21/09/2026
Barsiisaaf!🙏
Dur gaafa maqaa barsiisaa dhageessu kabaja,guddummaa,nama moodela namootaa ta'e; kan dhaloonni akka isaa ta’uuf hawwu,
nama qaamni isaa,uffannaan isaa,nyaanni isaa akkasumas manni isaa bareedaa ta'e, nama baay'ee kabajamaa ta'e tokkotu sammuutti si dhufa(dhugumasi).
Har'a hoo gaafa maqaan barsiisaa ka'u wanti sammuutti si dhufu nama jireenyi gara dhoowwitee simboon namummaa irraa fuudhame tokkotu sammuutti nama dhufa.
Namni daarri miitee, namni huqqataa fi hiyyeessi hiyyummaan miitee gara dhorkite,kan kiraa manaa kafalachuuf rakkatu,nama jireenya dhalootaa toora qabsiisuutti jireenyi isaa toora dhabe yoo jiraate barsiisaa qofa.
Biyya kanatti namni akka barsiisaa gatii dhabe;namni akka barsiisaa itti qoosame hin jiru. Hunduma caalaa kan nama aarsu immoo,dhalootuma ofii karaa itti agarsiisee, barsiisee ofii ol dabarseen gaafa tuffatamuudha. Namni hojii barsiisummaa kana dhugumaan jaalatee filatee hojjatu akka waan dandeettii isaatiin dadhabaa ta'ee fi filannoo biraa dhabeetti ilaalama.
Kanaaf kan sababa ta'e immoo sadarkama biyyattiittuu xiyyeeffannaan barnoota, ogummaa barsiisummaafi barsiisaaf kennamu baay'ee laafaa ta'uu isaati.
Baay'ee nama gaddisiisa.
Miindaan ji'atti barsiisaa biyya keenyaatiif kafalamu kophee tokko bitee biratti shurraaba miila bituu hin danda’u.
Qaala’iinsa jireenyaa samii tuqe kana wajjin akka itti jiraachaa jirus isumaafi Rabbii tokkicha qofatu beeka.Tuffii jireenya barsiisaafi qulqullina dhabuu barnoota zabana kanaatiif barataan qalbii cabeera;barnootas jibbeera.
Jireenyi barsiisaa kan itti hawwamu haga hin ta'initti dhaloonni mana barnootaa baqatee, barsiisaanis hiyyummaa baqatee manni barnootaa duwwaatti hafuuf deema.
Dhaloonni hin baranne jechuun immoo biyya teenya kufaatii hamaaf saaxilamuun isii waan hin oolleeem.
!👌✊