Oromiyaan Biyya

Oromiyaan Biyya Sagalee tokkummaa Oromoon warraaqsa tokkoommaa WBO fi QBOtiin biyya walaba Oromiyaa ijaarranna.

07/10/2022

Qaama uummata meesha maleeyyii (Sivilii) nan darara jedhu yeroo kamittuu dura nii dhaabbanna! Eenyun haa ta'u meesha maleessa doorsisuu, saamuu fi ajj**suun qabsoos aangoos miti. Meesha maleessaf qabsoofna, meesha maleessaaf duunee isa jiraachifna!

28/08/2022



Milishaa yookiin wattaaddara dargii warri jedhamuun waamaman sun namni dhibbi saddeet (800) waajjira bulchiinsa godina tti waamamuun sirbaa turuun har'a galgalaa eegalee gara Fi fe'amuuf qophii hundayyuu xumuraniiru. naannichaaf dhaamsa dabarsi

KamiseeDaldaltootaa fi qonnaan bultoonni daldala jimaa kamisee fi naannawa isheetti hirmaatan gibira guddaa gaafatamaa j...
24/08/2022

Kamisee

Daldaltootaa fi qonnaan bultoonni daldala jimaa kamisee fi naannawa isheetti hirmaatan gibira guddaa gaafatamaa jiru.

Tibba kana daldaltoonni jimaa fi qotee bultoonni oromoo walloo gibira guddaa jimaa irratti kaffalamaa jiru sababa murna kanaan namoonni daldala kana keessatti hirmaatan hedduun hojii irra jiru

Kurtuu tokko (peestaalii keelloo) qarshii 20 kaffalchiisaa turan amma immoo kurtuu tokko dhibba tokkoof shantamii lamaa fi shantama kaffalchiisaa jiru

Daldaltoonni jimaa gara Kombolchaa fi Daseetti imalaa turan tokko gibira qarshii kuma 3000 kaffaluu diduun bakka Kaachir jedhamutti to'atamuu odeeffadheera.

Mobaayila namoota saddeet irraa fudhatanii waan jiraniif boru buufata poolisii irraa dhuftanii fudhachuu dandeessu jedhamanii jiru.

Gibira kaffaluun dirqama nama dhuunfaa hojii daldalaa keessatti hirmaatu ta'us haqa qabeessaa fi karaa daldalaa hin miineen ta'uu qaba.

Qonnaan bultoonni godina keenyaa hedduun isaanii jimaa akka oomishan ni beekama.

Waajirri Galiiwwan Godinaa dhimma kana hatattamaan furmaata osoo itti kennee gaariidha

22/08/2022

"RIB Har'a magaalaa Daarimuu qilxuu waajjira poolisii fuldura jirurratti nama Tasfayee jedhamu fanni*uun ajjees*n" ; jedha, odeessi xinnoo achii baate tokko. Kan odeessa guutuu qabdan;

21/08/2022

Teedii alamuu Qindeessaan faannoo ilmaan Risaan bishooftuutti biyyoo dhugeera.

21/08/2022

magaala mattuutti humni addaa gambellaa oromoo harka qullaa ka magaala keessa jiru erga edaatii akka male tumaa jirti. Humni kadhaa oromoo akka malee miidhuu itti fufee jira.❗❗❗

OLOLA DIINAAF YOOMIYYUU BAKKA HIN QABNU!!!OLOLA sobaa hafarsamaa jiru gidduu kana Jaala keenya Jaala kabajaaf jaalatamum...
20/08/2022

OLOLA DIINAAF YOOMIYYUU BAKKA HIN QABNU!!!
OLOLA sobaa hafarsamaa jiru gidduu kana Jaala keenya Jaala kabajaaf jaalatamummaa hawwaasaafi uummata Oromoo mara darbee akka guutummaa biyyatiitti qabu Jaal Gammachuu Shaanqoo irratti gidduu kana hoofamaa jiru hin dhaggeeffatinaa isiniin Jenna !!!
Eengadda gaafa guyyaa 17/08/2022 Gammachuu Shaanqoo ajjeesne jettee diinniifi jala buutootni hawwaasaafi hordoftoota aarsuu barbaadaa jiru wantichi guutummaan guutuutti soba akka ta'e baramee jiraachuuchuu isaa beektu # Amma immoo G.Q.W.A.gaawoo qeebbeetti harka kennate jettee hafarsaa jirti kunimmoo tasumayyuu hin yaadamu ...
Maqaa wal fakkeessanii akkana jechaa jiru maaloodhaa maqaan jechuu dandeessu akkana ture eengadda guyyoota muraasa darbe namicha maqaan isaa Gammachuu Ittafaa Jedhamu hidhata Gammachuu Gurmeessaa bulchaa godina kanaa wajjin fira kan ta'e qote bulaa abbaa maatii ganda qeebbee wajjin walii galanii soba dhugaa fakkeessuuf qarshii kennanii an shaneedha jedhi jedhanii ofitti waamanii jiru kunimmoo waan kanaan walitti isin hin fakkaatin isiniin Jenna hordoftootni keenya martinuu....
Jaal Gammachuu Shaanqoo ammallee dirreema qabsoo jira malee harka kennachuuf miti inni kan inni dantaa dhuunfaa isaa mara dhiisee manaa baheef.

Godinni Wallagga Lixaa Onni Sayyoo Noolee Magaalaan Sammarroo gooticha abdii sabaan guutummaatti to'atameera!
19/08/2022

Godinni Wallagga Lixaa Onni Sayyoo Noolee Magaalaan Sammarroo gooticha abdii sabaan guutummaatti to'atameera!

17/08/2022

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Dooranii keessatti sabboontoota ilmaan Oromoo adamsanii hidhuu fi qonnaan bultoota milishummaa leenji'a jechuun humnaan qabaa jiraachuun dhagaa'ame.

ONM-ABO Hagayya 16, 2022 Erga Waraanni Bilisummaa Oromoo magaalootaa fi gandoota godina Iluu Abbaa Booraa tokko tokko keessatti bifa haaraan tarkaanfii lukkeelee diinaa irratti fudhate as kaabinoonni fi waraanni murna bilxiginnaa olii hanga gadii jiran sodaa keessa galuun saboontoota Oromoo adamsuun qabanii hidhaa kan jiran yoo ta'u dargaggoonni hedduunis naannicha irraa baqachaa jiru.

Gochi kun kan hammaate aanaa Doraannii ganda Elemoo keessatti Hagayya 14, 2022 irraa eegaluun yoo ta'u sabboontoota Oromoo hawaasa biratti fudhatama qaban adamsuun akkasumas nama karaa irra deemu hundaa dhaabuun Waraana Bilisummaa Oromoo biraa dhufaatti jirtaan xinnaa guddaa osoo hin jenne reebicha hamaa irratti geggeessa akka jiran jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees murni bilxiginnaa aanichaa qonnaan bultoota humnaan leenjii milishummaa leenji'a jechuun dirqamaan qaba akka jiranis dubbataniiru.

Akka jiraattootni Oromoo ona Doraannii tokko tokko yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf kennanitti karoora murni bilxiginnaa nu irratti baafatee hojjechaa jiru kana dura dhaabbachuun qabsoo Waraanni Bilisummaa Oromoo geggeessaa jiru maddii goorree waan dandeenyu maraan qabsicha milkeessuuf kutannoo akka qaban ibsaniiru.

Oduma wal fakkaatuun magaalaa Mattuu keessatti erga tarkaanfii laalessaa waraanni bilisummaa Oromoo ona Daarimuu keessatti fudhatee sabboontoota ilmaan Oromoo Oromummaan yakkuun doorsisaa fi adamsanii qaba akka jiran ibsameera.
Kanneen hidhamaa jiran keessaa namoonni armaan dura sobaan yakkamanii mana hidhaa garaagaraa keessatti hidhamanii gadhiifamanis keessatti akka argaman maddeen ifoomsaniiru.

Oduu Gaddaa!Guyyaa har'aa humni waraanaa Abiy bobbaase Oromiyaa lixaatti obbolaan haadhoo lama manaa baasee rashane!Wall...
04/08/2022

Oduu Gaddaa!
Guyyaa har'aa humni waraanaa Abiy bobbaase Oromiyaa lixaatti obbolaan haadhoo lama manaa baasee rashane!

Wallagga Bahaa Ona Giddaa Ayyaanaa Ganda Guddinaa Calliyaatti Mootii Dhaabaafi Lammii Dhaabaa kan jedhaman ajjees**tu dhagahame. Mootiin barsiisaa yommuu ta'u, Lammiin yuunversiitii irraa eebbifamee lamaan isaaniiyyuu boqonnaa gannaaf maatii isaanii bira osoo jiraniiti kan sababa Oromummaa isaaniitiif ajjeef* man!

Address

Gulale
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromiyaan Biyya posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Oromiyaan Biyya:

Share

Category