Mahammad Ahimed

Mahammad Ahimed Allah ��

24/10/2025

Waa'een Barsiisaa ammayyuu qabsoo jabaa gaafata!!
Barsiisaan:
Mooraaliis:
Ofitti amanamuummaas:
Abdiis dhabeera!
Abbuma argetu oliif gad oofaa jira!!!

23/10/2025
22/10/2025

Ituma Nuti teenyuu warri abbootii Seeraas mirga isaaniif falmatanii sirreeffataa jiru. Amma bor wal ga'ii ariifachiisaa jedhanii wal waamaa jiru. Dhimmi gaaffii jeraa waa'ee mindaa, kaffaltii kiraa manaa, fi faayidaa isaan barbaachisu hunda akka guutamuuf sochiirra jiru. Yeroo darbes osoman sinitti iyyuu hojjettoonni fayyaa gaafatanii Mindaan dabalameef akkasumas sa'atiin hojii dabalataa isaanii double godhameef. Faayidaan xixiqqoon osoo hafuu Insurance fayyaa isaaniif mijeeffamaa jira. Warri gaafatu, warri tokkummaa qabu inuma jiraata keenya wal ga'ii waamanii akaayiidhaan goy*yomsanii harka rukuteefii gale!!!

Warra bara darbe gaaffii dhiheeffate keessaa Barsiisaa qofatu hafe. Baga hafes!!!!

21/10/2025

Warri Hojiin Barsiisummaa boqonnaa sammuuti jennaan xiqqoo qir sin jedhe sirriitti bishaan itti dhugaa. Eeyyeen barsiisummaan hojii boqonnaa sammuuti. hojii dhabanii mana puulii fi mana bunaa jela ooluurra mindaadhuma xiqqoo kanaan hojjechuu wayya. Kanaafin warri applied baratee ta'aa jiruuf baga boqonnaa sammuu argattan jedheen.
Kaffaltiin sijijjiiru hin jiru Kun waan hunduu beekuudha. Kanaafuu nutis galgalaaf ganama gaafataa jirra. hojjetaatuma gaafannas. akka nuuf sirratus abdii qabna. Waan arganne fudhataatu isa dhabneef gaafanna.
Kanaafuu yoo carraa argannee keessaa baanes warra keessa jiruuf dhimmuma jiraachuuf jiraachuu dhiisuuti akkanatti nuuf hubadhaa.
Warri yoo siif hin taane dhiiftee hin baatuu jettan eeyyeen dhiisee hin ba'u.
Nagaan bulaa 🥰

20/10/2025

Waldaan barsiisaa Sadarkaa hundarra jirtu funaannatuu fi afuuftuu qofa. Mirga Barsiisaa kabachiisuuf filamtee kan ofii qofa kabachiifattee jiraatti. Xis ximbis hin jettu!. Sirumaayyuu as deebiteetu barsiisaatti falmiti. Akka homtuu hin jirre, akka homtuu furmaata hin qabne geeraraa oolti. Jerri maal jette nu warra filetu rakkoo qaba!. Gaafa waldaa filtan Nama qaxalee filaa afuuffaa jerri wal tajjii irratti of mullisuuf jettee afuuftu ilaaaltanii agent jeraa nutti hin filinaa. Baay'een jeraa iddoo hedduutti argeera warrumma mana barnootaa keessa naanna'ee fiishkaa afuufaa ooludha. Kanaaf waan argite afaanitti xaragattee callisti.
Magaalaa Finfinnee keessatti akka kaffaltiin kiraa manaa hin dabalamne kan gufuu ta'e Waldaa Barsiisaa mataasaati. Kiraa manaa akka dabalamuuf walitti qabanii mariisifnaan mana ijaaraa nuuf kennaa male kiraa manaa dabaluu hin barbaannu jette wal geessee! Ofii jeraatiif maal rakkoo qaburee waan argan butataaa deemuu hoo!. Barsiisaa isa ji'atti shilingii fudhatutu rakkate male!.
Rakkoon keenya Waldaa Barsiisaa bira jira.

19/10/2025

Barsiisonni keenya dubbii Lafa manaa sana carraan argachuu keenyaa barana qofa kanaan ala hanga waggaa shaniitti namni sidhaga'u hin jiru. Kanaafuu jerris Ajendaa godhatteetti sinis bakka jirtan hundatti itti muddaa.
Odeeffannoos wal jijjiiraa. Qajeelfamni Kun bara 2016 ba'us hanga yoonaa hojiirra hin oolle sababni isaas:
1. Bulchiinsonni Magaalaa lafa hin qabnu jechuun waakkachuudhaan akka hojiirra hin oolleef danqaa ta'uu.
2. Barsiisonni tokkummaa dhabuu fi namoonni hedduun mana jireenyaa waan qabaniif rakkoo waloo godhachuun waliif qooddachuu dadhabuun akka sochiin Kun laafu gochuu.
3. Hooggansi sadarkaadhaan jiru hundi qajeelfama mootummaan baase kabajuu dadhabuu fi qaamni qajeelfama kana baase hordofuu dadhabuu fi inumaayyuu fedhii dhabuu isaaniiti.
Sababoonni kunneen akka barsiisaan qajeelfama mootummaan baase fayyadamee mana jireenyaa hin arganneef danqaa nutti ta'aniiru!.
Kanaafuu Tokkuma tokkummmaaaaa!!
Share godhi 🙏

17/10/2025

Maqaa Qulqullina jedhuun Biiroon barnoota qaamolee garaa garaa Sadarkaa federal kaasee Hanga aanaatti jiran hirmaachisuun mariirra turre jedhan.

Nuuf mari'atanii nutti mari'atanii waan beeknu hin qabnu. Silas yoom takkaa nuuf mari'atanii beekuu miti ammas sanumaka!

keenya keessaa waa'ee mana jireenyaa qofa kaasuun isaanii waan kana hojiirra oolchuuf osoo hin taane attention keenya hat*uuf system jerri itti fayyadamaa jiran ta'uu hunduu ni beektu!

Kana males Rakkoon mana jireenyaa qofa miti madaalawaaa, dabalataa, guddinaa, rakkoo gaarii, ogummaa kanaa fi kk fakkaatan osoo jiranii waa'ee lafa mana jireenyaa qofa kaasuun isaanii waan tokko dhimma keenya akka hin qabaanne mullisa.

"Maarree atis oofii anis nan oofaa itti galli malkaa hiddaati" jedhe Namichi!

Xiinxalli jeraa Kunooti 👆

Xiinxala raawwii hojii misooma barnootaa dhihaate keessatti rakkoowwan qulqullina barnootaa jedhanii qabxiiwwaan irratti xiyyeeffatamuu qaban jedhanii isaan kana tarreessan.

Kallattiin kaa'amanis;
1. Hojiin Gumii Tiraansifoormeeshinii Barnootaa lafa qabachuu qaba.
Itti dhiheenyaan barnoota deeggaruu, hordofuufi hogganuu danda'uu qabna.
- Kenna lafa mana jireenyaa barsiisotaaf xiyyeeffannoo kenuu
- Naamusaafi ga'umsa barsiisaa irratti hojjachuu qaban,
2. Muuxannoo gaggaarii manneen barnootaa keessa jiru manneen barnoota biroo keessatti babl'isuu,
3. Dhimmi dhiheessa nyaata barattoottaa barattootaa dhimma xiyyeeffannoo olaanaa barbaachisu waan ta'eef fooyya'uu qaba,
4. Sirna barnootaa keenya dorgomaa taasiisuufi barattoota gahumsa qaban horachuuf cimnee hojjechuu qabna,
5. Qooda fudhattoonni barnootaa akkuma kanaan duraa kutannoon akka cinaa keenya dhaabbatan taasisuu,
6. Caasaan mootummaa hundi dhimma barnootaa irratti hawaasa waliin marii akka taasisuufi hawaasni keenyas gahee isaanii akka bahatan taasisuu rakkoo qulqullina barnootaa hiikuun Oromiyaa Galaana Hayyootaa taasisuuf sirna cimaa ijaaruuf tokko taanee hojjachuu qabna kan jedhu kallattii kaa'aniiru.

16/10/2025

Biyyi Barsiisaa hin kabajne dhumni ishee kufaatiidha! Barsiisaan hundee waan hundaati, dhaloonni isa qabatee ol ka'a. Kanaafuu wanti ati qabattee lafaa kaatu sijelaa laafnaan kufuun kee waan hin oolle!. Akka hin kufneef filannoon ati qabdu qabata Kee sana akka sijelaa hin raafamnetti jabeeffachuudha. har'a akka tasaa barsiisaa ta'uu dhiisuu dandeessa, jireenya fooyya'aa jiraataa jiraachuus dandeessa, feetus alas jiraadhu yoo feetes biyya keessa garuu wanti ati dagachuu hin qabne jireenya fooyya'aa Kee har'aa kanatti kan siceesise rabbii gadiitti Barsiisaa keeti!. Isatu rakkatee waan nyaatu, waan uffatu, waan keessa jiraatu dhabe!. Har'a akka nama jabaa taatee, Ofitti amanamuummaan akka jiraattu kan of sibarsiise isa ture. Tarii bakka gurguddaa jiraachuu dandeessa kan sibarsiise si madaalee akka ati dandeettii cimaa qabaattu sigodhee, si jajee , simadaalee bakka guddaa akka geessuuf, dhaloota kanaaf akka wabii taatuuf si filatee si erge. ati garuu dhaloota inni si abdateef mitii isa siif riqicha ta'ee siceesiseyyuu garagaltee ilaaluu hin dandeenye!. Tuffiii fi hiyyummaa isaatiin qeeqxa!. Inni garuu waan sicaala beekuuf har'as obsumaan Daa'ima Kee siif guddisaa jira!!.

Kan waa beeku sibeeka!! Wallaalaaan ofuu silaa hin beeku sibeekaaree, osoo sin beeknee siif beekaaree?

Galatoomi Barsiisaa koo 🥰

16/10/2025

Biyya Jermanitti Mindaa guddaan kan kaffalamuuf Barsiisaadha. Hojjettettoonni biroo hiriira nagaa bahuun Mindaan qixa Barsiisaa akka kaffalamuuf gaafannaan president Jerman akkamitti barsiisaa keessaniin qixxaachuuf gaafattu? Hin qaanoftanii? Isaantu sin barsiiseem jechuun deebisteef. Abadan Barsiisaa keessaniin wal hin qixxaattan Kabajni guddaan Barsiisaadhaaf jechuun haasawaa ishee xumurte.

Kanaafuu inni beeku gatii Kee beeka! Isa hin beekne gatii Kee hubachiisuuf gatii biraa baasuu sin barbaachisu.

Haala mijeeffadhuu lash jedhi!!.
Akkam bultan 🥰

15/10/2025

Barsiisota Facebook fayyadaman hundi page kana akka hordofan itti himaa jirbiin wal qabatee Ha*rba hiiti!.
Waliin taanee, waliif taanee fuulduratti tarkaanfanna!

Warri itti yaaddanii na jajjabeessaa, walis jajjabeessaa jirtan Galatoomaa!
Kaayyoon keenya Barsiisaa Jireenyi isaa fooyya'e arguudha!!

Address

Addis Ababa

Telephone

+251910016706

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mahammad Ahimed posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share