
22/10/2024
Hezboollaan Israa'el irratti rookeetiiwwan hedduu dhukaase.
Kibba Libaanositti haleellaa Israa'el hospitaalarratti raawwatteen daa'ima dabalatee namoonni afur ajjeefamuun wayita gabaafamaa jirutti Hezboollaan rookeetiiwwan hedduu gara Israa'el dhukaasuu ibse.
Haleellaan rookeetii Hezboollaa kun wayita ministirri dhimma alaa US Antonii Bilinken gara Israa'el seenuuf jedhanitti raawwate.
Erga Hamaas kibba Israa'eitti haleellaa raawwachuun isa booda waraanni Gaazaa eegalee qondaalli US kun yeroo 11ffaaf garas imaluusaaniiti.
Israa'el haleellaa kibba magaalaa Beeruutitti hospitaala irratti raawwatteen namoota afur ajjeestee 24 kan caalan madeessuu ministeerri fayyaa Libaanos ibseera.
Israa'el haleellaa sana kan raawwatteef kuusaa meeshaalee Hezboollaa barbadeessuuf akka ta'e ibsite.
Kana hordofee Hezboollaan kaaba Israa'el rookeetiidhaan haleeluu itti fufe.
Ganama kana sagaleen meeshaa waraanaa qillleensarraa kutaalee kaaba Israa'el keessattuu naannawa Samaariyaa jedhamutti dhagahamaa ture.
Rookeetiiwwan dhukaafaman keessaa irra caalaan qilleensarratti fashalsiifamuu waraanni Israa'el ibseera. : BBC NEWS Afaan Oromoo
We are on YouTube, Telegram, Facebook :-