Fedhasa oljirraa pegi

Fedhasa oljirraa pegi Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Fedhasa oljirraa pegi, Addis Ababa.

09/07/2025

Qabxiillee jajjaboo kudha tokko(11) Lukkuu Haadhoo irraa Barataman👌
*********
1. Osoo hin hammatin dura jalqaba hanqaaquu gahaa buufti
☞KAROORA QINDAA'AA

2.Yeroo hanqaaquu ishee irra taa'uu jalqabdu/hammattu sochii ni xiqqeessiti
☞NAAMUSA.

3.Sababa hanqaaquu ishee hammachuutiin Nyaatni hir'achuu irraa kan ka'e ulfaatinni qaamaa hir'ata
☞WAREEGAMAA FI OF KENNUU

4.Hanqaaquu lukkuu birootiif irra taa'uu ni dandeessi.
☞ALLOOGUMMAA FI ARJUMMAA.

5.Guyyaa digdamii tokko (21) hanqaaquu ishee irra teessee obsaan eeggatti, yoo jalaa shamtellee deebitee hanqaaquu biroo buufti.
☞AMANTAA, ABDII FI ABDII KUTANNAA DHIISUU

6.Hanqaaquu cuucii hin qabne adda baafattee kophaa baafti
☞XIINXALAA FI HUBANNOO.

7.Hanqaaquu manca'e dhiistee tokko qofa yoo ta'ellee ilmoolee tan qabdu kunuunsuu eegalti
☞OGUMMA, DAMMAQINA FI DHUGAA

8. Cuucii ishee homtuu hin tuqu
☞KUNUUNSAA FI JAALALA.

9. Cuucii ishee hunda walitti qabdi
☞TOKKUMMAA FI KAAYYOO.

10.Ilmoolee ishee osoo of hin dandeenye kophaa hin dhiistu
☞ITTI GAAFATAMUMMAA

11.Yeroo hunda ilmoolee ishee fuuldura deemti.
☞HOGGANSA FI FAKKEENYUMMAA
********
👉Kan dubbiserraa isiniif qoode galatomaa Please follow Fedhasa

Gaaf-tokko Paasteriin waldaa kiristiyaanaa tokko Misirroo haaraa wal fuudhuuf jedhan eebbisuuf gara wal-tajjiittti ba'an...
09/07/2025

Gaaf-tokko Paasteriin waldaa kiristiyaanaa tokko Misirroo haaraa wal fuudhuuf jedhan eebbisuuf gara wal-tajjiittti ba'anu. Misirroota kana eebbisuu kootiin dura namni gaa'ela kana mormu yoo jiraate gara fuul--duraatti achii asi haa dhufu jedhan yeroo kana dubartiin mucaa waggaa 3 haammatteef ulfa taate tokko,teessuma gara dhumaa jiru irraa kaatee suuta gara waltajjii kanaatti achii as adeemuu jalqabde.

Yeroo kana misirrittiin lafaa kaatee ati namicha hamaaf salphoonana! Utuu haadha manaa qabduu ana immoo na kaadhummattee jettee kaballaa keessaa baaftee ulaa gara galiinsa waltajjichaatiin baatee fiigde.

Dubartiin ulfaa mucaa waggaa sadii haammattee jirtu sun gara fuulduraatti dhuftee teessuma sirreeffattee teesse,yeroo kana Paasteriin Obboleettii rakkootu jira moo jedhanii gaafatan isheenis deebistee lakki rakkoon hin jiru gurrakootu baay'ee nan dhaga'uufan achii as dhufee jetteen.

Waantoota amma dhumaatti utuu hin hubatin murtee kennuufis ta'ee tarkaanfii fudhachuuf hin ariifatin.

19/06/2025

Beektonni yoo callisan gowwoonni ni baay'atu.

- Nelson Mandela

18/06/2025

DUBBISI. SI FAYYADAAJechoota_Hayyootaa
=================
1. Farda lagaan ga’uu ni dandeessa; garuu obaasuu hin dandeeessu (Ingilizoota).
2. Saroonni lama; lafee tokko irratti, waliif galanii hinbeekani! (Faraansayota)
3.Kan arrabni yaabee dhalchu, kormi yaabee hin dhalchu! (Oromoota)
4. Miilli sochoonaan afaan agabuu hin bulu! Afrikaanota)
5. Bareedinni fuudhaa fi heerumaaf wabii hin ta’u! (Ariyaanota)
6. Iddoo yeroo dulloomtu teessu, iddoo yeroo dargaggummaa kee turte agarsiisa (Gaa’elikaanota)
7. Osuma barnoonni galaana ta’uuyyuu, harroonni garuu daakuu hin danda’an (Gaa’elikaanota)
8. Eenyummaa akaakayyuu kootii hin beeku; ilm ilmasaa garuu maal ta’uuf akka jiru beekuuf nan dhama’a. (Abraham Linkon)
9. Kan abbaan of hin gargaarre carraan isa hin gargaaru. (Oromoota)
10. Kan dhaggeeffatu hubachuuf, jechoota muraasatu isa ga’a (Afrikaa kibbaa)
11. Kan hiriyaa isaarra harka kaa’atee deemu fageenyi karaa itti hin beekamu (Nayijeeriyaanota)
12. Qalqalloon duwwaa jirtu dhaabbachuu hin dandeessu! (Taanzaniyaa)
13. Bareeda kan jennuun bareedinaan osoo hin taane, kan nu gammachiisaniini (Xaaliyaanota)
14. Kan carraa qabu galaanatti osoo darbattanillee qurxummiitu afaanitti qabatee baha! (Araboota)
15. Karaa si baasu osoo hin beekiin, deemsa hin eegalin. (Ingilizoota)
16. Kan fedhu, kan raawwatu nama cimaadha; kan hawwu kan argachuu danda’u immoo, nama abshaala! (Ayerlaandota)
17. Dhugaan lubbuu magarsiti; sobni garuu ni tortorsiti. (Oromoota)

18.Akka ganamaa seetee, galgalas narra ejjadhukaa jette kosorruun Oromoota)
19.Taa’umsi dhagaa fi jechi haadha ormaa suuta lafee nama lixa! (Oromoota)
20.Yaanni bilchaataan balbala cufamaa ni saaqa! (Africaanota)

Obboleessi tokko akkaataa qurxummii itti qaban yoo si barsiise, .  Hara isaa keessatti qurxummii hin qabatin.-Anonymous ...
17/06/2025

Obboleessi tokko akkaataa qurxummii itti qaban yoo si barsiise, .
Hara isaa keessatti qurxummii hin qabatin.

-Anonymous
━━━━━━━━━━━

01/06/2025

💬2Phe. 3
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹³ Nuyi garuu akka abdii inni nuuf kenneetti, bantiiwwan waaqaa haaraa, lafa haaraas warra qajeelummaan keessa buufatu in eegganna.
¹⁴ Kanaafis michoota ko; isaan kana eeggachaa, warra xurii fi mudaa hin qabne taatanii, Waaqayyoo wajjin nagaa qabaattanii akka argamtaniif dhama'aa!
¹⁵ Gooftaan obsaan isiniif danda'uu isaa, fayyinaaf karaa isiniif kennuu isaatti lakkaa'adhaa! Obboleessi keenya Phaawulos inni jaallatamaan ogummaa Waaqayyo isaaf kenneen waa'ee isaatiif isiniif caafeera.
¹⁶ Inni ergaa isaa hundumaa keessatti waa'ee dubbii kanaaf yeroo caafu akkuma kana in dubbata, Ergaa isaa keessa illee wanti hubachuun isaa nama dhibu tokko tokko jira; isa kanas warri wallaalonni, warri waanuma argan qabanii gad dhiisan, akkuma caaffata qulqullaa'aa isa kaanis jal'isan, badiisaaf akka isaanitti ta'utti hiikaa isaa in micciiru.
¹⁷ Isin garuu michoota ko, isa kana duraan dursitanii beektaniittu; kanaafis irraa kaachuu warra seera Waaqayyoo hin eegneetiin fudhatamtanii sokkitanii, isa jabeessitanii qabattan irraa akka hin kufneef of eeggadhaa!

01/06/2025

sambata gaarii
isiniif haa ta'u!

SOORATA SAMMUU•••🫴Muul'anni fageessanii arguudha malee fakkeessanii darbuu miti.🫴Seenaa keessatti addunyaan namoota ija ...
23/05/2025

SOORATA SAMMUU
•••
🫴Muul'anni fageessanii arguudha malee fakkeessanii darbuu miti.
🫴Seenaa keessatti addunyaan namoota ija hin qabneen jijjiiramteetti, garuu namoota muul'ata hin qabneen hin jijjiiramne.
🫴Addunyaa kana irratti namni sababa malee dhalate hin jiru, namaa akkakee gatii guddaa qabu mitii kalaqni tokkoyyuu sababa malee hin kalaqamu.
🫴waggoota jireenyakee keessa jiran osoo hin taane jireenya waggootakee keessa jirantu siif lakka'ama.
🫴Ilmikee Seenaa ati hojjetteen mataa akka ol qabatu godhi malee akka of ceepha'aa jiraatu hin godhin.
🫴bubbeen hundi jireenyakee diiguuf hin dhufu muraasni karaakee siif qulleessuufi.
🫴Daandiin milkaa'inaa gabaabaas,qajeelaas miti.
🫴Rakkinoota simudatan gara
faayidaatti jijjiirrachuu shaakali.
🫴Fayyaan qaamakee haala gaariirra jiraatee namoota kaan waliin jaalala hin qabdu yoo ta'e gaaffii tokko malee fayyummaankee rakkoo hamaa keessa waan jiruuf hatattamaan gara yaalii barbaachisaatti deemi.
🫴Addunyaa kana irra namni ati miira jibbaatiin ilaaltu jiraachuu hin qabu.
🫴Umurii jibbaa dheeressuun umurii jireenya Kee gabaabsuudha waan ta'eef haaloo qabachuu irraa fagaadhu.
🫴Namoonni baay'een waan tokko hojjechuuf bakka isaaniif mijatu malee bakka waanti barbaadamu jiru hin barbaadan.
🫴Ofiikee keessatti of ilaali malee Ofiikee nama kan biraa keessa hin ilaalin.
🫴Ani barataa nama hundumaati ,garuu hordofaa nama kamiiyyuu miti.

23/05/2025

Araarri waaqayyoo guddaadha!
Dhumas hin qabu.

Waan tokko malee jiraachuurra waan tokkoof qabsaa'uu wayya.—George S. Patton━━━━━━━━━━━
22/05/2025

Waan tokko malee jiraachuurra waan tokkoof qabsaa'uu wayya.

—George S. Patton
━━━━━━━━━━━

15/02/2025

ERGAA KANA AMEEN JEDHAA
👇👇👇👇👇👇👇👇

Address

Addis Ababa

Telephone

+251983380056

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Fedhasa oljirraa pegi posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share