Raadiyoo Itoophiyaa Afaan Oromoo /Ethiopian Radio Afaan Oromoo/

Raadiyoo Itoophiyaa Afaan Oromoo /Ethiopian Radio Afaan Oromoo/ Ethiopian Broadcasting Corporation is a 24 hour working public media.

Ethiopian Broadcasting Corporation is a national media which disseminates its news and programs world wide via Television,Radio and Website.

“Gareen shororkeessaa TPLF, irra deebi’ee weerara banuuf kan yaadu yoo ta’e tarkaanfiin keessa deebii hin qabne irratti ...
13/05/2022

“Gareen shororkeessaa TPLF, irra deebi’ee weerara banuuf kan yaadu yoo ta’e tarkaanfiin keessa deebii hin qabne irratti ni fudhatama” Dammaqaa Mokonnin

Ministirri Muummee Itti Aanaa fi Ministiirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin gareen shororkeessaa TPLF akkuma amala isaa irra deebi’ee weerara banuuf kan ka’u yoo ta’e Uummanni Itoophiyaa tokkummaan beekamuun tarkaanfii keessa deebii hin qabne akka irratti fudhatu himaniiru.

"Bunni Itoophiyaa yeroo jalqabaaf sharafa alaa doolaara US biliiyoona 1 argamsiisee" Ministeera Qonnaa Ministirri Qonnaa...
12/05/2022

"Bunni Itoophiyaa yeroo jalqabaaf sharafa alaa doolaara US biliiyoona 1 argamsiisee" Ministeera Qonnaa

Ministirri Qonnaa Umar Huseen karaa toora miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka beeksisanitti Bunni Itoophiyaa seenaa keessatti ji’oota kudhan keessatti Sharafa alaa Doolaara US Biliiyoona 1 argamsiisee jira jedhan.

Kanaanis ummanni biyyatti 'baga gammaddan' jechuun ergaa dabarsanii jiru.

Dhaabbanni teekinolojii 'Google' Afaan Oromoo fi Tigree dabaltee afaanota Afrikaa kudhaniin tajaajila afaan tokkorraa ka...
12/05/2022

Dhaabbanni teekinolojii 'Google' Afaan Oromoo fi Tigree dabaltee afaanota Afrikaa kudhaniin tajaajila afaan tokkorraa kan biraatti hiikuu kennu eegale.

Afaanoti Afrikaa tajaajila kana akka fayyadaman dabalamanis Afaan Oromoo, Afaan Tigree, Tiwii, Baambaaraa, Ewee, Kiriyoo, Lingaalaa, Lugaandaa, Sepedii fi Tsoongaa jedhamanii dha.

Dhaabbatichi tajaajila 'Google Translate' jedhamu kana afaanota eeraman kanin akka dabale Roobii kaleessaa beeksise.

Tajaajilli hikka 'Google Translate' tajaajila af-danuu kalqame yoo tahu barreeffama, sanadoota fi marsariitiiwwan afaan tokkorraa gara birootti hiika. Tajaajilichi marsariitii fi appii mobaayilii irratti argama.
Maddi:BBC

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Riqicha Laga Abbayyaa irratti hojjetamaa jiru daawwatan.Riqichi Laga Abbaayyarratt...
11/05/2022

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Riqicha Laga Abbayyaa irratti hojjetamaa jiru daawwatan.

Riqichi Laga Abbaayyarratti hojjetamaa jiru kun dheerina meetira 380 fi bal’ina meetira 43 kan qabudha jedhame.

Dheerinni daandii bakkichaa jiru immoo Kiiloomeetira 4.7 akka ta’e himameera.

Pirojektichi dhibbeenta 62 irra kan gahe yoo ta’u hojiin isaa bara dhufu ni xumurama jedhameera.

Maddi:Waajjira Ministira Muummee

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, qaamolee duula birmadummaa biyya kabachiisuu irratti hiramataniif  badhaasafi beek...
11/05/2022

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, qaamolee duula birmadummaa biyya kabachiisuu irratti hiramataniif badhaasafi beekamtii kennaniiru.

Sagaantichi Magaalaa Baahir Daaritti qophaa’e.

Ministirri Muummichaa ergaa sagaanticha irratti dabarsaniin tokkummaan kaayyoo walootiif dhaabbachuun qormaatilee jiran ce’uun biyya badhaatuu ijaaruuf humna guddaa ta’uu himaniiru.

Galteewwan ijaarsaa alaa galu oomisha biyya keessaan bakka buusuuf dhaabbileen sadi waliin hojjechuuf waliigatee mallatt...
11/05/2022

Galteewwan ijaarsaa alaa galu oomisha biyya keessaan bakka buusuuf dhaabbileen sadi waliin hojjechuuf waliigatee mallatteessaniiru.

Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa, Komishiniin Inveestimentii fi Ministeerri Albuudaa sanada waliigaltee kana mallatteessuu himameera.

Kaayyoon waliigaltichaas galteewwan ijaarsaa alaa galuu kan biyya keessaan bakka buusuuf waloon hojjechuuf akka ta’e ibsameera.

Dhaabbilee fayyaa waraanaan miidhamaniif deeggarsi meeshaalee fayyaa birrii miliyoona 9 olitti tilmaamamu taasifame.Dhaa...
11/05/2022

Dhaabbilee fayyaa waraanaan miidhamaniif deeggarsi meeshaalee fayyaa birrii miliyoona 9 olitti tilmaamamu taasifame.

Dhaabbanni ‘Paaz faayinder’ jedhamu Godina Walloo kaabaatti dhabbilee fayyaa sababaa waraana turen miidhamaniif deeggarsa meehsaalee fayyaa birrii miiliyoona 9 ol ta’u taasiseera.

Naannoo Amaaraatti bakka bu’aan dhaabbata ‘Paaz Faayinder’ Obboo Habtaamu Axinaaf dhaabbanni isaanii dhaabbilee fayyaa sababaa waraanaan midhamanii fi barbadaa’an hojii eegalsiisuuf kan oolu meeshaalee fayyaa deeggarsa taasisuu ibsaniiru

Pirezidaantonni naannolee fi Ministiroonni magaalaa Baahir Daar dhaqan.Af Yaa’ii Mana Maree Fedeereshinii obbo Aganyahu ...
11/05/2022

Pirezidaantonni naannolee fi Ministiroonni magaalaa Baahir Daar dhaqan.

Af Yaa’ii Mana Maree Fedeereshinii obbo Aganyahu Tashaagar dabalatee Pirezidaantonni naannolee, Ministiroonnii fi hoggantoonni mootummaa olaanoon magaalaatti dhaquun hiameera.

Hoggantonni kunin sagantaa beekamtii kennuu qaamolee nageenyaa olaantummaa seeraa kabachiisuu fi duula birmadummaa irratti hirmaataniif taasifamurratti hirmaachuuf magaalaa Baahir Daar dhaqni jedhame.

Bara baajataa 2014 giddugaleessan guddinni dinagdee dhibbeenta 6.6 ni galma’a” Mana maree Diinagdee Maakroo Raawwii diin...
10/05/2022

Bara baajataa 2014 giddugaleessan guddinni dinagdee dhibbeenta 6.6 ni galma’a” Mana maree Diinagdee Maakroo

Raawwii diinagdee ji’oota sagalii bara baajataa 2014 irratti Manni Maricha mari’ateera.


Waggoota muraasa darbanitti diinagdeen biyyatti sababoota garaa garaan qormaatileef saaxilamaa turuun isaa ibsameera.

Sabaaba rakkoowwani namtolcheefi uumamaan dhiibbaan guddaan kallaatti garagaraatin muudachu kan hubachiise manni marichaa keessattu dhiibbaan waraana Kaabaan walqabate sochii gama diinagdeefi bizinasiin muudate laayyoo akka hintaane ifoomseera.

Haa ta’uu malee diinagdeen biyyatti dhiibbaa biyya keessaafi alaa dandamachuun haala foyyee qabuun imalaa jiraachuun mirkaneessuun danda’amuu manni maricha hubachiisera.

Maddi:Waajjira Ministira Muummee

Ji’oota saglan darban doolaara biliiyoona 2.43 invastimeentii alaa irraa hawwachuu danda’ameera” Komishinii Iveestimenti...
10/05/2022

Ji’oota saglan darban doolaara biliiyoona 2.43 invastimeentii alaa irraa hawwachuu danda’ameera” Komishinii Iveestimentii

Komishinarri Komishinii Inveestimentii Lalisee Namee ibsa har’a kennaniin ji’oota salgan darbanitti inveestimentii alaatiin doolaara biliiyoona 3.46 galmeessuuf karoorfamee, doolaarri biliiyoonni 2.43 galmeessuun akka danda'amee himaniiru.

Raawwiin kun kan bara darbeen wal bira qabamee yoo ilaalamuu, dhibbeenta 18.3 guddina agarsiisuu Komishinar Lalisee Nameen ibsichaan hubachiisaniiru.

Ji’oota saglan daraban abbooti qabeenya 203 gara inveestimentiitti galchuuf karoorfame abbootiin qabeenya 118 gara Inveestiimentitti galuun himaniiru.

Itoophiyaafi Afrikaan Kibbaa damee Saayinsii, Teeknooloojiifi Innooveeshiniirratti waliin hojjechuuf walii mallatteessan...
10/05/2022

Itoophiyaafi Afrikaan Kibbaa damee Saayinsii, Teeknooloojiifi Innooveeshiniirratti waliin hojjechuuf walii mallatteessan

Biyyoonni lameen damee Saayinsii, Teeknooloojiifi Inooveeshiniirratti waliin hojjechuuf dhimmoota dandeessisan irratti waliigaluu isaanii Ministeerri Innooveeshiniifi Teeknooloojii hubachiiseera.

Waliigalteen kunis Akka Lakkoofsa Warra Awurooppaa 2025’tti kan turudha jedhame.

Leenjiin humna namaa, wal jijjiirraa ogeessaa,fi dameewwaan biroo saayinsii, teeknooloojiifi innooveeshiniirratti waliin hojjechuun qabiyee waliigalticha ta’uun himameera.

Waliigalticha Ministir De’eetaan Ministira Innooveeshiniifi Teeknooloojii Dr Baay’isaa Badhaadhaafi gama Afrikaa Kibbaati immoo Bakka Bu’aan Kutaa Saayinsiifi Innooveeshinii Daan Duu Tooyitoo mallatteessaniiru.

Agarsiisni suuraa "Waa’ee Itoophiyaa” jedhu Magaalaa Jigjigaatti baname.Af-Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo...
09/05/2022

Agarsiisni suuraa "Waa’ee Itoophiyaa” jedhu Magaalaa Jigjigaatti baname.

Af-Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoofi Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Somaalee obbo Musxafee Mohaammad Umar, ’Agarsiisa suuraa waa’ee Itoophiyaa’’ jedhu eebbisuun bananiiru.

Agarsiisni suuraa "Waa’ee Itoophiyaa’’ jedhu akka Naannootti yeroo jalqabaa yoo ta’uu naannoolee biroottis kan itti fufu ta’uu himameera.

Agarsiisa kana keessummoonni Federaalaafi naannooleerraa dhufuun daawwachaa jiru jedhameera.

TOItu gabaase.

Address

Addis Ababa

Telephone

+251115516977

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Raadiyoo Itoophiyaa Afaan Oromoo /Ethiopian Radio Afaan Oromoo/ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Raadiyoo Itoophiyaa Afaan Oromoo /Ethiopian Radio Afaan Oromoo/:

Share