
29/10/2024
’e_akka_nuti_barru_barbaada_Dhaloonni_si’anaa_garuu_kennee_fudhachuu_barbaada.
• Fedhiin Waaqayyoo karaa Ilmasaa Karoora guddaa dhala namaaf qoheessee isatti namni akka galu barbaada. Fedhiin Waaqayyoo inni guddaan kan garaa gammachiisu namni karaa Yesuus Kiristoos isaaf ilmaan ta’uudha. Waan hundumtuu karaa Yesuus itti tola waan ta’eef Namni karaa Ilmichaa Fuula isaa dura gaafa deemu fedhii Waaqayyoo guuta, garaa isaa gammachiisa. Isa keessaan gaafa nu ilaalu dheekkamsa keenya kaleessaa hin argu, jal’inni keenya isatti hin mul’atu. Anuma nama jal’aatu qajeelaa fi nama isa gammachiisu ta’ee isatti mul’ata. Haaleluyyaa.
• Bara hamaa fi rakkisaa kana keessa garuu dhugaa kana dhoksuudhaaf waan namni fi seexanni walii galee hin hojjenne hin jiru. Garaa namaa Waaqayyoof teessoo ta’uu gaafa dhiisu seexanaaf iddoo bultii ta’a. namni seexanni keessa jiraatu immoo faallaa fedhii Waaqayyoo hojjechuu fi jiraachuudha. Waaqayyo faallaa fedhiisaa warra jiraatan hanga isaan gara isaatti deebi’anitti hoo’inaa fi jaalala guddaadhaan isaan waama. Anis tarii jireenya keessa iddoo qabatee kan jiru seexana yoo ta’e Karaa Yesuusiin Fuula Waaqayyotti dhiyaachuuf Yeroonsaa hin darbine gara isaa akka ati deemtu Waamicha qulqullaa’aa siifan dhiyeessa.
• Yeroo amma kana Waldaa Kiristaanaa iddoo garaa garaa yoo deemtan wanti isin dhageessan dha malee Fedhiin Waaqayyo maalii waan jedhu hin dhageessan. Kennuu fi fudhachuun gaariidha garuu barumsa ta’uu hin qabu ture. Waan tokkoffaarra jiru dhiisanii isa lammaaffaa fi sadaffaa barsiisuun yeroo ofii gubuu caalaa homaa bu’aa hin qabu. Karaa Kanaan yaadaa fi qalbii namoota gara wanta kennanii fi fudhatamuutti naanneessaa oolu. namni sammuu fi seexaa qaba. Guyyaa hundumaa waan kennu yoo dhabe ni aara, of ceepha’a. kana booda akkuma hiriyaasaa waan kennu barbaacha jooruu eegala. Akkasiin namoonni hedduun daandii Waaqayyoorraa gara waan kennamuu fi fudhatamuutti gulufaa jiru.
Haalli kun namoonni Yesuusiin dhiisanii bu’aa karaa isaa argamu akka barbaadan taassiseera/ taassisaa jira.
• Bu’aa karaa karaa Yesuusiin argachuu argatame namni jibbu kamuu hin jiru. Garuu Yesuus irraa ija keenya kaasuu hin qabnu. Namni karaa Yesuus fayye karaa hundumaa fayya. Sammuudhaaniis, ilaalchaanis, akkaataa fi amala hojiif qabuunis haala Kanaan dura ture keessa baha. Yeroo kana jireenya kaleessaa caalaa har’a jiraachuu danda’a. garuu Yesuusiin qabaachuun kee jireenya lafarraa bareedaa akka ati jiraattuuf Wabii miti. Akkuma jedhame ta’eera, ta’aa jira gara fuula duraattis ta’uuf jira.
• Haalonni akkasii deebi’ee dhufuu Yesuus Kiristoosiin akka nuti dagannu nu godha.
Yesuus akkuma jedhameedha.:
• Ni dhalata jedhame ….. Yesuus Dhalateera
• Ni Fannifama, ni du’a jedhame… Yesuus Fannifameera, Du’eeras
• Du’aa ka’a jedhame… Du’aas ka’eera.
• Ol ba’a jedhame …. Ol ba’eera
• Deebi’ee dhufa jedhame…. Akkasuma Deebi’ee ni dhufa.
Wanta deebi’ee dhufuu Yesuus nu dagachiisu kamiinuu dhiisuun gaariidha. Isaan keessaa inni guddaan lallabaa fi barsiisa Yesuusiin osoo hin bu’aa Yesuusiin nuut ta’e barsiisu irraa fagaachuudha.
Yeroo ammaa kana ija namootaa jalaa kan dhokate fi waldaa kiristaanaa keessatti gonkumaa kan dhaga’amaa hin jirre waay’ee DEEBI’EE ISA DHUFAA jiruuti. Ajandaan namootaa, barsiisotaa, paasterootaa, Raajotaa fi Faarfattootaa waan biyya lafaa fi waay’ee waan isa darbuu ta’eera. Yeroo kanatti namni hubatee yoo ilaale YEROO QOPHAA’IINSAAN dhirsa Misirroo keenya isa ta’e Yesuus Kiristoosiin simachuuf qophoofnu ture.
Kan ta’uun maluuf:
• Qabeenyaa ofii guutummaadhaan Yesuus Kiristoosiin dhaloota biraan gahuudha malee Yesuusiin dhiisanii Qabeenya barbaacha deemuu miti.
• Beekumsa ofii guutummaadhaan waay’ee isaa dubbachuu malee waay’ee waan asumatti hafuu beeksisuu miti.
Haa ta’u malee kan ta’aa jiruu fi gara fuula duraatti kan ta’uuf jiru kana caalu akka ta’u waan jiruuf Waldaa Amantootaa keessatti waay’ee waan darbuu gaafa dubbatamu raajeffachuun nurra hin jiru. Kan kana caalaa wal’aalchisu fi karaa irraa nama butuu danda’u iyyuu dhufuuf waan jiruuf.
Bu’aa karaa Isaa argame lallabuun
• Yaadni Isaa karaa namootaa akka galma hin geenyeef yaadameegti (To distort the message of Jesus)
o Kaayyoon Yesuus Fayyina bara baraa namaaf kennuu, Hojii isaaf hojjetameen namni jireenya bara baraa argatee lafarratti isa akka shaakaluu fi jaalalaal walii walii isaatii wajjin dubbii dhugaa walitti dubbachaa akka jiraatuufidha. Kan amma ta’aa jiru faallaa kanaati. Instead of preaching Gospel, people are focusing on the preaching the prosperity which comes from gospel itself. This is hide the salvation, to reduce the message of Jesus to formula and financial and personal gain.
o Namoonni Namoota waan qabatamaa hin taanerratti akka xiyyeefatu gochuuf. To sets false expectation. Kun hojii seexanni karaa namootaa hojjetaa jiruudha. Waaqayyo Yaadni keenya akka isarra ta’u barbaada. Seexanni yaadni keenya akka qabeenya irra ta’u barbaada.
o Namni ofiisaa qofa akka jaallatu (self-centered) Kanaan immoo waan maateriyaalizimii akka jaallatu gochuuf. Yaadni kun yaadota New thought movement fi the law of attraction ti.
o Namoota waan hundumaaf akka isaan saaxilaman gochuu. Waaqayyo Fedhii isaa akka barru barbaada. Dhaloonni se’anaa garuu garuu kennee fudhachuu barbaada.
o Ilaalchi namaa Jaalalli Waaqayyo dhala namaaf qabu haala irratti kan hundaa’e fakkeessuuf