Saglan Sagli

Saglan Sagli God is Good

25/02/2026

SIRNA BULCHINSA PIRAGMATISIM
Sirna siyaasaa pragmatic jechuun sirna siyaasa bu’aa irratti xiyyeeffatu(Result Oroented) kan ta’e jechuu dha; Kana yeroo jennu sirna bulchiinsa haala qabatama(practical) ta’an ragaa qabatamaa jiruun dabaluun kan gaggeeffamu malee ideology(yaadama) tokko irratti kan cichu miti. Sirni kun haala qabatamaa keessatti “maaltu hojjetama ?” kan jedhu irratti xiyyeeffata; yeroo baay’ee gareewwan siyaasaa garagaraa/morkattota/ gidduutti waliigaltee uumuun tasgabbii, gahumsaa fi bu’aa hawaasummaa cimsuuf yaala.
Amaloota ijoo sirna siyaasaa pragmatic:
1. Yaadama irra Bu’aa filata:
Murtiin kan kennamu waan bu’aa fidu irratti hundaa’a malee yaadama sagantaa paartii tokkoo qofaa waliin kan walsimu ta’uu isaa irratti miti.
2. Madaquu fi amala Jijjijjiramu:
Imaammanni akka haalli jijjiiramuun yookaan ragaan haaraan argamuun ni fooyya’a; haala yeroo irratti hundaa’uun ni haaromfama.
3. Haalota tokko tokko irra darbun tumsa godha:
Giddugalessumma irratti walii galuun hojii itti fufsiisuuf dursa kenna; akka jecha, “Walakkaan buddeenaa buddeena dhabuu irra wayyaa”jechama jedhamu sana.
4. Murteewwan Ragaa irratti Hundaa’an: Imaammanni ragaa qabatamaa fi bu’aa hojii irra oole irratti hundaa’a malee yaadama qofa irratti miti jedhee amana.
5. Rakkoo hiikuu irrattii xiyyeffata:
Kaayyoon guddaan rakkoolee qabatamaa (fakkeenyaaf dinagdee, bu’uuraalee misoomaa fi kkf) karaa bu’a qabeessa ta’een furuudha jedhe amana.
Fakkeenyonni sirna akkasii yeroo baay’ee ilaalcha “one-nation” conservatism jedhamuun beekamu yookaan mootummaa imaammata garee faallaa irraa fudhatee yoo bu’aa qabeessa ta’e hojii irra oolchu of keessatti hammata. Sirni kun amantaa ummataa ijaaruufi tumsaa gareewwan siyaasaa garaagaraa gidduutti cimsuuf karaa ta’ee ilaalama.

16/02/2026
14/02/2026

Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenya Taatetti!

Paartiin Badhaadhinaa filannoo biyoolessaa marsaa 7ffaatiif mallattoo filannoo Paartichaa ifoomsee jira.

14/02/2026
22/01/2026

Dhugaa Jabaa amala ilma namaa:

➡️ Amala nama tokkoo isa dhugaa beekuu yoo barbaadde, waan isaan dubbatan qofa hin dhaggeeffatin.
➡️ Waan isaan ittiin dhaadatan, waan isaan irratti gungumanii (komatan), fi waan isaan itti kolfan dhaggeeffadhu. Amaloonni kunniin duudhaalee isaanii, miira namummaa isaanii, fi waan isaan akka waan baratamaatti (sirriitti) ilaalan mul’isu.
➡️ Yoo xiyyeeffannoodhaan yeroo dheeraaf hordofte, namoonni eenyummaa isaanii ofumaan sitti saaxilu.

22/01/2026

Dhugaa Xiinsammuu Isin Beekuu Qabdan 10

1️⃣ Namoonni baay'een namoota gargaaruu barbaadu, garuu ammoo dagatamuu ykn loogii nutti fida jechuu shakkanii of-qusatu.
2️⃣ Gaarummaan ni daddarba. Hojiin gaariin tokko namoota biroo akka gaarummaa hojjetan nii kakaasa.
3️⃣ Namoonni yeroo fudhatan irraa yeroo kennan caalaatti gammadu.
4️⃣ Hojiiwwan/gochawwan gaggaariin kutaa sammuu isa gammachuu (reward centers)jennu irratti miira kaka'umsaa uumu.
5️⃣ Namoonni wal hin beekne yeroo beekamtiidhaaf hin dhiphanne caalaatti wal gargaaru.
6️⃣ Namoonni uumamaan yeroo qabeenyi(resources)haqa-qabeessaan walga'u/qoodamu walii tumsa ykn gamtoomu.
7️⃣ Namoonni yeroo waan sirrii hojjetan kophaati dhoksaanillee yoo ta'e miira ofitti boonu itti dhaga'ama.
8️⃣ Namoonni uumamaan ijoollee, maanguddootaa fi bineensota gargaaruu barbaadu.
9️⃣ Namoonni qeeqa (yaada badaa) caalaa gargaarsa isaaniif taasifame yeroo dheeraaf yaadatu.
🔟 Namoonni haaloo qabachuu caalaa dhiifama yeroo godhan caalaatti gammadu.


18/01/2026



Everyone has a clear idea of how others should live, yet struggles to live their own truth.

It’s easier to give advice than to take responsibility, easier to judge paths we’re not walking. Growth begins the moment we shift focus inward, when self-reflection replaces opinion.

Before correcting the world, master your own life.

Address

Addis Ababa

Telephone

+251943043043

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Saglan Sagli posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Saglan Sagli:

Share