Dambi Dollo Institute college

Dambi Dollo Institute college Oromia region main compus

Muummicha Ministeera Hindii Addunyaa irratti maaltu adda taasisa?1) Mana Jireenyaa dhuunfaa, Lafaa, Konkolaataas hin qab...
18/12/2025

Muummicha Ministeera Hindii Addunyaa irratti maaltu adda taasisa?
1) Mana Jireenyaa dhuunfaa, Lafaa, Konkolaataas hin qabu
2) Fuudhee Baatii 3 booda tti erga hiike booda Haadha manaa hin qabu
3) Huccuu gosa walfakkaataa gatii rakasaatiin hojjatameef irra-deddeebiidhaan uffata
4) Baasii addaatiin Hootelli qabameefii hootala turuu hin hayyamu
5) Haadha warraa waan hin qabneef ijoollee qabaachuu baatus ijoolleen Hindii hundi ijoollee kooti jedhee amana.

=======☆☆☆=======1, Dadhabinni ilma namaa Dogongoruu osoo hin taane dogoggora darberraa barchuu dadhabuudha.♧♧♧♧♧♧2, Nam...
17/12/2025

=======☆☆☆=======
1, Dadhabinni ilma namaa Dogongoruu osoo hin taane dogoggora darberraa barchuu dadhabuudha.
♧♧♧♧♧♧
2, Namoonni karaa dhugaa goran qarshii cubbuu baay'ee osoo hin taane;Jaalala haqaa baay'ee argatu.
♢♢♢♢♢♢
3, Nama xiqqaa kan si taasisu gaafa guddaa tahee mul'achuuf namoota biroo xiqqeessee ilaaludha.
☆☆☆☆☆☆
4, Qabeenya wiixata argattee; kibxata fixxuun boonuun kee; Roobii akka maraattu si taasisa.
♤♤♤♤♤♤
5, Hangamillee cimaa taatu waan barbaadde argachuuf gadi jechuun dirqama.
♡♡♡♡♡♡
6, Abdii malee yaadannoon ilma namaaf dhukkuba guddaadha.
*************
7, Jireenyi kee yaada kee irratti hundaaya waan ta'eef jireenya gaarii jiraachuuf yaada gaarii qabaadhu.
♢♢♢♢♢♢
8,Eenyulleen akka sirriidha siin je'u hin eeggatin;Yoo si amanan ha amanan Yoon amanne yeroonuu ni amansiifti waan taheef atummaan dhugaaf jiraadhu.
☆☆☆☆☆☆
9, Dubbachuu dura gochaaf qophii tahi.Dubbii hunduu ni duubbata garuu gochaaf hundi qophii miti.
♡♡♡♡♡♡♡♡

  shamarran Lixa Oromiyaa Intala heerumtee qe'ee gurbaa dhufte ittiin arrabsan! Dubbisii kolfi dhugaa 😁👇  akkashee argat...
12/12/2025

shamarran Lixa Oromiyaa Intala heerumtee qe'ee gurbaa dhufte ittiin arrabsan! Dubbisii kolfi dhugaa 😁👇

akkashee argatte isheenoo
Akaafaan ejjata miinzeenoo
Shafaafaa muujaleen naannoo
Bargaanfataa dhufte kuunnoo...
Kan haati dhaltee
Kosii keessa keesse
Jaartin qoortuun kuni
Akkamittiin har'a geesse
***
gabatee miccaa
Mana abbaa kee seetee
Miinzee qabattee fiigdaa
Turi ammaa quuftee dhiifta
Yoo fiddee dhufte
Gamarraan kottu,
Adaa funaannaa
Araddaan keeti...
Kan dugda hoomii
Yoo dhiiftee dhufte
Alangaan kan keeti
Kan dugda roobi...
***
lixxee
Dargaggoof hirtee
Kooraarra teessee
Shan quba keessee...
Jijimbilaaree
Siif biqilaaree...
Damee qabaaree
Cabee lataaree...
Yoo dhugaa durbaa
Sooree siin jennaa,
Sooree afaan dammaa
Yoo dhiiftee dhuftee
Foollee siin jenna...
Foollee gaaguraa
***
maa jigee
Utubaatu dhibee?
Harmi maaf jigee
Durbummaatu dhibee?
Eda Urroo dibattee
Diinqa harmee kee teessee
Maalfaa jettee boosse?
Yeroo ati gadditu...
Hiriyeen dhageessee
Akkas jettee boossee?
"Irraangadeen kufee
Irraanfadheen dhufee
Karaa kooraa jalaa
Moccooree moccooree
Ani maalan godhee?
Obboo kootoo godh*e
Anoo fideen dhufee
Kooraa fardaatu fixee?
Qoraan dhaqnaan badee
Kolaafamee badee
Boo'ee na kadhannaan
Innoo na mararran
Suubboof kenneen dhufee.."
Jedhee si'ii boo'u
Hundatu dhaga'ee
Walitti haasa'u.
***
arbaa gaaddisa Leensee
Durbummaa gaaddisa keessee
Isafaa gaabbita teessee
Sii ofonfolee si fardatu godh*e
Hammi gandaa si hobobsaa
Munn*en kee dhiiga coccobsaa
Gidaamiin talbaa facaasaa
Inshilaala naannesseetoo
Injiraan sitti haa naqumee
Qinx!raama naannesseetoo
Kan funyaan cilaattii
Eessa koo jibbitaa?
Kan wanno*n gurraatti
Kan wandaboon udduu*raan ciccitaa
Abidaaruu galatee...
Yoo si dhiisan maal qaba?
Kan si caalutu dhalatee
Birrin obboo saanduqi tokkoo
Niitiin obboo waan silmii tokkoo
Egaa hin baddee yaa birri obboo
=====: :=====

Faayidaan Gmaill (Google account) hedduudha,akaawuntii   yoo qabaatte tajaajiloota Google biroo hunda waliin fayyadamuu ...
12/12/2025

Faayidaan Gmaill (Google account) hedduudha,akaawuntii yoo qabaatte tajaajiloota Google biroo hunda waliin fayyadamuu dandeessa.
Faayidaawwan gurguddoo Gmail/Google account:

1.Ergaa (Email) Erguufi Simachuuf: Tajaajila email salphaa fi amansiisaa ta'e fayyadamta.

2.Kuusaa Odeeffannoo (Cloud Storage): Faayilootaafi daataa kee (suuraa, viidiyoo, dokumeentii) Google Drive irratti kuufachuu dandeessa.

4.Bilbila To'achuuf: Bilbila Android kee wajjin walqunnamsiisuun, yoo bilbilli bade argachuuf ykn daataa irraa haquuf gargaara.

5.Marsariitii fi App Galmaa'uuf: Websaayitoota garagaraa, applikeshiniiwwan buufachuuf (Play Store irraa) fi tajaajiloota online biroo irratti galmaa'uuf akka iddoo (identity) fayyada.

6.YouTube Channel Banuuf: Chaanaalii YouTube mataa kee banuuf akaawuntii Google/Gmail si barbaachisa.

7.Kalandara (Calendar) fi Quunnamtii (Contacts): Odeeffannoo quunnamtii namootaafi beellama kee bakka tokkotti ol kaawwachuu dandeessa.

8.Facebook fi Midia Hawaasaa Biroo: Akaawuntii Facebook ykn midia hawaasaa biroo banachuuf ykn password dagatte deeffachuuf gargaara.

Waan dubbiftaniif galatoomaa
Gochuu Hin Dagatiinaa!!
Galatooma.

Jireenya ilma nama suuraadhan gaafa ibsinu kan namoota muraasati malee kan hundaa miti garuu rakkanne Kara hundumaa.
12/12/2025

Jireenya ilma nama suuraadhan gaafa ibsinu kan namoota muraasati malee kan hundaa miti garuu rakkanne Kara hundumaa.

08/12/2025

Gorsaa !
Waa Sadii Waa Sadi Nyaata
1. Aariin Umurii Nyaata
2 Taa'umsi Uffata Nyaata
3 Sobni Hiriya Nyaata
Dubbi Waa Sadii Waa Sadiin Fixan
1 Dubbii Beekaa Ibsuudhaan Fixan
2 Dubbi Gowwaa Dhoksanii Fixan
3 Dubbi Lugnaa Soodachisuun Fixan
Waa sadi waa sadif jalladhu
1 Aadaan kee eenyuummaa kettii
2 Afaan kee mallattoo kettii
3 sabni kee dhiiga kettii jalladhu
Waan Sadi Kabajii
1 Maanguddo
2 Amantii
3 Jaalala
Waan Sadi Jibbi
1 Waraana
2 Tufii
3 Kijibaa
Waa sadi waa sadi sitti hin fakkati
1 dubbachuun bekkumsa
2 obsuun wallaalummaa
3 nama kabajuun sodaa
sittii hin fakkaatin
Waa sadi waa sadi hin se'in
1 nama beektu hunda fira kee
2 kaan siin lolu hunda diina kee
3 Badiirraa kan si dhoorkuu
Hammeenya hin se'in
Waa sadi hin Hawiin
1 Bokokni quufa mitii
2 Abaarsi eebaa mitii
3 summiin qoricha mitii hin hawiin
Nama sadi waa sadi jettee hin Tilmaamin
1 nama kolfu hunda gammada
2 nama dureessa hunda arjaa
3 nama dhabaa hunda doqna jette hin
Tilmaamin
Waa sadi hubattu malee hin seenin
1 dubbii keessa hin beekne
2 Bishaan gad fageenya isaa hin beekne
3 Imala daandii isaa hin beekne hin seenin
Gorsaa
---------------
Waa. 3 dhisuu qabdaa
1 abdii kutachuu
2 badii hojjechuu
3 nama tuffachuu
~waan dubbistaniif galatoomaa
Fuulota Kiyya Kana Xiiqiidhaan Naaf Dambi Dollo Institute college follow godhaa

Dirreen kubbaa Miillaa Magaalaa Dambi Doolloo Suphiinsii isaa geggeeffamaa jira.Dorgommii Liigii Olanoo Oromiyaa Ramaddi...
18/11/2025

Dirreen kubbaa Miillaa Magaalaa Dambi Doolloo Suphiinsii isaa geggeeffamaa jira.

Dorgommii Liigii Olanoo Oromiyaa Ramaddii '' B " Sadaasa 28, 2018 Magaalaa Dambi Doollootti geggeeffamuu eegaluuf Suphiinsiifi Haaromsi iddoo taa'umsaa daawwattootaa fi Dirree taphaa raawwatamaa jira.

Dorgomichi Sadaasa 28 Bara 2018 kan eegaluu fi Kilaboonni 11 Ramaddicha jalatti kan ramadamanii jiraniidha.

Kilaboota 11 ramadamanii jiran Keessaa Godinicha kan bakka bu'anii dorgoman kilaboota lama Jahan Sayyoo fi Gabaa Roobiin dorgomaa cimaa ta'anii kan hirmaatanii dha.

Kilabiin Bulchiinsa Magaalaa Gabaa Roobii shaampiyoona wal dorgommii liigii 1ffaa Oromiyaa Bara 2017 Godina Booranaa Magaalaa Yaabellotti geggeeffame irratti Olaanttummaan xumuruun Shaampiyoonaa dorgomichaa ta'uunsaa ni yaadatama.

Tapha istediyoomii Magaalaa Dambi Doolloo irratti geggeeffamurratti Kilaboonni hirmaatanis ; Marsaan-1ffaa, Ramaddiin-B ➨magaalaa_Dambi_Doollootti

➦1.Jahan Sayyoo
➦2.Limmuu Gannat
➦3.Giddaa Ayyaanaa
➦4.Gabaa Roobii
➦5.Harbuu Culuullee
➦6.Ammayyaa
➦7.Shanoo
➦8.Top Water
➦9.Nansaboo
➦10.Mandii
➦11.Ambuyyee

🏟Carraa Garii Kilaboota Godina Keenyaaf!!

Hojjataa   beeksisa baasaniituran. Nami Ulaagaa guute nama 3 Qofa ture,  Namni barbaadamu ammoo Nama 1 (Tokko) qofaadha ...
02/11/2025

Hojjataa beeksisa baasaniituran. Nami Ulaagaa guute nama 3 Qofa ture, Namni barbaadamu ammoo Nama 1 (Tokko) qofaadha
kana keessaa nama tokko qaxaruuf jechaa, gaafii tokko dhi'eessaniif.

Gaaffichis akkas ture
tokko tokko itti kennamee " 'a lamaan boodatti namni Sanyii tana biqilchee dhufee, ni jedhaniin🤦‍♀️

👉 Ji'a Lamaan boodatti,
fudhatanii beellamaaf gara Biiroo dorgomichaatti, biqiltuu baatanii dhaqan.... Warra sadeen sana keesaa tokkoAppilii itti kenname sana osuma bishaan obaasuu Biqiluu Dinnaan, Baaldii( qodaa) Duwwaa qabatee dhaqe.

👉 Kaan Lamaan Namicha Baaldii deemuu agarraan, Akka malee itti kolfanii akkas jedhaniin nutti ? kee ! biyyee duwwaan nu injifachuu yaaddee? Me ilaali Appiliin keenya biqilee amma inni ga'e ittiin jedhanii haamilee buusuu yaadan

👉 kunis Duwwaa ta'uu isaa kanaatti guddoo gadde. Gaddus biqiltuun inni ji'a guutuu kunuunsee biqiluufii hin dandeenye. Kanuma irraa kan ka'ee, gaafa gara Calalliitti dhufan, qodaadhuma duwwaa isaa qabatee dudduuba dhaabatee waan jedhaniin dhaggeefachuu jalqabe.

Jarri lamaan Dabaree isaanii eeggatanii Waan hoogganaa isaanitti agarsiisan. Hoggantichi garuu, Namicha Okkotee_Duwwaa Qabatee dhaabatu kana waamee akkas jedheen , As Ba'i! “ !” jedheen!!

👉 Biqiltuu biqilchanii dhufan sunis Rifatanii wal ilaalan. Hoggantichii Akkana Jedheen- “ hunduma keessaniif Sanyii hin Biqillen siniif kenne, isin garuu sanyiin sun Biqiluu dinnaan, biraa jijjiirtanii facaaftanii Dhuftan. Kanaafuu Namuma Waan ani itti kennee fidee dhufeetu injifataa ta'e jedheen

Ergaakoo
?? kana irraatti, Waan sirraa eegamu qofa hojjadhu. Namni heedduun soba biqilchanii, leellisanii mogolee si laaffisuuf hiixachaa oolu. garuu of duuba deebitee hin ilaalin, gaafa duuba kee ilaaltu namni dura kee siif ilaaluu hin jiru.

Gurbaa dhiiraa tokkotu mucayyoo tokko jaallatee mana isaanii yeroo dhaqu isheen abbaa waliin mana isaanii bira jirti. ye...
11/10/2025

Gurbaa dhiiraa tokkotu mucayyoo tokko jaallatee mana isaanii yeroo dhaqu isheen abbaa waliin mana isaanii bira jirti. yeroo kana akkas waliin jedhan.

INTALA : obboleesso maal barbaacha dhufte?
GURBAA: kitaaba shall we meet jedhu barbaachan dhufe, ni qabdaa?
INTALA: dhiifama isa hin qabu garuu kitaaba "wait me at the door i will
come" jedhu qaba.
GURBAA: garuu isa anillee nan qaba, kitaaba "ok do it faster please" jedhamu hoo qabdaa?
INTALA: eeyyee isaafii kitaaba "ok my sweet" jedhus nan qaba jetteen.
ABBAA; intala tiyya kitaaba kana hunda dubbista taanaan baayyee
cimtuudha, barana1ffaa ba'uu hin ooltu... Garuu kitaaba tokko
irraanffatte malee.
INTALA: kitaaba kam abbaa koo?
ABBAA: kitaaba isa "I am not stupid I can understand everything" kan
jedhu dagatte hin jedhuun seetani.😂😂

Beeksisa  Barsiisota Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa Barsiisuu Barbaadan Hundaaf--------BBO- Fulbaan...
22/09/2025

Beeksisa

Barsiisota Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa Barsiisuu Barbaadan Hundaaf
--------
BBO- Fulbaana 12/2018 Biiroon Barnootaa Oromiyaa barsiisota Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa (MBIBBA) Sad. 2ffaa barsiisuuf fedhiifi ulaagaa guutan dorgomsiisee qacaruu barbaada.

Kanaafuu, Barsiisotni Ulaagaa guuttaniifi Fedhii qabdan Ulaagaa asii gaditti maxxanfaman ykn chaanaalii telegraama keenyaa irra kaa'ame dubbisuun akka galmooftan isin beeksifna.

Telegram : https://t.me/oeb2020

Seenaa gabaabaa dargaggoo Daangaa Dhinaa, Abbaa isaa obbo Dhinaa Daaffisaa Waxxeessoo fii Haadha isaa Aadde Nigisee Mirr...
09/09/2025

Seenaa gabaabaa dargaggoo Daangaa Dhinaa, Abbaa isaa obbo Dhinaa Daaffisaa Waxxeessoo fii Haadha isaa Aadde Nigisee Mirreessaa Ribbii irraa bara 1992, Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Anfilloo Ganda Suddiitti dhalate, barnoota isaa sadarkaa tokkoffaa achuma Ganda sanatti kan argamu Mana barumsaa Suddii sadarkaa tokkoffaa bara 1998 seenuun hamma bara 2003 (1-6) barate, bara (7-8) ammoo Mana barumsaa Adiveentistii kan magaalaa Dambii Doollootti argamutti barate, akkasumas barnoota isaa sadarkaa lammaffaa Mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Qellemitti (9-12) barachuun, bara 2011 Yuuniversity Dirre Dawaa deemuun achitti barachaa ture! Daangaan Yuniversiti erga deemee boodaa wal dhabdee dhimma sanyu-mmaan mooraa yuuniversitii mara keessatti uumameen yuuniversitiin Dirree Dawaa yeroo sanaaf rakkoo jiruu tasgabeessuf baratootaa hunda gara maatitti galche! yeroo murta'aa booda yuuniversitichii beeksisaa deebi'aa jedhun waamicha barattootaaf taasisus yeroo sana daangaan barnootatti deebi'uu akka hin qabne of murteessee hiriyootaaf maatii isatti himuun, Waan jiruu karaa danda'ameen qabsoo bilis-ummaa oromoo itti fufsisuu eegale! Daangaa Dhinaa obboloota dhiira 5fi durba 4 qaba, amma kan lubbuun jiru nama 8 yeroo ta'u, isaa fi obboleettiin isaa tokko lubbuun addunyaarra boqotaniiru, Akkasumas Daangaan maatii isaatiif mucaa xumuraati! bara 2015 jaallallee isaa Seenaa Nikoolaa wajjin bultii ijaarratus, Hiree daa'ima godhachuu osoo hin argatiin nu biraa boqoteera! Daangaan jireenya isaa guutummaa Qabsoo saba bal'aa Oromoof nama of kenneedha, yeroo diddaa 'master plan' qeerroo ijaaruun fuldura bahee mormaa waan tureef bakkoota akka ( Muggii, Dambi Doolloo, Adaamaa, Buraayyuu, Xoollayyifaatti) yeroo garaagaraa hidh-amaa tureera, akkasumas daandii Qabsoo kana ni deemsisa jedhee itti amanuun uummata jaallatuuf utuu qabsa'aa jiruu gaafa 26-12-2015 humna waraa-na mootummaan qabamee, gaafa 3-13-2015, magaalaa Dambi Dolloo bakka Minkoo jedhamutti ajj**famuun ree-ffi isaa argame!

Magaalaan Dambi Doolloo Beekamtii qaama seerummaa argachuufi imala jijjiiramaa isheen yeroo ammaa irra jirtuMagaalattiin...
29/08/2025

Magaalaan Dambi Doolloo Beekamtii qaama seerummaa argachuufi imala jijjiiramaa isheen yeroo ammaa irra jirtu

Magaalattiin bara 1998 magaalaa guddittii Godina Qellem Wallaggaa taatee kan beekamtii argatte. Magaalaa kana kan adda ishee taasisu bakka Gootichi Oliiqaa Dingil itti weerartoota Xaaliyaanii itti injifate ta’uu fi hundeeffama magaalattii irraa eegalee qooda fudhannaan lammiilee biyyoota alaa keessa jiraachuu isaaniiti.

Barreeffanoonnii fi Qorattootni garaagaraa akka ibsanitti Magaalaan Dambii Dolloo bara 1933 bulchiinsa magaalaan hundeeffamte. bara 1941 jalqabee beekamtii qaama seerummaa argattee mana qopheessaan hundeeffamte.

Magaalattiin kutaa magaalaa Afuritti kan qoodamtee jirtu taatee isaanis: 1) Kutaa magaalaa Dolloo, 2) kutaa magaalaa Yabaloo, 3) Kutaa magaalaa Laaftoo, 4) Kutaa magaalaa Biiftuu jedhamu.

Babal’ina bu’uura misoomaa akka bishaan dhugaatii qulqulluu jiraattonni argatan %47 yoo ta’u, daandii keessoo magaalaa Asfaaltii 19 km, daandii dhagaa bocamaa 4.074km, daandii cirrachaa ykn haramaa bonaa 20.9km, daandii Asfaaltii riqichaan wal-qaxxaamuran tokko, dirree xiyyaaraa 1, Hospitaala Olaanaa tokko, buufata fayyaa 1, M/barumsaa sad 1ffaa kutaa 1 hanga kutaa 4 miti-mootummaa 5, mana barumsaa sad.1ffaa kutaa 1 hanga 8 kan mootummaa 6 fi kan miti-mootummaa 4 qabdi.

Mana barumsaa Sad.2ffaa kutaa 9 hanga 10 kan mootummaa 2, kan miti-mootummaa tokko fi mana barumsaa qophaa’inaa kutaa 11 hanga 12 kan mootummaa 2, kan miti-mootummaa tokko qabdi. Kolleejjii mootummaa 1 fi kolleejjii mootummaa kan teekinikaa tokko, Yuunivarsitii mootummaa tokko, Yuunivarsitii miti- mootummaa tokko, dirree xiyyaaraa ammayyaa 1, Baankii mootummaa fi miti-mootummaa 10 qabdi. Haalli amantaa uummatichaa hordoftoota amantaa Kiristiyaanaa, musliimaa, waaqeffataa fi kan biroo qabdi.

Address

Western
Addis Ababa
1234

Opening Hours

09:00 - 17:00

Telephone

+251912188973

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dambi Dollo Institute college posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dambi Dollo Institute college:

Share