18/11/2021
VPN (Virtual Private Network) - Maqaan kun "Cimdaa Yaadaa-Namtokkee" akka jechuuti. Tajaajila Toorarraa(online) kennamuudha. Hojiin ijoon isaa Qabiyyee interneeta Naannoo tokkoo uggurame/cufame banuu, Nageenya Deetaa keenya interneetarraa qabnu too'achuu ykn hannarraa eeguu, Sosochii keenya interneetarraa dhoksuudhaan qaamota faana nudhayan/hordofan irraa nu eeguu, fi kkf nugargaara.
VPN(Cimdaa Yaadaa-Namtokkee) kun tajaajila ijoo asii olii kana kan raawwatu tooftaa lakkoofsa-teessoo-argama interneeta(IP-internet-protocol address) keenya dhoksuudhaan.
VPN(Cimdaa Yaadaa-Namtokkee) kun akkaataan itti hojjatu VPN-Kuustuu fi VPN-Maamileessituun qunnamtii icciitii uumuudhaan fayyadamtootaaf eeggumsa taasisu. VPN-Maamileessituu inni jennu Fayyadamaa(App) nuti koompuutara ykn bilbilarratti fe'annuudha. sanatu VPN-Kuustuu(Server) waliin walqunamee hojii nu hojjannu icciitessa/dhoksa(encrypt) godha. Fkn: Yeroo Nuti Facebook fayyadamuu barbaadne VPN Maamileessituu(VPN-Client) ykn App nuti bilbilarraa qabnu gaaffii keenya icciitessee(encrypt) gara kuustuutti erga, kuustuun sun ammoo icciitii itti ergame hiikee(decrypt) godhee interneetatti erga. Deebii deebi'uuf ammas icciitessee(encrypt) godhee nuuf deebisuudhaan interneeta akka fayyadamnu walqunnamsiisa.
Adeemsa kana keessatti miini(device) nuti itti fayyadamaa jirru kun VPN-Kuustuu wajjiin qunnamtii qabaata.
VPN(Cimdaa Yaadaa-Namtokkee) Faayidaa fi Miidhaa mataasaa qaba
Faayidaalee VPN(Cimdaa Yaadaa-Namtokkee) keessaa:
- Eenyummaa nama toorarraan interneeta fayyadmuu ni dhoksa(lakkoofsa-teessoo-argama interneeta(IP-internet-protocol address) keenya dhoksuudhaan). Kanaafuu eenyummaa keenyas, hojii keenyas waan icciitessuuf hanna interneetaarraayis nu eeguuf fayyadam
- Qabiyyee interneeta Naannoo tokkoo uggurame/cufame banuu - yeroo heddu biyya keenya keessatti sababoota garagaraatiin Inteneeta guutumatti ykn gartokkee cufuun baratamaadha. hardhas marsaalee hawaasaa seensarrtti ugguranii jiru. Kanumaaf kan VPNdhaan cabsinee fayyadamaa jirru.
- fikkf
Faayidaalee VPN(Cimdaa Yaadaa-Namtokkee) keessaa:
- Yaa'iinsa(bandwidth) guddaa fayyadama. Kuni ammoo qunnamtii interneetaa gadi buusuu qofa osoo hin taane Mallaqa keenyas haalaan akka nyaatu godha.
- Inni biraa ijoon miini(device) nuti itti fayyadamaa jirru VPN-Kuustuu wajjiin qunnamtii qabaata waan qabaatuuf Deetaa dhuunfaa olkuufachuu danda'u. Kunis Hanna interneetaatiif nusaaxiluu mala. Kun VPN hunda osoo hin taane muraasatu raawachuu mala jedhamee shakkama.
- Mi'oota tooko tokko irratti hojjachuu dhabuufi kkf
Kanaafuu, VPN Yeroo fayyadamnu VPN beekkamaa fi namootni heddu fayyadamu tahuu mirkaneeffachuu, yeroo hin fayyadamne Eenyummeessaalee(Accounts) keenya murteessaa tahan cufnee keessaa bahuu, Tursiiftuu(Cache) haquun gaariidha.
godhaa waliif dabarsa
Odeeffannoo dabalataatiif https://t.me/oroict_com hordofaa
Galatoomaa