Jirra Oromia

Jirra Oromia Odeeffannoo waqtaawadhaaf JIRRA_OROMIA hordofaa!

15/07/2022

!

Tutoriin Albert baratootaaf bilisaan barnoota kennaa tureera. Bara kanas Adoolessa 11 irra jalqabee kutaa 7ffaa hanga 12ffaa bilisaan barnoota ganna kennuuf qophii fixneera. Haaluma kanan Wixata irra hanga Jimaata sa’aatii 2:30 hanga 6:30 tti gosoota barnootaa English, Mathematics, Biology, Chemistry, Physics fi Aptitude (kutaa 12ffadhaf) barnootni kan kennamu ta’a. Barnooni kunis kan kennamu baratoota yuunivarsiitii muuxanno barisisuu qabanii fi barattoota iskoolar-shippi(scholarship)dhan biyya alaatti barachaa turani ganna gara biyyaatti debi’aniidha. Barnoonni kutaa 7ffaa fi 8 ffaa Afaan oromotin fi Afaan Amaratin kan kennamu ta’a.

Tessoon:
Adaamaa, M/B Gooroo Sadarkaa Lammaffa
Telegram:
Odeeffanno dabalataaf: 0965904254 / 0915832902

    Ajjeechaa Artiisti Haacaaluu Hundeessaan kan himatamee Xilaahuun Yaamii hidha umrii guutuu irratti murtaa'e.Himatama...
03/08/2021




Ajjeechaa Artiisti Haacaaluu Hundeessaan kan himatamee Xilaahuun Yaamii hidha umrii guutuu irratti murtaa'e.

Himatamaa 2ffaan Kabbadaa Gammachuu hidha waggaa 18 akka adabamuu kan murtaa’e yoo ta’uu, himatamaa 3ffaan Abdii Alamaayyoo irratti ammoo hidha salphaa baatii 6'n akka adabamuu murtaa’eera.


Dura Taa’aan TPLF Dabratsiyoon G/Mikaa’el ammallee lola itti fufna jedhaniiruMootummaan federaalaa labsii dhukaasa dhaab...
18/07/2021

Dura Taa’aan TPLF Dabratsiyoon G/Mikaa’el ammallee lola itti fufna jedhaniiru

Mootummaan federaalaa labsii dhukaasa dhaabuu gam-tokkee torban lama dura inni labse sababa adeemsa humnoota TPLF’f amanamoo ta’aniin hin milkoofne jedheera.

''Juntaan diina Itoophiyaa ta'u mirkaneessaa jira. Kanas, ummata keenya hunda qindeessine ni buqqisna,'' jechuun MM Abiy torban kana keessa ibsaniiru.

Bulchaan Itoophiyaa sababa lola Tigraayin dhiibbaan dippilomasii olaanaan gama biyyoota Lixa itti dhaqqabeera. MM Abiy ummanni Raayyaa Ittisaa cinaa akka dhaabbatu waamicha taasisaniiru.

Itti dabaluunis, ''gama tokkoon deeggarsi namoomaa akka saffisu hojjetaa, gama kaaniin diinni alaafi keessaa wal hubatanii haleellaa nutti banan ofirraa qolanna,'' jedhan.

Hoggantoonni TPLF duraan siyaasa Itoophiyaa keessa olaantummaa qabaniifi MM Abiy aangootti dhufuu hordofee Maqalee buufatan mootummaa federaalaa waliin araara hin buufne.

Paarlaamaan Itoophiyaa dhaaba TPLF galmee shororkeessitootaatti galmesseera.

Kamisa dheengaddaa ergaa dabarsaniin Dr Dabratsiyoon Gabramikaa’el '’… akkuma ji'oota saddeettan darbe goone qabsoofnee mirga keenya kabachiifna'' jechuun lafa humnaan qabame jedhan akka gadhiifamu gaafachuun 'qabsoo akka itti fufan' himan.

More:

Weellisaan Oromoo Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 29, 2020 Magaalaa Finfinneetti rasaasaan ajjeefameAjjeechaa Artiist Ha...
15/07/2021

Weellisaan Oromoo Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 29, 2020 Magaalaa Finfinneetti rasaasaan ajjeefame

Ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa raawwachuusaa manni murtii kan mirkaneesse Xilaahun Yaamii du'aan akka adabamu Abbaan Alangaa gaafate.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii Lidataatti dhaddachi yakkaa farra shororkaafi dhimmoota heeraa lammaffaa himatamtoota sadeen murtee balleessummaa irratti mure ilaalchisee yaadni adabbii akka dhiyaatuf ture har'atti kan beellame.

Dhaddacha har'aa irratti himatamtootni tokkoffaa hanga sadaffaa jiran: Xilaahun Yaamii, Kabbada Gammachuufi Abdii Alamaayyahu dhiyaataniiru.

Abbaan Alangaa yaada adabbiisaa barreeffamaan mana murtichaaf kan dhiyeesse yemmuu ta'u abukaatoon ittisaa himatamtootaa immoo akkaataa seera adaba yakkaa bara 1996 bahe keewwata 82/1/A'tin adabbiin akka salphatuuf barreeffamaan gaafataniiru.

Keeyyatni 82/1/A yakkamaan tokko nama kanaan dura amala gaarii qabuufi yakkichas osoo itti hin yaadin kan raawwate yoo ta'e adabbiin ni salphataaf kan jedhudha.

Haa ta'uu malee, Abbaan Alangaa yaadni adabbii salphisu kun himatamaa sadaffaa Abdii Alamaayyoof yoo ta'e malee himatamtoota tokkoffaafi lammaffaa, Xilaahun Yaamiifi Kabbada Gammachuuf, akka hin qabamne mana murtichaa gaafateera.

   Exclusive Akeekkachiisa fuula Feesbuukii butame! Fuulli Feesbuukii Artiist Haacaaluu Hundeessaa dhiyeenya kana baname...
05/07/2021


Exclusive

Akeekkachiisa fuula Feesbuukii butame!

Fuulli Feesbuukii Artiist Haacaaluu Hundeessaa dhiyeenya kana baname butamuusa /‘hack’ ta’uu/ dhageenyerra.

Namootni fuula Feesbuukii Artiist Haacaaluu Hundeessaa bananfi hogganaa turan akka Itoophiyaa Cheekitti himanitti fuulliichi har’a waaree booda butame.

Maatiifi hiriyootni artiistichaa fuula Feesbuukii hordoftoota kuma 118 ol qabu kana deeffachuf hojjechaa jiru.

Hangasittis hordoftootnisaa odeeffannoowwan fuula Feesbuukii kanarratti (https://m.facebook.com/hachaluhundessaofficial/) barreeffaman ofeeggannoon akka ilaalan dhaammataniiru.

Fuulli Feesbuukii kun kan hojiileen artiistichi kanaan dura hojjetefi hojjetamaa jiran itti beeksifaman fi ummata bira akka gahan itti taasifamu akka ta’e hiriyootni Artiist Haacaaluu Hundeessaa Itoophiyaa Cheekitti himanii turan.

Maddi:

04/07/2021
Barataa JEMAL ALIYI IBRAHIM kan jedhamu godina harargee bahaa kan ta'e guyyaa kaleessa 26/10/2012 (july 03/2021) magaala...
04/07/2021

Barataa JEMAL ALIYI IBRAHIM kan jedhamu godina harargee bahaa kan ta'e guyyaa kaleessa 26/10/2012 (july 03/2021) magaalaa finfinnee 'taxi' keessatti 'document' orginala fi koophii kutaa 8,10, 12 akkasumas transcript orginaala fi copy waan gatee deemeef karaa media garaa garaa odeeffannoo qqqqkana yoo argate
lakk. Bil
0917581466
0912649944
Irratti bilbiluun fudhachuu ni dandeessa. .Tarii mucaan kun university deemaa waan jiruuf odeeffannoo kana karaa Telegram fi fb share gootanii akka biraan naaf geessan kabajaan isin gaafanna.

Jirra Oromia

 Dooktarri Kabajaa Abbabachi Goobanaa boqotanDooktarri Kabajaa Abbabachi Goobanaa addunyaa kanarraa du'aan boqotan. Mogg...
04/07/2021



Dooktarri Kabajaa Abbabachi Goobanaa boqotan

Dooktarri Kabajaa Abbabachi Goobanaa addunyaa kanarraa du'aan boqotan.

Moggaasa maqaa Maazar Tereezaa Afrikaa jedhamuun kan beekkaman Dooktarri Kabajaa Abbabachi Goobanaa addunyaa kanarraa du'aan boqotan.

Dooktarri Kabajaa Abbabachi Goobanaa daa'imman maatii hin qabne bakka kufanii kaasuun iddoo guddaa akka qaqqaban taasiisuun biyyaaf oolmaa guddaa oolaniiru.

Daa'immaan daandirraa kaasuun guddisanii iddoo olaanaa akka qaqqaban taasiisuun dubartii gootaa beekkamtii olaanaa argatan turan.

Dooktarri Kabajaa Abbabachi Goobanaa bara 1928 Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa aanaa Giraar Jaarsoo iddoo Torban ishee jedhamutti dhalatan.

Dooktarri Kabajaa Abbabachi Goobanaa manneen amantaa Kiristiiyaanaa magaalaa Finfinnee fi Finfinnee ala jiraniif gumaacha olaanaa taasiisaniiru.

Sababa beela hamaa bara 1972 muudatee tureen daa'imman haadhaa fi abbaa malee daandirratti kufan 2 fudhachuun waldaa kunuunsaa fi misooma daa'immanii hundeessan.

Waggoottan 41 darbaniif daa'imman kumaataamaan lakkaawwaman guddisuun iddoo guddaa qaqqabsiisaniiru.

Sagantaa hiyyuummaa hir'isuu garaagaraan kutaa hawaasaa miiliyoona 1.5 oliif deeggarsa taasiisani.

Hojii hojjetaniin waltajjii idil addunyaa garaagaraarraa badhoosota hedduu argataniiru.

Yuunvarsiitii Jimmaarraa Dooktara Kabajaa argataniiru.

Dooktarri Kabajaa Abbabachi Goobanaa dhibee vaayrasii koroonaan qabamanii Hospitaala Phaawuloosiitti kutaa yaala wallaansa cimaatti yaallamaa turuun ganama har'aa umrii waggaa 85ffaa isaanitti addunyaa kanarraa du'aan boqotaniiru.

Faanaa Broodkaastiing Korporeet boqachuu isaaniif gaddi guddaan itti dhaga'amuu ibsuun, maatii, firoottaanii fi ummata Ityoophiyaa maraaf jajjabina hawweera.


Jirra Oromia

     Ameerikaan lammilee ishee  naannoo Tigraay Maqalee keessa jiraatan baasuuf yaalii gocha jirti.Waajjirri Dhimma Alaa...
04/07/2021



Ameerikaan lammilee ishee naannoo Tigraay Maqalee keessa jiraatan baasuuf yaalii gocha jirti.

Waajjirri Dhimma Alaa(Imbaasiin) Ameerikaa ibsa baaseen lammilee magaalaa Maqalee jiraatan kanneen lammummaa Ameerikaa qaban baasuuf yaali taasisaa akka jiru beeksiseera.

Lammileen Ameerikaa Maqalee jiraatan nageenyaa isaaniif jecha addaa of baasanii akka turan Imbaasiin Ameerikaa gorseera.

Namoonni lammummaa Ameerikaa qaban yookaan maatiin isaanii lammummaa Ameerikaa qabatanii naannoo Tigraay keessa jiraatan Imbaasii Ameerikaa waliin akka wal qunnamaan gaafatamaaniru.

(US Embassy)

Jirra Oromia

Barattootaa yuunvarsiitiiwwan naannoo Tigraay...Maatiin barattootaa ijoolleen isaanii yuunvarsiitiiwwan naannoo Tigraay ...
03/07/2021

Barattootaa yuunvarsiitiiwwan naannoo Tigraay...

Maatiin barattootaa ijoolleen isaanii yuunvarsiitiiwwan naannoo Tigraay keessa jiranii iyyaannoo qaban ibsachuuf guyyaa har’a wajjira Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo duraatti walgahaaniiru.

Sodaa nageenyaa qabaaniin maatiin barattootaa ijoolleen isaanii yuunvarsiitiiwwan naannoo Tigraay keessa akka bahaaniif gafaacha akka jiran ibsameera.

Akkasumas jijjiraa iddoo barattootaa haaraa yuunvarsiitiiwwan naannoo Tigraay keessatti ramadamanii gafachuuf maatiin barattootaa wajjira MoSHE duraatti akka walgahaan ibsameera.


Jirra Oromia

25/06/2021

Albama haacaaluu haarawa. Vol3
haa bitnu.

Jirra Oromia

 Qabxiin seensa Yuunvarsiitii ifoomera Qabxiin seensa Yuunvarsiitii ifoomeera.Haaluma kanaan ➠Saayinsii uumaamaan      ➣...
08/04/2021


Qabxiin seensa Yuunvarsiitii ifoomera

Qabxiin seensa Yuunvarsiitii ifoomeera.
Haaluma kanaan
➠Saayinsii uumaamaan

➣dhiiraaf 380
➣dubartoota 368
- Qaama miidhamtootaf:
• Dhiiraaf qabxii 350
• Dubaraaf qabxii 345

➠Saayinsii Hawaasaan

➣dhiiraaf 370
➣dubartootaaf 358
- Qaama miidhamtootaf:
• Dhiiraaf qabxii 340
• Dubaraaf qabxii 335
fi isaa ol ta’uu Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnootaa olaanoo beeksiseera.


Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Jirra Oromia posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share