11/03/2026
Jireenyi dhala namaa kan jaarraa 20ffaa fi 21ffaa boba’aa fi gaazii uumamaa wajji walitti hidhamiinsa cimaa qaba. Isaan malee silaa jireenyi jaarraa lamaan kanaa waan hardha argaa jirru kana hinfakkaatu ture. Wantoonni nuti hardha guyya guyyaan itti fayyadamnu hedduun isaanii boba’aa fi gaazii uumamaa irraa dhufu.
Dhaabbata fayyaa siriinjii malee yaaduun hin danda’amu. Siriinjiin yoo hin jirre ta’e qorannoof dhiiga fuudhuun akka malee cima; qoricha maashaafi hidda dhiigaatiin kennaman kennuun ulfaataa ta’a. Akkasuma guuwantiin harkatti godhatan, qabeewwan dhangala’oo, fi kkf hundi akkuma beeknu pilastikii adda addaa irraa hojjatamu. Pilaastikiin addunyaa irra jiru dhibbeentaan 95 ol ammoo boba’aa irraa dhufa. Parsantiin hafte sunuu irra caalman gaazii uumamaa irraa dhufti.
Meeshaaleen elektooniksii haguugan, kan akka wadaroon elektiriikii nu hinqabne haguugan, sooliin kophee, goommaan makiinaa, ujummoowwan bishaan daddabarsuuf fayyadamnu(PVC), qabeewwan bishaanis ta’ee waan biraa ittiin qabachuuf fayyadamnu—kun hundi kan dhufan boba’a (dhimbbiibbaa crude oil) irraati.
Qorichoonni hedduun isaanii keemikaalota boba’aa irraa argaman of-keessaa qabu. Asapaltiin (reenjiin gurraachi) irra deemnu sunis bu’ama boba’aa (oil-ti).
Xaa’oon oomisha qonnaa dabaluuf fayyadamnu gaazii uumamaa irraa tolfama. Bu’aan boba’aa geejjiba qofaa miti. Bu’aan isaa meeshalee kanniin xiyyaaran, dooniin, konkolaataan akka geejjibsiifannuuf itti buufannee deemuu qofa miti. Boba’aa (fi gaaziin uumamaa) jireenya guyyaa guyyaa keenna keessatti nu waliin jiru. Addunyaan amma jirtu akka beeknu kana akka fakkaattuuf boba’aa fi gaaziin uumamaa ga’ee guddaa qabu! Galatooma jennuunii laata? ☺️ Halkan Gaarii!