Dureti Tiyyaa

Dureti Tiyyaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Dureti Tiyyaa, Digital creator, Addis Ababa.

15/09/2025

Fuula Waaqayyootti namni gadi jedhu
Ulfinaan ol-qabama🙌🏿🙏🏿

15/09/2025

Namni post kana argaa jirtu Isa ija argu sii kenneef Gooftaa 🤲 Galata jedhii darbi , comment barreessi

10/09/2025

Jabaadhu, kaayyoon tabba qaba. Laafnaan caba qaba. Jabaannaan galma qaba.

16/08/2025

Wangeelli nun jijjiiru taanaan kitaabileen addunyaa kanaa kamiyyuu nun jijjiiru!

14/07/2025

"Kun ka'umsa bor ga'uumsa"

JIBBA NAMAAJibbi waantoota dandeettii sammuu namaa miidhan keessaa isa tokko. Namni nama jibbu sammuun isaa jibbaan waan...
29/07/2024

JIBBA NAMAA

Jibbi waantoota dandeettii sammuu namaa miidhan keessaa isa tokko. Namni nama jibbu sammuun isaa jibbaan waan guutamuuf sadarkaa irra jiru irraa gara sadarkaa biraatti jijjiiramuu hin danda'u. Nama ta'anii nama akka ofii jibbuun dhiphummaa waan ta'eef nama miidhuu malee faayidaa homaa tokko illee hin qabu. jibba waan sin fayyannee malee jibba namaa akka hin qabaanne of murteessi!

🕊️ MIILTOO 🕊️

💫 HIRIYYAA KARAA DHEERAA SOORA QOR-QALBII! 💫

JAALALLI- Gammachuu namaaf laata- Waan gaarii nama yaachisa- Jireenya hawwaasummaa cimsa- Kaayyoo fiixaan baasa- Galma q...
13/05/2024

JAALALLI

- Gammachuu namaaf laata
- Waan gaarii nama yaachisa
- Jireenya hawwaasummaa cimsa
- Kaayyoo fiixaan baasa
- Galma qaqqabsiisa
- Bilisummaa yaadaa laata
-Kanaafuu Jaalalli furtuu jireenyaati

11/05/2024

XIIN-SAMMUU🧠 👀
OBSI
- Taajjabbiirraa si hambisa
- Hamtuurra nama si eega
- Of eeggannoo namaaf labsa
- Amala qabeessa nama taasisa
- Gara laafummaa nama barsiisa
- Sammuu namaa bal'isa
- Madaaluuf nama gargaara
- Olaantummaa nama gonfachiisa
Kanaafuu "obsa" qabaadhu.

WALALOO ✍️🕯️KAAYYOOKEEF AARSAA TA'I!----------------------------------------------Dubbataatu dubbii fidaa           Egaa...
09/05/2024

WALALOO ✍️🕯️

KAAYYOOKEEF AARSAA TA'I!
----------------------------------------------
Dubbataatu dubbii fidaa
Egaa Anis....

Dubbadheen dubbii fidaa
Akeekkadhee hubadhee
Mi'aasaatiif eeggadhee
Ogummaan bilcheeffadhee

Dubbadha dubbii jabaa
Kan hundaaf galaa ta'u
Finiinseen dhaamsa dhaama
Hundiyyuu haa dhaga'u

Kaayyoo kee akeekkadhu
Kallattii kee beekkadhu
Xiinxalii of hubadhuu
Mul'ata keef jiraadhu

Gatii gadoof gadadoo
Kan si deebisu duuba
Qarookee fageeffadhu
Teesseen lakkaa'in huuba

Tarkaanfiikee bareechii
Ejjennaakee tolfadhu
Kaayyookeen ajjeesinii
Mul'atakee oolfadhu

Baqqodhaaf manaa baatee
Baqqoodhaa godoon taa'in
Kaayyookee manaa baateef
Dagattee suuqa hin kaa'in

Adamsituun adamoof
Yerottii manaa ba'u
Xiyyeeffatee dhama'a
Al tokkoof gadin hin taa'u

Takka ijajjee gad taa'ee
Qaxxisees suuta lo'ee

Mala Isa malaleesseen
Faana dha'ee barbaadaa
Asaasallee lagatee
Ofiisaatiinuu ooda

Yeroo barbaachisetti
Kaayyoo isaaf gatii baasuu
Murteeffatee adeema
Duuba of hin deebisu

Foolii xuraa'aa foolee
Beela'ee hagabuu oolee
Dheebotee dheebuun dhaanee
Gaara ba'uuf harganee

Mukaa baalatti bu'aa
Bosona keessa fiigaa
Takka dafqee xuruuraa
Takkoo madaa'ee dhiigaa

Takka kufee ol ka'aa
Asiifi achiin ba'aa
Eeboosaa jabbeeffatee
Harka mirgaan qabatee

Kophee isaa hidhatee
Fiigaa lubbuusaa gatee
Laga keessa ariyee
Muummee duukaa qaariyee

Dachaattis gadi buusee
Gaarattis ol kaachisee
Eeboo duukaa darbachaa
Murxuxxee cabsee ha'aa
Muummee meeqa qaariyee
Lafa garaasaa ga'a

Kaayyoosaaf gatii baasuu
Mara baasee fixatee
Galagaa milkeeffatee
Damma harkatti baadhatee

Kanaaf atis kaayyookeef
Onnadhuu aarsaa ta'i
Yoonni gadi si buuses
Daaraa keessayyuu taa'i

Iji kaayyoo faca'ee
Tolatti irraan haamamu
Meeqa tuffatamanii
Meeqammoo itti arrabsamu

Danuudhaan jibbamanii
Muraasaan jaallatamaa
Kafana iyyuu dhabanii
Qoma qullaa adeemaa

Kaayyoo ofiif jiraatu
Irratti aarsaa ta'anii
Male wallaansoo baqa
Male rakkina baqa
Gatanii hin adeemani
---------------------------------

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dureti Tiyyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share