammachuu boruu eeguu hin ta’in – har’a eegali.
Kan Hiikame👌

PPn wa’ee mucaa diimaa malee wa’ee galaana diima lafaa Keesse  jirtii
12/06/2025

PPn wa’ee mucaa diimaa malee wa’ee galaana diima lafaa Keesse jirtii

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr. Lammaa Magarsaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share