Himtu Media

Himtu Media Himtu Media. We will empower!. Follow us on;
YouTube
Telegram
Instagram
Tiktok

Hezboollaan Israa'el irratti rookeetiiwwan hedduu dhukaase.Kibba Libaanositti haleellaa Israa'el hospitaalarratti raawwa...
22/10/2024

Hezboollaan Israa'el irratti rookeetiiwwan hedduu dhukaase.

Kibba Libaanositti haleellaa Israa'el hospitaalarratti raawwatteen daa'ima dabalatee namoonni afur ajjeefamuun wayita gabaafamaa jirutti Hezboollaan rookeetiiwwan hedduu gara Israa'el dhukaasuu ibse.

Haleellaan rookeetii Hezboollaa kun wayita ministirri dhimma alaa US Antonii Bilinken gara Israa'el seenuuf jedhanitti raawwate.
Erga Hamaas kibba Israa'eitti haleellaa raawwachuun isa booda waraanni Gaazaa eegalee qondaalli US kun yeroo 11ffaaf garas imaluusaaniiti.

Israa'el haleellaa kibba magaalaa Beeruutitti hospitaala irratti raawwatteen namoota afur ajjeestee 24 kan caalan madeessuu ministeerri fayyaa Libaanos ibseera.

Israa'el haleellaa sana kan raawwatteef kuusaa meeshaalee Hezboollaa barbadeessuuf akka ta'e ibsite.
Kana hordofee Hezboollaan kaaba Israa'el rookeetiidhaan haleeluu itti fufe.

Ganama kana sagaleen meeshaa waraanaa qillleensarraa kutaalee kaaba Israa'el keessattuu naannawa Samaariyaa jedhamutti dhagahamaa ture.

Rookeetiiwwan dhukaafaman keessaa irra caalaan qilleensarratti fashalsiifamuu waraanni Israa'el ibseera. : BBC NEWS Afaan Oromoo

We are on YouTube, Telegram, Facebook :-

23/04/2024

Dear followers of
How is your night?

12/10/2023



Follow Himtu Media

//Qilxuu Sabaa//..RIPAdeeroo nagaan boqadhu.Uummanni kee akka ofbaru, dammaqu, baratu fi mirga isaaf akka qaabsa'u fi ga...
06/11/2022

//Qilxuu Sabaa//..RIP

Adeeroo nagaan boqadhu.
Uummanni kee akka ofbaru, dammaqu, baratu fi mirga isaaf akka qaabsa'u fi gaafatu godhuun bakka har'a irra gahe kana akka gahu daandii saaqxanii gumaacha guddaa waan gootaniif seenatu bara baraan isin yaadata.

22/04/2022

የግንደበረት የድሮን ድብደባ።

በምእራብ ሸዋ ዞን ግንደበረት እና አከባቢው ከኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት ጋር እያደረገ ባለው ጦርነት ኪሳራን ያስተናገደው የብልጽግና ጦር በንጹሃን ህዝብ ላይ የድሮን ጠቃት መፈፀው ተሰማ።
ጥቃቱ የተፈጸመው በወቅቱ ምንም አይነት ጦርነት እየተደረገ ባሌለበት ቀበሌ ላይ መሆኑ የተገለፀ ሲሆን ሙሉ በሙሉ ንጹሃንን ኢላማ ያደረገ ነው ተብሏል።
በግንደበረት ወረዳ ደጎማ ኪቢ ቀበሌ የኢትዮጵያ አየር ሃይል በንጹሃን ላይ ድብደባ መፈጸሙን ነዋሪዎች ተናግረዋል።
ለኦ ኤም ኤን አስተያየታቸውን የሰጡት ነዋሪዎች የድሮን ድብደባ መፈፀሙን ነው የተናገሩት።
የድሮን ጥቃት ከመፈጸሙ በፊት አከባቢውን የጦር ሄሊኮፕተር ሲዞር እንደነበር የሚገልጹት ምንጮች ማምሻውን ዶጎማ ኪቢ በሚባል ቀበሌ ሁለት ዙር የድሮን ጥቃት መፈጸሙን ይገልፃሉ።
በጥቃቱ ሙሉ በሙሉ ንጹሃን ናቸው የተጎዱት የሚሉት ነዋሪዎቹ በጥቃቱ ቢያንስ 15 ሰዎች ሲገደሉ የቤት እንሰሳትን ጨምሮ በውል መጠኑ ያልታወቀ ንብረት መውደሙን ነዋሪዎች ጠቁመዋል።
በወረዳው ከባለፈው ሃሙስ ሳምንት ጀምሮ በመንግሥት ጸጥታ ሃይሎች እና በኦሮሞ ነጻነት ሰራዊት መካካል ትልቅ ጦርነት እየተደረገ እንደነበር የወረዳው ነዋሪዎች ይናገራሉ።
ሆኖም የድሮን ጥቃቱ በተፈጸመ ወቅት በደጎማ ኪቢ ቀበሌ ጦርነት እንዳልነበረ ተናግረዋል።
በአከባቢው ባለው ጦርነት እና በተፈጸመው የድሮን ጥቃት ህዝቡ ከዶጎም ኪቢና ከደጎማ ያጎት ቀበሌ ተፈናቅሎ ወደ ጫካ ገብቷል ነው የተባለው።
የመንግስት ጦር እንዲሁም በአማራ ክልል ድንበር በኩል የአማራ ሃይሎች ተሰማርተውብን የኦሮሞ ህዝብ በቄኤው ከባድ ሁኔታ ውስጥ ይገኛል ብለዋል።
የአቢይ አህመድ መንግስት ከዚህ በፊትም በወሎ፣ ወለጋ እና ትግራይ በተደጋጋሚ በወሰዳቸው የድሮን እርምጃዎች የጦር ወንጀል መፈጸሙ ይታወሳል ።

19/04/2022

ከአዳማ በቅርብ ርቀት ላይ የምትገኘው #ኦለንጪቲ ከተማ ከባድ ተኩስ ልውውጥ እንዳለ ከከተማው ነዋሪዎች ያገኘነው መረጃ ያመለክታል።

Adaamaa irraa fageenya dhiyoo irratti kan argamtu magaalaa dhukaasni cimaan akka jiru jiraattonni himan.

Ministeerri Ittisaa Raashiyaa viidiyoo fuula loltoota galaanarraa doonii waraanaa dhidhimte Mooskivaa jedhamturraa turan...
17/04/2022

Ministeerri Ittisaa Raashiyaa viidiyoo fuula loltoota galaanarraa doonii waraanaa dhidhimte Mooskivaa jedhamturraa turan agarsiisu, erga doonittiin dhidhimtee booda yeroo duraaf mul'ise.

Loltoonni galaanarraa hedduun magaalaa buufata doonii Kiriimiyaa Sevaastopool keessatti hiriiranii, ajajaa olaanaa humna galaanarraa biyyattii adimiiraal olaanaa Nikolaay Yevmeenoov waliin wal argan.

Dooniin waraanaa Mooskivaa jedhamtu Galaana Gurraacha (Blach Sea) irraa misaa'ela dhukaasaa turte.

Dhidhimuun doonii kanaa hamilee Raashiyaa akkaan akka miidhe dubbatama.

Mooskivaa galaana Gurraachaarraa osoo gara buufataatti imalaa jirtu haala qilleensaa hamaa galaanarra tureen dhidhimte jedhe ministeerri Ittisaa Raashiyaa.

Sana duura doonittiin ibidda ka'uumsi isaa hin beekamneen miidhaan irra gahee akka tures himee ture.

Ministeerri Ittisaa Raashiyaa ibidda hin beekamne haa jedhu malee, Yuukireen misaa'eloota ‘Neptune’ jedhaman lamaan doonicha haleeluu himte.

Erga miidhaan irra gahee boodallee bishaanirra socho'aa kan turte Mooskivaan, Kamisa darbe akka dhidhimteefi loltoonni galaanarraa doonii kanarra turan gara Sevaastopool magaalaa buufata doonii Kiriimiyaa kan Raashiyaan 2014 humnaan qabatte geeffamaa akka jiran himamee ture.

Hanga viidiyoon Raashiyaan amma gadhiifte kun bahuutti ragaan loltoonni kunneen baraaramuu mul'isu hin turre.

Viidiyoo gadi dhiifame kanarratti ajajaan olaanaa humna galaanarraa Raashiyaa loltoota lakkoofsaan 100 ta'an wayita dubbisan mul'ata. Yoom akka ta'e garuu wanti himame hin jiru.

Loltoonni kunneen humna galaanaa Raashiyaa keessatti tajaajila isaanii kan itti fufan ta'uu adimiiraal Yevmenoov himaniiru.

Balaa dhidhimuu doonii kanaan namni miidhame jiraachuu Raashiyaan hin himne.

Haata'u malee aanga'aan Ameerikaa maqaan hin dhaahamne Ameerikaan namootni sadi du'uu akka hin oolle amanti jechuun Rooyitarsitti himaniiru.

Yuukireen kaappiteeniin Mooskivaa Aantoon Kuuppiriin donittii irratti ajjeefameera jetti. BBCn kana mirkaneessuu hin dandeenye.

Dooniin Moskivaa toonii 12,490 ulfaattuu bara Gamtaa Sooviyeet durii keessa Yukireen keessatti hojjatame ture.

Akka miidiyaaleen Raashiyaa jedhanitti yoo ta’e bara 1980 keessa tajaajila kennuu eegale.

Dooniin haleellaa misaa'elaa raawwachuuf oolu kun bara waraana Siiriyaatti Mooskoon garasitti bobbaaftee kan turte yoo ta’u, humnoota Raashiyaaf gama galaanaarratiin eegumsa cimaa ta’eefi ture.

Dooniin kun misaa'eloota farra doonii ‘Vulkan’ jedhaman hedduu fi meeshaalee waraanaa ‘mine-torpedo’ jedhaman fa’aa qaba.

Mooskivaan doonii waraanaa Raashiyaa isa guddinaan lammaffaa erga biyyattiin weerara jalqabdee garmalee miidhame ta’eera.

Address

Lafto
Addis Ababa
1000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Himtu Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category