09/05/2026
Baga geessan
Caamsaa Gaafa Tokkoo hin dhalatte Haati Waaqayyoo(2)
Iyyaaqeemii fi Haannaa Abbaa fi Haadha ishee irraa (2)
Mikaa'eel Ergamanaan hoomaasaatiin duule
diinnisaa kan kufe koochoosaarra ilaalee
yaa Maqaa Miidhagiduu Uumaan sijaallate
Addunyaa Hundumaaf badhaasa kennamte
Abjuun Akaakilii kan tektaf phexriqaa
dhaloota jahaffan kan mullate haqa
Raadni eebbifamtuun Addeessa kan deesse
Addeessicha keessaas Aduun calaqqise
Ati balbala bahaa Aduchis ilma kee
balbala cufamtuu kan Isqi'eel arge
Gaa'ila eebbifamaan kaayyootiif dhalattee
Addunyaa hundumaaf badhaasa kennamte
Ifaan guutameera gaarri libaanosi
giiftiitu dhalate haadha Iyyasuusi
sirraa baranneerra galata isaaf laanna
Waaqa siin nuuf kenneef ilillee galchina
Ayyaana Gaarii!