17/08/2022
Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Dooranii keessatti sabboontoota ilmaan Oromoo adamsanii hidhuu fi qonnaan bultoota milishummaa leenji'a jechuun humnaan qabaa jiraachuun dhagaa'ame.
ONM-ABO Hagayya 16, 2022 Erga Waraanni Bilisummaa Oromoo magaalootaa fi gandoota godina Iluu Abbaa Booraa tokko tokko keessatti bifa haaraan tarkaanfii lukkeelee diinaa irratti fudhate as kaabinoonni fi waraanni murna bilxiginnaa olii hanga gadii jiran sodaa keessa galuun saboontoota Oromoo adamsuun qabanii hidhaa kan jiran yoo ta'u dargaggoonni hedduunis naannicha irraa baqachaa jiru.
Gochi kun kan hammaate aanaa Doraannii ganda Elemoo keessatti Hagayya 14, 2022 irraa eegaluun yoo ta'u sabboontoota Oromoo hawaasa biratti fudhatama qaban adamsuun akkasumas nama karaa irra deemu hundaa dhaabuun Waraana Bilisummaa Oromoo biraa dhufaatti jirtaan xinnaa guddaa osoo hin jenne reebicha hamaa irratti geggeessa akka jiran jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Kana malees murni bilxiginnaa aanichaa qonnaan bultoota humnaan leenjii milishummaa leenji'a jechuun dirqamaan qaba akka jiranis dubbataniiru.
Akka jiraattootni Oromoo ona Doraannii tokko tokko yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf kennanitti karoora murni bilxiginnaa nu irratti baafatee hojjechaa jiru kana dura dhaabbachuun qabsoo Waraanni Bilisummaa Oromoo geggeessaa jiru maddii goorree waan dandeenyu maraan qabsicha milkeessuuf kutannoo akka qaban ibsaniiru.
Oduma wal fakkaatuun magaalaa Mattuu keessatti erga tarkaanfii laalessaa waraanni bilisummaa Oromoo ona Daarimuu keessatti fudhatee sabboontoota ilmaan Oromoo Oromummaan yakkuun doorsisaa fi adamsanii qaba akka jiran ibsameera.
Kanneen hidhamaa jiran keessaa namoonni armaan dura sobaan yakkamanii mana hidhaa garaagaraa keessatti hidhamanii gadhiifamanis keessatti akka argaman maddeen ifoomsaniiru.