01/01/2025
Mallattoo Dubartiin Walqunnamtii Saalaa Kajeelte Agarsiiftu
◈◈◈◈◈◈◈◈◈◈◈
◉ Dubartoonni baay'en yeroo walqunnamtii saalaa kajeelan afaanin dubbachuurra mallattoon agarsiisun itti salphata. Dubartiin tokko gaafa s*x si waliin raawwachuu feete sosochii qaamaa ishiin sitti agarsiiftun baruu dandeessa. Sochiin qaamaa dubbii afaanii caala ergaa guddaa dabarsuu danda'a.
Si ilaaluu
➲ Ija osoo hin libsanne sirra dhaabuu. Gaafa sana agartuu dhiibuudhan ija sitti baafti. Hanga ati ishii hin agarretti ijji ishii sirraa ol hin jedhu.
Oduu sitti odeessuu
➲ Haasawaa dur siif hin qabne har'a si jala seentee sitti hasaasti. Ati mee aduu kooti addeessi koo suma ati urjiwwan koo hundaati siin jetti.
Siif kolfuu
➲ Qoosuma nama hin kofalchiifne tokko yoo itti himte mataan duubatti jettee afaan hanga dhumaatti banuudhan ilkaan hunda gadi yaastee kaakkisti.
Sitti maxxanuu
➲ Tuqiitii si faana uumti. Yogguu haasoftu, deemtu yookin si cinaa teessu sitti foqoqxee sitti riiqatti. Humnaa ol si tuqxee sitti maxxanti.
Quba walii gadi oofuu
➲ Fiixee meeshawwanii irra quba naannessiti. Meeshawwan kan akka birciqqoo suuta harka irra oofaa ija keessa yoo kan si ilaaltu taatee humnaa ol akka si kajeelte agarsiisa. Obsa dhabdee qeensaanfaa rurrukunnaan sardamuu ishii agarsiisa.
Hidhii nyaachuu
➲ Gaafas akkuma ati ilaaltuf ammuma amma arraba gadi baasun hidhii arraabdi. Hidhii ishii faa kan ciniintu taanan humnaa ol si kajeeluu ishii agarsiisa. Ija keessa si ilaalaa hidhii sitti nyaatti.
Wan akkasii sitti odeessuu
➲ Kan qofa si hin gaafanne har'a waa'ee s*x kaastee odeessuu barbaaddi. Tarii seenaan kee durii kanarratti maal akka fakkaatu si qorachuu dandeessi.
Of qaqqabachuu
➲ Ija keessa si ilaalaa of harka ishii ofirra walii gadi oofti. Amma amma luka walirra korsiiftee takka turtee immoo gargar facaafti.
Affeerraa siif taasisuu
➲ Tari jireenyi keessan gargar yoo ta'e waan hunda qopheessitee ofiifis qoqophooftee mana ishiitti si affeeruu dandeessi. Tokko tokko immoo iyyaafatteetuma si bira dhufuu dandeessi.
Sagalee (s*xy voice)
➲ Dubartiin gaafa walqunnamtii saalatiif si kajeelte sagaleen ishii ni jiijjiirama. Yeroo waa si gaafattu, si kadhattu sagalee addaa si dhageessifti. Sagalee dur hin qabne kan nama kakaasu baafti. Sagalicha asirratti barreessun nama rakkisa. Heedduu ofitti nama harkisa miira kadhannaa fakkaatun.
Uffata gaafas uffattu (s*xy dress)
➲ Uffata qofa ija kee duratti hin uffanne har'a uffattee sitti gadi baati. Uffata haphii qaama ishii isa keessaa gartokkee mul'isu uffatti. Jalaan gabaabsitee sarba sitti ibsitee gubbaan gadi siqsuun hanga tokko harma ishii si daawwachiifti. Ija kee dura ittiin waallalti.
Sochii jalqabaa taasisti
➲ Waan hunda gootee yoo dadhabde, mallattoo kamiyyuu fayyadamtee ati omaa ishii yoo hubachuu baatte garaa kutachuudhan sochii eegalti. Harka ishii sirra wali gadi oofudhaa jalqabdee hanga kissing gochuutti deemuu dandeessi.
◉ Gochoota kana hunda yoo taasiste fedhii keetin gubattee waxalamaa jiraachuu ishii agarsiisa. Callistee teessee hanga ishiin sochii jalqabaa taasistutti yookin afaanii baafattutti eegurra gochoota ishii kana hubatteefii dirqama sitti kenname ba'uun ga'ee keeti.
━━━━━━⊱✿⊰━━━━━━