30/05/2025
Bulchiinsi magaala Sandaafaa Bakkee jecharra darbee gochaan maal fa'a milkeesse...? Maal immoo milkeesuf jira..?
Magaalan Sandaafaa Bakkee magaala fakkeenya misoomaa, Nageenyaa fi bulchiinsa gaarii taate uumuuf hojjetamaa jirtuudha.
Magaalli Sandaafa Bakkee hojiiwwan dinagdee cimaafi damdaneessa mirkaneessuuf hojjetaman keessaa inisheetiiviiwwan misoomaa galmoota magaalaa wabii nyaataa mirkaneessuu, ogummaafi intarpiruunarshiippii dagaagsuufi E-governance hojiirra oolchuun dorgomtummaa magaalichaa dabaluun cinatti bu'uuraalee misoomaa babal'isuun fayyadamummaa ummataa dhugoomsuuf xiyyeeffannoon hojjecha jirtuudha.
Tarkaanfiiwwan kanneen keessa ijaarsi gamoo giddugala gaba hunda galeessa ta'e isa tokko yoo tahu, Kunis sochii sirna daldaala cima uumun cinaatti carraa hojii bal'aa uumu, Aadaa hojii jijjiruun magaala gidduu galaa daldala cima taasisu keessatti shoora ol-aanaa qaba.
Inisheetiiviiwwan damee qonna magaalaan qabaman keessaa hojiiwwan misoomaafi gabbisa beelladaa bu'a-qabeesaa taasisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf sheediiwwan heddu ijaaramuun carraawwan hojii uumuun danda'ameera.
Gama carraa hojii uumuutiin dargaggootaafi dubartoota dinagdeen of dandeessisuuf inisheetiivii garagaraa bocamuun hojiiwwan hojjetamaa jiran fayyadamummaa isaanii mirkaneessaa jira.
Magaalichatti rakkoowwan gama bu'uuraalee misoomaan turan furuufis daandiiwwan keessa keessaa, Dhiyeessi geejjiba, daandii koobilii, diichii, bo'oo lolaa, sochiin misooma koriidarii, magariisummaaf qulqullina magaalaafi kan biroon hojjetamaa jiran Magaalaa Sandaafa Bakkee magaalaa hawwattuufi jireenyaaf filatamtuu taasisaa jiru.