08/07/2025
Artiistiin keenya Andualem Gosa mootii sirbaati. Simboo waltajjiiti. Nama dandeettii cimaa qabuufi abbaa sagalee kiilolee akka taโe isinitti himuun beekumsa keessan xiqqeessuu taโa. (Namootni muraasni)
Dhimma obboleettii keenya Qananii gaafachuufi dandeettii isaa haaluun wal adda. Dhugaa ishee gaafachuun dirqama hunda keenyaati. Garuu qindaโanii itti duuluun jibbaaf inaaffaa ifa galaadha. Kaleessuma yuutiyubii isaa unsubscribe goosisuun eegalame. Inni garuu hin milkoofne kuma 389 irraa kuma 390tti guddatee bule๐ yaadichi ni gatate.
Dhugaan hadhooftuun beekamuu qabummoo โdhugaa Qananii barbaadnaโ jedhanii havashaa warra yeroo Haceen ajje-*famu nutti qoosaafi nutti kolfaa ture waliin itti duuluunis isa cabsuufi waan dhokataa duubaa akka qabu akeeka. Rabbi hin fidinii osoo wanti hamaan isarra gahee imimmaan naachaa kan booโus isinuma.
Haqa dubbanna yoo taโe jarri sun haqa Qananiif jecha akkas gadoodaa jiruu? Moo siluma karaa ittiin Anduโaalamiin cabsan barbaadaa jiru kan jedhus of gaafadhaa.
Jaallattanis jibbitanis Anduโaalam mootii artiiti, haqni Qananiimmoo iyya havashaa waliin iyyamuun ni argannaan hin fakkaatu.
Foontu fooniif dhiiga of hin sobinaa.