08/01/2026
duraArteettaan tapha Liiverpuul dursee maal jedhe?
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan tapha har'a Liiverpuul waliin qabu dursee waa'ee garee isaa dubbate.
Qabxiilee murteessoo inni kaase keessaa:
Rikaardoo Kalafiyoorii fi Mooskuweeraan ammayyuu miidhamarraa hin fayyine. Garuu dhiyaataniiru.
Kaayi Haavert shaakala waan hojjeteef har'a ni taphata jedhamee eegama.
Deeggartoonni keenya Emireetis irratti ''haamilee garee keenyaa haalaan ol kaasu'' jedhe. Gareen keenya ''kutannoon, ofitti amanamummaa fi dirree guutuu weeraruun akka taphannu nu godhu'' jedhe.
Li'oondri Tiroosaad bara kana fooyya'insa guddaa agarsiise. Dandeettii durumaanuu qaba, garuu itti fufinsaan gahumsi bara kana agarsiise adduma jechuun Arteettaan isa jajeera.
Garee keenya irratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha kan jedhe Arteettaan hundi keenya mo'achuu barbaanna waan taheef isarratti jabaannee hojjenna jedhe. Xiyyeeffannoon jiru cimina garee Arsenaal irra waan taheef qixuma sanatti nus qabxii nurraa eegamu argachuun waancaa mo'achuu barbaanna jedhe.
Qindoominni Deklaan Raayis, Maartiin Odeegaardii fi Maartiin Zubimandii ajaa'iba jedhe. Waliif hojjettu, wal jajjabeessu jedhe.
Liiverpuul bifa addaan taphachuu waan malaniif sanaafis of qopheessuu fi of eeggachuu qabna jedhe.
Liiverpuul mo'achuuf maal gochuu akka qabnu beekan jedhe.
Liiverpuul tapha jalqaba barana walitti dhufan mo'ateera.
Arnee Isloot: Arsenaal bakka amma jiran kana irra taa'uun isaaniif mala.
Liiverpuul taphoota hedduu qixa bahe. Haala taphichaa yoo ilaalte hawwataa ture.
Arsenaaliin mo'achuun ammoo miira addaa qaba. Miidhama qabnu irratti taphoota hedduu mo'achuuf yaalla. Deeggartoonni taphni Liiverpuul hawwataa miti jechuun sirrii tahus, garuu dhagahauuf namatti hin tolu.
Tapha bareedaa taphannee mo'achuu barbaanna jedhe.