
21/06/2022
Oromias Icon.
Waxabajjii 14, 2014- Waajjirri Odiitara Olaanaa Federaalaa bu’aa gabaasa raawwii odiitii baajata bara 2013 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeessaa jira.
Bu’uuruma kanaan manneen hojii mootummaa Federaalaatti wayita faayinaansiifi odiitara seerummaan argannoowwan olaanoo mul’atan keessaa haala qabiinsa herreega maallaqaafi eegumsa sirrii mirkaneessuuf odiitiin yoo taasifamu, Yuunivarsiitii Gambeellaatti hanqinni maallaqaa Birrii 1,491,901.91fi Yuunivarsiitii Dabra Birhaanitti immoo Birrii 21,749.54 waliigalaan 1,513,651.45 argamuu Waajjirichi gabaasa isaa keessatti eereera.
Dabalataan manneen hojii sadii Yuunivarsiitii Hawaasaatti Birrii 632,044., Yuunivarsiitii Miizaan Teeppiitti Birrii 241,244.00fi Yuunivarsiitii Qabri Dahaaritti Birrii 128,030.00 waliigalaan Birri 1,001,318.97 qajeelcha kaffaltiin hamma maallaqaa murtaa’een olitti herreegni maallaqaafi cheekiin baasii taasifame jiraachuus beeksiseera.
Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isiin ga'uf like,share akkasumaas follow haa goonu.