21/06/2025
Aab Taayee Danda'aa
Gaaffii fi deebii miidiyaan Horn conversation Obbo Taayyee Danda'aa waliin taasisan kutaa 6 (jechuun kan Afaan Oromoo sadanii fi kan afaan Amaaraa sadanuu ) daawwadheera. Gaariidhas. Garuu----
1, Aab Taayyeen ammayyuu taanaan balleessaa kanaan dura raawwateef ykn raawwachiiseef dhiifama gaafachuu hin barbaanne. Yoo xinnaate bara 2019 garee maqa balleessaa ijaaruun Oromoo kutaan qoodee , sanuu warra nu malee jechuun balaan beelaa fi waraanaa waggaa lamaa oliif akka irratti raawwatuuf haala mijeesseera. Jechootni Jawwaar D3-dhaan ibse sunis ka'umsi isaa kanuma.
2, Cichoominni aab Taayyeen waan amane irratti mul'isu waan ajaa'ibaati. Ammayyuu taanaan bilxiginnaa deggaruu,faarsuu fi dhaabuu isaaf cichoomina qaba. Kun waan gaariidha.dhiirri ciniinnattuu wayya kan jedhanuufis kanumaafi.
3, Aab Taayeen gaaffiiwwan taasise hundaa keessatti badii Abiyyi raawwate hundasaa kan hubate booda ta'uu amaneera. Waan hunduma Abbichuun balleesse erga turee naaf gale jedheera. Gaariidha akkuma boombiin jette turanii uruun mataan isaayyuu dansaadha. Garuu immoo kan beekamuu qabu obbo Taayyeen miseensa paartii siyaasaati malee miseensa dhaaba amantii ykn hafuuraa miti. Dabi akka raawwatamu, sobni akka jiraatu, shiirri akka xaxamu , shakkuu ykn tilmaamuutu irra ture. Waan hundaa amma reefuun bare jechuun daree siyaasaan ala dubbatama .
Waggota shan dura yoon doggoruu baadhe miidiyaa LTV irratti intalli lakkoofsa tokkoo sun (Beetii Taaffasaa) "ati waan hundumaa fuuldurratti waan ilaaltuuf shirri siyaasa keessatti dalagamu balaaf sin saaxiluu ?" Jetteenii turte. Intalloon sirriitti tamalakkatteetti jechuudha.
4, Aab Taayyeen nama sirni diimokiraasii sirriin akka jiraatuuf hawwu ta'uu isaa hubadheera. Dhugumatti sirni ummataan ijaaramu otoo uumame Taayyichoon akka hawwu argera. Garuu xoobiyaatti hin yaadamu.
Kan biraa barreeffama Taayyee akka mixii nama ciniinu sanuummoo ganama ganama garaa duwwwatti otoon dubbisuu dhibeen garaachaa na mudatus , cichoomina isaa ilaalee aab Taayyeef dhiifama godheera.
Akka hiikamuuf waaqa kadhachaafii, gaafa bahe immoo paartii( haa gaabbinu ! ) jedhu akka waliin hundeessinu abdiin qaba.