Oolanchitii Post

  • Home
  • Oolanchitii Post

Oolanchitii Post Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oolanchitii Post, Media/News Company, .

01/06/2025
Bara hojii gaarii Muudamtoota Yaa'ii Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa 20ffaa
24/11/2024

Bara hojii gaarii
Muudamtoota Yaa'ii Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa 20ffaa

Kanuma qabdii biyyaattiin Amantii Safuu
09/02/2024

Kanuma qabdii biyyaattiin Amantii
Safuu

Itoophiyaatti ayyaanota kabajaman ilaalchisee wixinee haaraan qophaa'aa jira.
Mootummaan Dargii kufee guyyaa ADWUI aangoo itti qabate Caamsaa 20 akka labsii kanaatti hafuu mala. Ayyaanotni Kiristaanaa fi Islaamaa labsii kana keessatti akka kabajaman hammataman isaan kami? Kamtu ammoo hafa? Odeessa kanarraa argattu. 👉👉 https://bbc.in/4byfIvm

29/01/2023

Amantiin Islaama fi kiristaana ilmaan gabrummaa ykn waanjoo gabrummaa baatan dachii Afrikaa keessatti horattee jirti. Post Amajjii 29,2023- Sinoodosiin haarafti naannoo Oromiyaa fi sabaafi sablaammootaa jedhee of waamu bu'aa manni amantii kiristaana Tawaahidoo Itoophiyaa dhalteedha.Faranjoonni walgahii bara 1888 afrikaa qircaachuuf murteessan yaadachuun gahaadha.Har'a afrikaan baddaa gammoojjituu sirna koloniin warra adii facaasaniin waxalamaa jirti.Namoonni carraa taayitaa argantan kaayyoo fi akkeeka gabrummaa malee dhugaa fi haqa ummanni qabu moggaatti gatuun ta'uuf wixxifatu.Kunimmoo gaaga'ama hamaa lammiileerran gaheera.Namooni sinoodosii haara hundeessan ijoolle manni amantii kiristaana Tawaahidoo Itoophiyaa qarteedha.Sussuma jijjiirun ittoo mi'eessu akkuma jedhan maalummaa amantii kiristaana afaan Oromoon barsiisuun eenyummaa Oromoo hin dagaagsu.Afaan dhalootan barsiisun bu'aansaa yoo sagantaafi beekkumsa warrikee qabu yoo ta'e malee imaammataa fi sagantaa qabu barsiisu miti.Ilmoon boortee haadharaa utaalcha barti akkuma jedhan,Warri kun gabrummaa Oromoo fi Oromiyaatti jabeessurra bu'an qaban xiqqaadha.Tarii ammaatti:-
Abashaan Bataskaana keessatti dawoo godhattee lammiileerran miidha gochaa jirtu ni fooyyessuu fi hiccitii abashaan dhoksaa turte saaxiluun golgaa amantiin kiriistaana qabu ifatti ni muullisu.Furmaanni Oromoo manaa fi sirnasaatti galuudha.
Oolancitii Post

30/12/2022

Nagaa ooltanii? Bultanii?
Sabni dhugaa fi haqa qabu jabaadha.

Namaleen mana nama hundaa galuun golgaa dhalootatti taatee,sagantaafi beekkumsa Oromoon kalee qabu karaarra maqsuun,dhugeeffannaa fi safeeffannaa uumatichaa dabsee,ofirra goruun sagantaafi immaammata diinatti masakamuun kaayyoo fi galmasaa dagatte.Har'a xinnaattus ummanni Oromoo xiyya mataasarra fi dhaloota isaatti amanuun sagantaasa geggeessa jira. Sabni tokko walumatti amanee gurraafi yeroo qabu walii laannan,hubannoo fi beekkumsa warrisaa kalee dhimma itti bahaa ture asumaan argachaa deema.Tolaa hamaattu waliin qabna jechuun Jallaafi sirrii ofii qajeelchuu danda'u.Oromoon waan qabu Galmaa qaba.Galma jechuun dhaaba manaa osoo taane mataa namaati. Mataan namaa hubannoo fi barnootan gabbaannan jiruufi jireenya sabichaa murteessu danda’a.Jijjiirama dhala namaarratti fiduuf qooda kan qabu barnoota dhugaarra maddeedha.
Barnoota dhugaa baradhaa lafa dhugaa jiraadha?!.
GADAAN MIRGAA
LEEL!

21/11/2022
19/11/2022

Duulli ilmaan Oromoo ajjeesu qindeessummaa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Amharan raawwatamaa jiru cimee itti fufeera.Akkuma hundi keenya yaadannuutti walii galteen qaamota lamaani ifatti bahun jibba Oromoorra qaban lallabaa turani.Ummata Oromoo jilbiiffachiisun nageenyi argama jedhinii kan yaadan gareen kun saalfi malee ilmaan hiyyeessa hidhuu,reebuu,manaafi qabeenya saamun, naatoo malee ajjeesu.

Godina Shawaa Bahaa aanaa Fantaalleetti waraanni mootummaa qabata sakattaa WBOtiin bobbaafame jiraattota 3 yoo ajjeesu m...
19/10/2022

Godina Shawaa Bahaa aanaa Fantaalleetti waraanni mootummaa qabata sakattaa WBOtiin bobbaafame jiraattota 3 yoo ajjeesu manneen jiraattotaa hedduu ibiddaan gubuu jiraattonni himan.

Gama biraatin aanaa Fantaallee fi Boosatitti weerarri lafaa humnoota naannoo Amaaraatiin taasifamaa jiru hammaatee jiraachuun ibsameera.

Godina Shawaa Bahaa aanaa Fantaalletti humni waraana mootummaa maqaa sakatta’iinsa WBOtiin bobbaafame jiraattota nagayaa ajjeesuun himameera.

Goolinsi kun torban kana bifa hamaan kan itti fufe yoo ta’u hanga ammaatti lubbuun nama 3 darbuu jiraattonni naannichaa himan.

Namoonni ajjeefaman kunneen tokko miseensa tuuta gadaa Meelbaa kan ta’an nama Boruu Roobaa Lakkuu jedhaman yoo ta’u, Aanaa Fantaallee ganda Tuuroo Baddannootaa lafa Bommisaa jedhamutti waraana mootummaatin ajjeefamuu jiraattotatu hime.

Ajjeechaan kunis kan raawwatame ilbata darbe tahuu jiraattotarraa dhageenye.

Namoonni ajjeefaman lama ammaaf maqaan isaanii baramuu baatus aanaa Fantaallee ganda Gidaaraatti ajjeefaman.

Waraanni mootummaa dhibbootaan lakkaa’amu Aanicha keessa qubsiifamuun hawaasa nagayaa goolaa jira kan jedhan jiraattonni waytii ammaa gandoota akka Haroo Qarsaa, Dheebitii, Ilaalaa-Qararrii, Xuxxuutii, Haroo-Huubaa fi kanneen biroo keessaa horsiisee bultoonni hawaasa Karrayyuu baqatanii jiraachuu dubbatu.

Gandoota kana keessatti ilmi dhiiraa horii bobbaafatee galfachuu hin dandeenye kan jedhan jiraattonni, Loonii fi Re’ee dubartootaa fi daa’imman eegaa akka jiran dubbatu.

Waraanni mootummaa bobbaafame kun Raayyaa Ittisa Biyyaa fi humnoota poolisii addaa Oromiyaa tahuu ibsuun jiraattonni, hawaasarraa humnaan hidhannoo hiikaa jiraachuus addeessaniiru.

Qabata sakatta’iinsa WBOtiin waraanni mootummaa bobbaafame jalqaba jiraattota gandoota Haroo Qarsaa fi Dheebitii buqqisuu kan himan jiraattonni waytii ammaa gandoota akka Tuuroo-Baddannootaa, Gidaaraa, Dirra-Sadeen fi Faatee-Leediitti babal’achuun jiraattota dararaa jiraachuu jiraattonni himaniiru.

Maddi OMN

Manguddoon Amantii Islaama barsiisun beekkamu Aadam Tuulaa boqataniru.
19/10/2022

Manguddoon Amantii Islaama barsiisun beekkamu Aadam Tuulaa boqataniru.

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oolanchitii Post posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

  • Address
  • Alerts
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share