29/03/2023
An si diinomfadhe!
*****************************************
Ayii, yaa Bocheere, Sareekoo Bocheere!
Guddiseekee dhiistee bineensaaf michoomfattee?
Qe'ee eegi jennaan dallaakoo caccabduu saaqxee badduu baastee?
Naaf duti siin jennaan, qaawwaa golakootii, diinatt’ agarsiistaa?
Qe’ee kabajamaa, dhaala abbaakootii holqa bineensaa gootaa?
Kan koo eeguu dhiistee, ormaaf dhaqxee duttaa?
Ijoolleekoo kichuu bineensaaf galaastee, as natti roorristaa?
Ayii …
Diinni maal bal’eessee, sit’ karaa agarsiise,
Situ kankoo dhiisee, ormaaf daboo dhaqe
Harkaan si guddiseen diinaaf ilkaan taatee, ana nyaachuu kaatee?
Ormi yeroon geenyaan sitti jijjiiramtee
Bakka lixaa dhabdee, mala saalfii hin qabne malattee deebitee?
Isumaa hin qaanoftuu, achii bakka dhabdee, as natti deebitee, eegee natti raastee!
Kana booda’n jiru, kan darbe na ga’a innan siif gowwome
Jaartiin qullubbii hattee lama na’n suufan jette jechuu hin dagattee?
Anoo sin tuffadhe, an sittan qaanfadhe, garaan siif kutadhe,
Badi, badduu ba’i, an si diinomfadhe.
Baddu’n baddi malee, ija’n dhiqan saree!
Ermias Tasfaye 24 December 2022