Ijoollee Tawaahidoo

Ijoollee Tawaahidoo Page kun fuula Afuurawaa tajaajila Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Afaan Oromootiin kennudha! Like, Share fi Follow taasisaa!

Hangafa Wareegamootaa Qulqulluu GiyoorgisBaga guyyaa Yaadannoo Ayyaana Hangafa Wareegamootaa Qulqulluu Giyoorgis nagaadh...
01/04/2026

Hangafa Wareegamootaa Qulqulluu Giyoorgis

Baga guyyaa Yaadannoo Ayyaana Hangafa Wareegamootaa Qulqulluu Giyoorgis nagaadhaan geessan!

✅ Hangafni Wareegamtootaa Qulqulluun Giyoorgis eenyudha?
✅ Seenaa fi Qabsuura Qulqulluu Giyoorgis
✅ Qulqulluu Giyoorgis akka Mana Kiristaanaa Itoophiyaatti
✅ Gidiraawwan Qulqulluu Giyoorgis irra gahan
✅ Guyyoonni Yaadannoo Qulqulluu Giyoorgis meeqa? yoom yoomi?

Kanneenii fi kan kana fakkaatan waa'ee Qulqulluu Giyoorgis link kana tuquun dubbisaa!

👇👇👇

https://bit.ly/4rs8Pn7
https://bit.ly/4rs8Pn7

Guyyoota Yaadannoo Ayyaana Abbaa keenya Abuna Takla Haymaanoot akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti...
03/12/2025

Guyyoota Yaadannoo Ayyaana Abbaa keenya Abuna Takla Haymaanoot akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti

Akka Mana Kiristaanaa keenya Qulqulleettii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti guyyoonni Yaadannoo Abbaa keenya Qulqulluu Abuna Takla Haymaanoot isaan armaan gadiiti;

Bitootessa 24 :- Guyyaa itti garaatti baataman (Mudde 24 bara 1196 Dh.K.B)

Mudde 24 :- Guyyaa itti dhalatan (Mudde 24 bara 1197 Dh.K.B.)

Sadaasa 24 :- Luboota Digdami Arfan Samii ykn Suraafeel waliin fooniin osoo jiranii Teessoo Sillaasee kan itti ulan

Amajjii 4 :– Guyyaa itti miilli isaanii baay’isanii dhaabbachuu irraa kan ka’e guyyaa itti cite (Amajjii 4 bara 1289 Dh.K.B) ta’us garuu guyyaa boqonnaa isaanii waliin wal qabatee Ji’uma Amajjii gaafa guyyaa 24 ni kabajama.

Hagayya 24 :- Guyyaa itti boqotan (Hagayya 24 bara 1296 Dh.K.B)

Caamsaa 12 :- Guyyaa Filsataa Foon ykn Ekeraa isaanii (Caamsaa 12 bara 1353 Dh.K.B)

Akkasumas akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti ji’a ji’aan gaafa guyyaa 24 guyyaa yaadannoo Abbaa keenya Qulqulluu Abuna Takla Haymaanoot ta’ee ni yaadatama, ni kabajama.

Eebbii fi Araarsummaan Abbaa keenya Qulqulluu Abuna Takla Haymaanoot nurra haa bulu!

Galanni Waaqayyoof haa ta’u!

Halkan  Yaa'iqoob isiniif haa ta'u!🙏🙏🙏
02/12/2025

Halkan Yaa'iqoob isiniif haa ta'u!

🙏🙏🙏

Qulqulluu Giyoorgiis«Giyoorgis» jechuun urjii ifaa hiddaa wayiini aduu jechuu dha. Hangafni Wareegamtoota Qulqulluun Giy...
02/12/2025

Qulqulluu Giyoorgiis

«Giyoorgis» jechuun urjii ifaa hiddaa wayiini aduu jechuu dha. Hangafni Wareegamtoota Qulqulluun Giyoorgis amajjii guyyaa 20 bara 277 tti dhalatee biyyii isa filisxeem yoo ta'uu maqaan ishee addaa Lidaa jedhama. Abbaan isa Zorontoos Ansixasiyoos jedhamaa.

Gurguddoota Lidaa keessa mudamee jiraachaa ture, Haati isa Tewoobista (Aqlesiyaa) jedhamtii. Maartaa fi Esiyaan obboloota isaa turan.

Waggaa 10 yeroo guutu abbaan isa waan jalaa du'eef qondallii bira amantaan isa Kiristaana ta'e mana isaatti fudhatee guddisee humna waraananis isa leenjise.

Qondaalli sunis Giyoorgisiin waggaa 20 yoo guutu mucaa isa umriin ishee waggaa 15n ta'ee kadhimee fi fudhee waliin jiraatee biyyas akka bulchu barbadee turee yaada Waaqayyoo waan hin taaneef qondaltichi du'aan boqote. Qulqulluu Giyoorgisis gara Beeruut deeme.

Beeruutitti diragoonin waaqessa ijoollee durbaa isaanii aarsaa isaaf dhiyeessa turaniiti humnaa Fannoon diraagoon injifatee Biruktayitiin du'a olchee ummataa sana gara Waaqayyoon waaqeffachuutti deebisee galcheera.

Mana amantaa lamas isaaniif ijaare.Gara Faarsitti (Baabiloonitti) yeroo deebi'u Diidiyanoos mootota torba walitti qabee waaq_harkee torbaatama dhaabee osoo sagadanii yoo arguu inaaffaa amantaa waan qabuuf galma mootummaa isaaniitti seenee anii Kiristaana Iyyesuus Kiristoositti nan amana jedheen. Isaas eenyummaa isa eega hubatee booda atimma kan keenya biyyoota 10n irratti sin muuda waaqa koo Aphilooniin waaqessi jedheen Qulqulluu Giyoorgisis muudamnii fi kennan kee sumaaf haa ta'uu ani Waaqa koo Iyyesuus Kiristoos hin ganu jedhee yeroo kanatti baay'ee aaree gidiraa ittii jabessee inni garuu gantuu kana hangan qaanesutti lubbuu koo hin fudhatiin jechuun Waaqayyoon kadhate akka kadhatees ta'eefi Giyoorgisiin abbaa jabaa jabinaa amantii isatiin gidiraa namaaf baachuun, fudhachuun ulfaatu fudhate dha.

Araarsummaan Hangafa Wareegamtootaa Qulqulluu Giyoorgis hunda keenya waliin haa ta'u!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Gaaffilee Kitaaba QulqulluuKutaa 1ffaaSeensa :- Mata duree haaraa «Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu» jedhu hardha ni eegalla....
01/12/2025

Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu

Kutaa 1ffaa

Seensa :- Mata duree haaraa «Gaaffilee Kitaaba Qulqulluu» jedhu hardha ni eegalla. Mata duree kana keessatti Qo'annaa Kitaabolee Qulqullaa'oo bifa gaaffii fi deebiitiin Seera Uumamaa irraa kaasee hanga dhumaatti ni ilaalla. Kanaafuu isinis dubbisaa! akkasumas erga dubbistanii xumurtan booda hiriyoota keessaniif qoodaa akkasumas kutaaleen itti aanan akkuma maxxanfamaniin akka isin bira gahaaniif Channel join taasisaa! Dubbisa gaarii!

Gaaffilee Kakuu Moofaa

Seera Uumamaa

1. Sirna Uumamaa keessatti Waaqayyo uumamtoota meeqa uume?

Deebii :- Uumamtoonni 22 Sirna Uumamaa keessa jiru, jahan isaanii (Dachee, Bishaan, Qilleensa, Ibidda, Dukkana, Samiiwwan fi Ergamoonni) yaadaan qofa, warreen hafan kudha arfan ammoo (nama osoo hin dabalatiin) dubbiidhaan erga uume booda uumamni Waaqayyo harka isaatiin hojjete ammoo nama qofaadha.

2. Abaarsi Jaarsolii si hin argatiin! jedhama, yeroo tokko Raajicha Elsaa dhaan «Moluu! Moluu!» jedhanii kan arrabsan daa'imman Beeteel waan turaniif, Raajichi Elsaa yeroo isaan abaaru Bineensonni bosonaa bahanii daa'imman Afurtami lama caccabsan, egaa akka daa'imman kanaatti biyya keenya keessattis hangafoota isaanii kan arrabsanii fi kan abaaraman manni haa lakkaa'u!. Karaa biraatiin ammoo Eebbi Abbootii laga nama ceesisa! Yaa'iqoob ykn Israa'eel ijoollee ilma isaa Efreem fi Minaasee maal jedhee eebbise?

Deebii :- Seera Uumamaa 48:15.

«Daa'imummaa koo irraa eegalee kan na soore Waaqayyo, wanta hamaa hunda irraa kan na eege Ergamaan ijoollee kana ha eebbisu» Uma. 48:15.

3. Abrahaam mana Abbaa fi haadha isaatii yeroo waamamu iddoo inni itti ka'e Kaaraan jedhamti, (Uma. 11:32) hardha Kaaraan kan jedhamtu kun eessa laata? hardha Kaaraan Turkii karaa bahaati.

4. Israa'eeloonni fi Amaaleeqonni yeroo wal lolan Museen harka isaa yeroo ol kaasu Israa'eeloonni ni injifatu ture, akkasumas Museen dhadhabee harka isaa yeroo gadi deebisu ammoo Israa'eeloonni ni injifatamu ture. Harka Musee Bitaa fi Mirgaan qabanii kan turan namoonni lamaan eenyu fa'i?

Deebii :- Aroon fi Hoorm - Seera Ba'uu 17:10.

5. Oriitii keessatti Lubummaan kan isaaniif eeyyamamu sanyii ykn qomoo tokko kan ta'aan warra Leewwiitiif qofa ture, namni Waadaa Lubummaa kana fudhate eenyu jedhama? maalifi laata nama kanaaf Waadaan kun kan kennameef?

Deebii :- Obboleessa Musee Aroon yoo ta'u, Ilmi Aroon ammoo Alaazaaridha, ilmi ilma isaas «Fiinihaas» jedhama. Fiinihaas waadaa Lubummaa sana akkamitti akka argate Seera Lakkoofsaa 25:1-14 ilaalaa!

Itti fufa!

Galanni Waaqayyoof haa ta'u!

Kutaa lammaffaa argachuuf page keenya Ijoollee Tawaahidoo follow taasisaa!

30/11/2025

ማርያም ማርያም

Kabaja Ayyaana Tsiyoon Maariyaam kan Aksum Tsiyoon guyyaa har'a Ortodoksii Tawaahidoon bara baraan haa jiraattu!🙏🙏🙏🙏🙏
30/11/2025

Kabaja Ayyaana Tsiyoon Maariyaam kan Aksum Tsiyoon guyyaa har'a

Ortodoksii Tawaahidoon bara baraan haa jiraattu!

🙏🙏🙏🙏🙏

Tsiyoon Maariyaam Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen!Baga Kabaja Ayyaana Maariyaamii Tsiyoon...
30/11/2025

Tsiyoon Maariyaam

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen!

Baga Kabaja Ayyaana Maariyaamii Tsiyoonin isin gahe.

Sadaasa 21 Taabonni Tsiyoon guyyaa Xaa’ota (waaq-harkee) namaan tolfame Daagoon jedhamu caccabsitee, Filisxeemota salphiftee dha. Ijoolleen Luba Eelii lamaan, Afniinii fi Finhaasii jedhaman, sababa cubbuu sadi raawwataniin, Taabotni Tsiyoon booji’amtee turte. Tokko, ibsaa yeroo hunda ifu kan Museen teessise akka hin ifne iddoodhaa kaasuun, lammaffaa, aarsaa dhiyaachaa ture jalqaba osoo Waaqayyoof hin dhiyaatiin ofii isaaniif nyaachaa turuun isaanii, sadaffaa, dubartoota gara mana qulqullummaa dhufan waliin ciisuun, waan sagaagalaniif, cubbuu gurguddaa kana waan raawwataniif, Waaqayyoon dheekkamee Israa’eloonni akka moo’ataman, ijoolleen kunis akka du’an, Taabotni Tsiyoonis akka booji’amtu sababa ta’e.(1Sam 5:4). Yeroo kana, Filisxeemonni Taabota booji’an kana mana Xaa’ota isaanii keesaa Daagon jala yemmuu kaa’an, ganama yemmuu deebi’an garuu, Daagon Taboticha jalatti kufee caccabee argan. Ajaa’iba kanaaf kan kana fakkaatan hedduu taabotichi waan raawwateef, Filisxeemonni harka-fuudha/balcha waliin Taaboticha deebisaniiru. Kanaaf, guyyaan kuni ni yaadatama.

Taabotni ajaa’iba akkanaa hojjette kuni, gara biyya keenyaa iddoo Aksum kan dhufte, Sadaasa 21 waan ta’eef, guyyaan kuni yeroo sana irraa eegalee kabajamee ni oola. Bara Yoodiit Guditis, baqannaa waggoota 40 booda haroo Danbal/Ziwaay irra erga turte booda, deebitee kan galte guyyuma kana akka ta’es, ni himama. Kanaaf, Ayyaanni kuni yeroo hunduma Sadaasa 21 haala addaatiin ni kabajama.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u.

Waaqayyoo kadhannaa qulqulleettii haadha keenya Dubroo Maariyaamiin nutti haa araaramu. Sugni ishees nu waliin haa ta’u!

Page keenya follow fi share taasisaa!

29/11/2025

🙏🙏🙏

Address

Addis Ababa
1000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ijoollee Tawaahidoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share