11/07/2022
Waadaa ummataaf galame qabatamaan agarsiisuuf hojiin eegalame danqaa kamiinuu hin gufatu
=======
Mootummaan filannoo gaggeeffameen beekamtii ummataa argatee mootummaa hundeessuun karoora misoomaa yeroo dheeraa, giddu galeessaafi gabaabaa qopheessuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu eegaleera.
Paartileen siyaasaa dirree dimokiraasii banametti garagaaramuun sagantaa qaban ummataaf dhiyeessuun filannoo keessatti hirmaatanis, kaan ammoo yaada qaban ummataaf dhiyeessuun dorgommii filannoof dhiyaachuurra karaa qaxxaamuraa aangoo qabachuuf socho'uun ni mul'ata.
Qaamileen kunneen yeroo tokko mootummaa ce'umsaa yeroo biraa ammoo diinota keessaafi alaa waliin ta'uun nageenya booressuuf hojjetanis hin milkaa'uuf.
Mootummaan jijjiiramaa hacuuccaafi rakkoolee biyyi kun keessa ture sirreessuuf dirree dimokiraasii bal'isuurraa kaasee tarkaanfileen baay'een fudhatameera.
Mootummaanis filannoo bara 2013 taasifame injifachuun waggoota shaniif beekamtii ummataa argatee qorumsa garaa garaa keessatti hojiilee pirojektoota misoomaa garaa garaa hojjechuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessaa jira.
Kana keessaa tokko Hidha Haaromsa Gudicha Itoophiyaati. Kunis rakkoo guddaa hojiin pirojektichaa keessa ture hatattamaan sirreessuun bishaan quutuun humna ibsaa maddisuun egalameera.
Bara kanas dhiibbaafi waca diinota keenyaaf osoo gurra hin ergisin yeroo jedhame keessatti guutinsi bishaanii kan raawwatu ta'a.
Kanaaf, qaamoleen keessaafi alaa ergama biraa fudhatanii al tokko mootummaa ce'umsaa jechaa, yeroo biraa nageenya ummataa booressuun shirri xaxaa oolan kan hin mikoofne ta'uu hubachuu qabu.
Mootummaan waggaa shaniif beekamtii ummataa argatee hojjechaa jirus gaaffii ummaataa deebisuun fayyadamummaa haqa qabeessa mikaneessuuf hojjetaa jira.