15/10/2025
“Falmiin Hidha Haaromsaa karaa siyaasaa osoo hin taane karaa teeknikaatiin furmaata argachuu qaba,” - Gorsaa Olaanaa Ameerikaa Dhimma Afrikaa
Finfinnee, Onkoloolessa 15, 2025: Gorsaan olaanaa Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa dhimma Afrikaa fi Baha Giddu Galeessaa kan ta’an Masaad Buuloos waldhabdeen hidha haaromsa guddicha Itiyoophiyaa “dhiibbaa siyaasaa osoo hin taane karaa teeknikaatiin furmaata argachuu qaba” jedhan.
Buuloos af-gaaffii TV Al-Arabiya waliin taasisaniin, Waashingitan biyyoota sadeen, Itoophiyaa, Sudaanifi Masirii gidduutti furmaata nagaafi qaama maraan fudhatama qabu kennuuf kutannoo qabdu irra deebi’anii mirkaneessaniiru.
''Dhimmichi dhimma teeknikaa waan ta'eef, karaa teeknikaatiin furmaata argachuu qaba,'' kan jedhan gorsaan olaanaa kun; “Furmaata qaama hunda biratti fudhatama qabu, keessumattuu dhimma teeknikaa irratti hojjachaa jirra” Jedhan.
''Kun Itoophiyaa, Masiriifi Sudaaniif dhimma jiraachufi jiraachuu dhabuuti,'' kan jedhan Buuloos, ''Pirojektiin humna bishaanii guddichi eebbifamuun dhugoomeera. Murtoon gara fuulduraa kamiyyuu dhugaa kana tilmaama keessa galchuu qaba,'' jechuun akeekkachiisan.
Itti dabaluunis, biyyi isaanii tumsa karaa nagaa Kaayiroofi Finfinnee gidduutti taasifamu deeggaruu itti fufti jechuun, biyyoonni lamaan kun biyyoota “walitti hidhamiinsa seena qabeessa qabaniifi walitti bu’uu hin qabne Dha” jechuun ibsaniiru.
Gorsaan kun daawwannaa dhiheenya kana Itoophiyaa fi Masiriitti taasisaniin dhimmi Hidha Haaromsaa xiyyeeffannoo guddaa akka ta’e kan dubbatan yoo ta’u, mariin Ameerikaa fi Masirii gidduutti taasifamaa jiru itti fufee akka jiru hubachiisaniiru.
Buuloos dhimmi Hidha Haaromsa Guddicha Ityoophiyaa Pirezidaanti Doonaald Tiraampiif “baay’ee barbaachisaa fi dhimma istiraateejii” ta'uu ibsuun, yeroo jalqabaaf gara aangoo pirezidaantummaatti dhufanitti dhimmichaaf furmaata argachuuf ciminaan hojjechaa turuu isaanii yaadachiise.
Itti dabaluunis marii fi irdubbannoo dabalataa hawwiidhaan eeggachaa akka jiran himaniiru.
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp preezdaantii Masirii Abdil Fattaah Al-Siisii fi Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad (PhD) gidduu jaarsummaf seenuuf fedhii qabaachuu fi dhiisuu isaanii gaafii Masaad Buuloos gaafatamaniif deebii yoo kennan, “Yoo waaqayyo yoo ta’e, waliin ni argina, Galma sanaaf hojjechaa jirra” jedhan.
Dilbata darbe pirezidaantiin Masirii Abdil-Fattaah Al-Siisiin qophii ‘Cairo Water Week’ 8ffaa irratti “yeroo Itoophiyaan itti gaafatamummaa malee dhimma Abbayyaarratti murteessitu Masiriin harka marattee hin ilaaltu, dantaa bishaanii Masrii eeguuf tarkaanfii barbaachisaa hunda ni fudhatti” jechuun isaanii ni yaadatama.
Masiriin Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa(GERD) waliin walqabatee “ilaalcha bara gita bittaa” tumsa biyyoota qarqara laga Naayil dadhabsiisu tarkaanfachiisuun “haasaa dubbii barbaachaa” taasisaa jirti jechuun Ministeerri Bishaaniifi Inarjii Itoophiyaa ibsa borumtii isaa baaseen deebii kenneefii ture.
Deebichaanis, Itoophiyaan “mirga Naayil fayyadamuu qabdu dhiibbaa yookan sodaa keessa galuun hindhiistu” jechuun, “ [Masiriin] tumsa dhiistee imaammanni Itoophiyaa gad xiqqeessuu qabdu jalaa fashalaa’eeraa” jedhan.