13/09/2025
Dhumni diggisii bilxiginnaan qopheesitu hin bareedu yeroo hunda. Bilxiginnaafi balaan tasa walihiikanii hin beekan.
Bilxiginaan guyyaa 10 dura daaa'mman umuriidhaan waggaa 15 gad ta'an 700 ol, manneen barnootaa Finfinnee kutaa 7fi 8 adda addaa irraa Banoota kennamutu jira mooraa Univarsitii 6 kiloo galaa jechuun erag achi tuursitee booda, hara galgala diggiisii ishee boruuf- shaakala agarsiisa faaruufi faarfannaa #ααα΅ Abiy'f ta'u osoo deemsisaa jirtu waltajii abbaa darbii 18 agrsiisaaf qophaa'ee daa'imman 600 ol qabatee kufuun beekameera.Daa'mman hedduun midhamuun hospitaala yoo galan, kunneen hafan bilxiginnaan atatamaan gara dallaa 6 kilootti deebiste immoo maatiin itti seenuun fudhachaa akka jiru odeessi argame ni addeessa.
Chuuchaan cinqii keessa gale irraa afuura fudhachuuf jecha, maqaa hirrira deegarsaan,uummati Shaggar city jiraatu dabalatee nam tokko akka manatti hin hafinne jaleewwan isaatti ajaja dabarsee jira. halkan sa'aa 9 jalqabee akka hunduu bahuu qabus, milishaafi loltuun bobba'ee jira.
Waan maraafuu, Chuuchaan akka mala ishee balaa adda addaa ofumaa bixxilte qaqabsiisuu waan maltuuf achi hin bahiina yoo dandeessan.
Bakka Bilxiginnaa jirtu balaa, du'afi booyicha qofaatu jiraata.