19/06/2023
Mikaa'ela waxabajjii
Waxabajjii 12: Guyyaa kana qulqulluu Mikaa’eel Afoomiyaa harka Seexanaa jalaa kan itti baasedha. Afoomiyaan, haadha warraa nama Astaaraaniiqoos jedhamu kan biyya Kilqiyaa jedhamtu keessa jiraata turaniidha. Isaan lachanuu Qulqulluu Mika’eel kan jaalataniifi ji’a ji’aan yaadanno isaa kan godhan ture. Kan beela’e ni nyaachisu, kan dheebote ni obaasu, qarshii isaanis rakkataaf maqaa Qulullu Mika’eliin ni kennu ture. Abban warra Afoomyaa gaafa dhibamu akkas jetteen, “Dubartiin erga abbaan warraa irraa du’ee rakkachuun ishee hin hafu, anis akka qorumsi narra hin geenye kunoo ilma hin qabu, waan tokko hin qabu, kanan ittiin kadhadhu fakkii qulqulluu Mika’eel kaasisiitii naaf kenni jetteen. Innis, fakkii Qulqulluu Mika’el, meetii fi warqii irraa hojjisiisee kenneef.
Abbaan warraa Afoomiyaas, yeroo muraasa booda ni du’e. Akkuma jedhame, Afoomiyaan erga inni du’ee booda, halkanii-guyyaa Waaqayyoon kadhachuutti jabaatte. Guyyaa guyyaattis hojii hafuuraan gudachaa dhufte. Fuula fakki Qulqulluu Mikaa’eel kana durattis sagadaa turte. “Eegumsi kee ana irraa hin fagaatin” jettee kadhatti turte. Rakkataa gargaaruus, guyyuma guyyaan hojii godhateetti. Yeroo kana Sexanni itti hinaafee, hojii hafuuraa ishee kana irraa ishee gufachiisuuf, hinaafee Manguddoota fakkaatee, daa’ima qabatee gara mana ishee dhaqe. Gargaartuun ishees, akka namni ishee barbaadu itti himte, Afoomiyanis yemmuu isaan agartu, “kootta ol seena waliin Waaqayyo kadhanna” jettee, gara mana fakkiin Mikaa’eelii jiru sanatti waamte, yeroo sana, “lakki nuti kadhaneerra ol hin seennu jedhanii deebisaniif. Ammas, wanti ati gootu kun gaarii miti guyya dulloomte kan si gargaaru hin jiru, horii kee of duraa akkanumaan hin fixin, amma gara kadhannaaa seenuu hin barbaannu; nuti dursinee siifis, nuufis kadhanne dhufne” jedhaniin.
“Ammas, koottu haatii warraa Mootii Anooriyoos jedhamu diinan jalaa ajjefamteetti, kanaaf, koottu isaaf si heerumsiifna, akkamitti erga abbaan warraa koo du’ee dhiiraa waliin hin bulu jetta?” jedheen, tokko keessa jaarsa fakkaatee. Isheenis deebiftee, “ergaa kitaabni qulqulluun jedhe nan beeka; bullallaan ille yoo abbaan warraa irraa du’e qeensa isheen arraba ishee tarsaafti malee, dhiira biraa bira hin geessu, yoo dirqama itti ta’es, hiriyoota ishee wajjiin ajjeefti, ati akamitti akkas jetta? kun hojii Seexanaati malee kan kiristanaa miti” jetteen.
Isheenis, “Koottu dhuguma jaarsa dhugaa yoo monoksee taate, fakki Mikaa’eel kana dhungadhu” jettee yoo itti fiddu, Seexanichi koola baase, “na moo’atte, Mikaa’eela Waxabajiitti balaan sitti buusa, na eegi “jedhee itti dhaadatee achii bade. Ji’a kurnaffaa irratti, Qulqulluu Mikaa’eel fakkaatee, askeemaa godhatee, harkatti ulee fannoo of irraa hin qabne qabatee, halkan walakkaa rafaa isheen lafaa jirtutti, gara Afoomiyaatti dhufe. “Afomiyaa, akkam jirta? Soomni fi Kadhannaan kee Waaqayyoon biratti dhagahamee jira, kunoo, Waaaqayyootu na erge jedheenii, gara manaa isheetti ol seene. Waaqayyos, baay’ee sitti gammade” ittiin jedhe. Afoomiyaanis, “Ati eenyu, maqaan kee hoo eenyu jedhama?” jetteen. Innis, “Ani Qulqulluu Mikaa’eel dha, yeroo darbe Seexanni si dogongorsuuf dhufee, guyya kanas, Mikaa’eelli bakka biraa waan deemuuf dhufeen si balleesa jedhee sitti dhadatee ture, anis kanumaafan si baraaruuf samii irraa dhufe” jedheen.
“Ammas, naaf sagadi, siif jecha warra samii keessa jiraatan hunda dhiiseen dhufe” jedheen. Isheenis, erga Qulqulluu Mikaa’eel taatee, maaf uleen kee fannoo of irraa hin qabne ree? kunoo akka fakkii mana koo jiruu kanatti?” jetteen. Innis sobee, “Lakkii samiirra kun hin jiru” jedheen. Isheenis deebiftee, lakki chaappaa mootii malee kan nama dabarsu hin jiru, anis mallattoo fannoo malee si hin amanu jetteen, kunoo, erga dhugaa Mikaa’eela taatee dhungadhu jettee, fakkicha sana itti fiduuf kaate. Yeroo kana aaree, seexanummaa isaa bifa isaa jijjiiree itti muldhisee, ka’ee ishee hudhee ajjeesuuf qabate. Yeroo kana isheenis, “yaa Qulqulluu Mikaa’eel, humna diinaa harkaa na oolchi” jettee yoo iyyattu, Qulqulluu Mikaa’eel dhufee, rukutee lafatti kuffise. Seexannis, “maaloo, hanga adunyaan kun darbutti na hin balleessin”, jedhee kadhate. Seexannis kana booda, iddoo maqaan kee dhahamuu fi fakkiin kee jiru gonkumaa hin gahu jedheefi kakate.
Sana booda, Qulqulluu Mikaa’eeliin gara Afoomiyaatti deebi’ee kadhannaan kee siif dhagahamee jira; gara mana kiristaanaa deemii kadhadhu, lubbuun kee ni boqatti jedheen. Lubbuu kees gara abbaan warraa kee Astaaraaniqoos jirutti nan geessa jedheenii, gara samitti ol ba’e. Afoomiyaanis, Phaaphaasii, lubootaa fi diyaaqonoota manatti waamtee waan qabdu hunda rakkataadhaa akka kennan taasifte. Abbootnis, kadhannaa akka isheef taasisan gaafatte. Isaanis, kadhannaa taasisaniifii, fakkicha qulqulluu Mikaa’eel sana yoo dhungattu, fakkichi koola baase balali’ee gara mana kiristaanaa Qulqulluu Mikaa’eel jirutti dhaqee ofumaan taa’e.
Guyyuma kana ergamaa qulqulluu Mikaa’eel Baahiraaniin xalayaa du’aa isaa jijjiiree