Kenya Media

Kenya Media Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Kenya Media, Media/News Company, Addis Ababa.

𝗙𝗼𝗹𝗹𝗼𝘄𝗲𝗿𝘀 𝟭.𝟯𝗠 𝗙𝗼𝗹𝗹𝗼𝘄𝗶𝗻𝗴 𝟯

KENYA MEDIA is the independent voice of media for news, Entertainments, cultures, Travel, Musics, Educations, Events and all Life of our peoples.

11/03/2026

🔥 . Iraan🇮🇷
Kibba Iraaq magaalaa Basraa buufata doonii Umm Qasr naannoo buufata doonii Ummu Qasr jedhamutti dooniin boba'aa Ameerikaa🇺🇸 tokko ibiddi itti gubachaa jira.

Odeeffannoon haarowni akka isin dhaqqabuuf fi godhaa.

  Addunyaa waraana Iraan fi   irratti
05/03/2026

Addunyaa waraana Iraan fi irratti

🛑ODUU AMME   🇮🇷   🇮🇱  🇺🇲 irratti Iraan Raashiyaa fi Chaayinaan biyyoota michummaa qaban akka tahe ni beekkama. Duuba eeg...
05/03/2026

🛑ODUU AMME
🇮🇷 🇮🇱
🇺🇲 irratti
Iraan Raashiyaa fi Chaayinaan biyyoota michummaa qaban akka tahe ni beekkama. Duuba eega dubbiin akkana tahe Raashiyaa fi Chaayinaan Maaliif Iraan Cinaa Dhaabbatanii Gara Waraana Kanatti Seenuu Dhaban?
Jecha “Hiriyaa” ykn “Michuu” jedhu yeroo dhageenyu yeroo baay’ee akka michuu dhiyootti wal yaadna, yeroo rakkisaa keessattis battaluma sanatti akka michuutti wal yaadna. Garuu ji’oopoolitikaa( Geopolitics) keessatti “Michummaan” baay’ee adda.
Hariiroon Raashiyaa fi Chaayinaa fi Iraan gidduu jiru “Tumsa Tarsiimoo” (Strategic Partnership) malee akka NATO “Waliigaltee Wal Ittisa” miti. Kanaafuu, maaliif gara waraanaatti akka hin seenne yeroo ilaallu qabxiilee ijoo muraasa hubachuun barbaachisaadha:
Hariiroon Raashiyaa, Chaayinaa fi Iraan gidduu jiru siyaasa addunyaa keessatti “Mijataa Tarsiimoo” ykn “Tumsa Tarsiimoo” (Strategic Convenience) malee akka warra dhihaa (fkn, NATO) “Waliigaltee Wal Ittisa” (Mutual Defense Pact) miti.
Salphaatti yoo ilaalle, biyyoonni sadan kun akka “michoota gaarii” ta’anii osoo hin taane, akka “michuu daldalaa fi siyaasaa diina waloo ykn kaayyoo waloo qabanitti” wal ilaalu.
Biyyoonni sadanuu olaantummaa addunyaa Ameerikaa(Hegemony) hin jaallatan. Addunyaa Ameerikaan ol’aantummaa qabdu osoo hin taane addunyaa multipolar akka taatu barbaadu. Kanaaf Ameerikaa mormuuf gamtaa tarsiimoo ijaaraa jiru.
Hariiroon biyyoota sadan gidduu jiru bakka hedduutti qoodama:
• Raashiyaa fi Iraan (gamtaa ittisaa): Waraana Yukireen fi dhimma Baha Giddu Galeessaa irratti walitti dhiyeenyaan hojjetu. Meeshaa waraanaa (diroonii, misaa'ela) fi odeeffannoo ni qooddatu. Kun walitti dhufeenya walitti dhiyeenyaati.
• Chaayinaa fi Iraan (walta’iinsa dinagdee): Chaayinaan boba’aa Iraan bituu guddaadha. Iraaniif deeggarsa dinagdee fi bu’uuraalee misoomaa yeroo dheeraa (Belt and Road Initiative) waadaa galeera. Chaayinaan Iraan akka michuu tarsiimoo Baha Giddu Galeessaatti ilaalti.
• Raashiyaa fi Chaayinaa (power alliance): Lamaanuu humnoota addunyaati. Dhimmoota hedduu irratti walii galu, garuu yeroo tokko tokko dhiibbaa dinagdee (keessattuu Giddugaleessa Eeshiyaa keessatti) dorgomu.Gabaabumatti sababoonni gurguddoon akka armaan gadiitti gabaabsinee ibsuun ni danda’ama:
👉Rashiyaas ta'e Chaayinaan Ameerikaa waliin waldhabdee waraanaa kallattiin seenuu hin barbaadan. Biyyoonni lamaan humnoota niwukilaraa ti. Waraanni kallattiin biyyoota dhihaa waliin godhamu waraana niwukilaraa addunyaa irratti fiduu waan danda’uuf, kun isaaniifis ta’e addunyaaf balaa guddaa ta’a. Kanaaf, loltoota ofii waliin loluu irra, michoota isaanii (kan akka Iraan) dhoksaadhaan ykn karaa dippilomaasii deggeruu filatu.
👉Tasgabbiin daandii boba'aa fi daldalaa addunyaa Chaayinaa fi Raashiyaaf murteessaadha.
🇨🇳Chaayinaan:
Diinagdeen Chaayinaa daldala idil-addunyaa irratti kan hundaa’edha. Waraanni naannoo guutuu ta’e daandii daldalaa fi gatii boba’aa addaan kuta, kunis dinagdee Chaayinaa irratti miidhaa guddaa geessisa.
Chaayinaan yeroo ammaa dinagdee ishee cimsuu fi ejjennoo tarsiimoo Taayiwaan irratti qabdu eeguu irratti xiyyeeffattee hojjechaa jirti. Waraana Baha Afrikaa ykn Baha Giddu Galeessaatti lola erguun isaaniif dursa tarsiimoo miti.
🇸🇮 Raashiyaa:
Iraan waliin walitti dhufeenya cimaa qabaatus, dinagdeen Raashiyaas boba’aa fi gaazii irratti hirkata. Waraana osoo hin taane gabaa tasgabbaa'aa barbaadu.
Ammallee waraana Yukireen keessatti hirmaattee jirti. Waraana biraa fuula biraatiin jalqabuun qabeenyaafi humna waraanaa ishee waan danda’u caalaa ni dhangalaasa.
Raashiyaa fi Chaayinaan Ameerikaa fi Israa’el waldhabdee Iraan keessatti qabamanii akka dadhaban barbaadu turan. US osoo isaan keessa hin seenin qabeenya fi humna waraanaa ishee Baha Giddu Galeessaa irratti akka baastu gochuun dantaa tarsiimoo isaaniif ta’a. Kun ammoo US yaada ishee ni jeeqa.
Biyyoonni kun waraana keessa seenuu mannaa, waltajjii dippilomaasii addunyaa irratti (kan akka Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii) ejjennoo isaanii akka “giddu-galeessitoota” ykn “filannoo nagaa dhiyeessanitti” pirojekteessuudhaan kabaja idil-addunyaa isaanii ijaaruuf yaalu. Yoo waraana seenan garuu carraa kana dhabu.
Walumaagalatti Raashiyaa fi Chaayinaan “obsa tarsiimoo "Of eeggannoo dantaa ofii dursa kennu” (Strategic Patience) shaakalaa jiru. Iraaniif meeshaa waraanaa ykn deeggarsa siyaasaa kennuu danda'us, loltoota ofii kallattiin gara lolaatti hin ergan.
Odeeffannoo waqtaawaa fii dhugaa argachuu yoo barbaaddan Peejii kana godhuu hin Dagatinaa.
Madda Oduu Keessanii Godhadhaa!!

 Zikrii bareedduu Ajaaibaa
17/02/2026


Zikrii bareedduu Ajaaibaa

Sheik Juneydii Ahmed yaa rabii hajan too heduu takka keysaa akaan naa Jabadhuu.. Download the app → https://goliveindia.in/download

Hanga yoomiitti jiruufii jieenya keenya dhabnee gadda himachaa jiraanna.
17/02/2026

Hanga yoomiitti jiruufii jieenya keenya dhabnee gadda himachaa jiraanna.

Ergaa Hatattamaa.
Godina Harargee Bahaa Aanaa Araddaa Koraa, Daawwee, Daarimuu, faatti guyyaa har'aa lola jabaa Liyyuu Hayliin Soomaalii bifa haareyaan ummata keenyarratti bantee jirti.
Hanga sa'aa kanaatti waraana gaggeeffamaa jiruun Lubbuun nama tokko dabartee jirti kan waregame maqaan isaa
1. Firoomsaa Naasir Mohammed jedhama.
Kan madaawe immoo
2. Yaasiin Jamaal Husseen

Qabeenyi saamamees akkasumatti
Horii 160 yaafatanii jiru.

Kan wareegame ni Awaalanna!!
Kan madaawe ni wallaannanna!!
Qabsaawaan kufus Qabsoon itti fufa!!
Cinaaksan Cinaacha Oromoof Oromiyaati!!

Hadaraa Akka ummanni keenya ofin daganne share godhaa wal biraan geessisaa.

Ayyaantuu Ahmed

Badhaadhina kana namni akka harargee miskiina tiyyaa tanatti jaalatu numa hin jirre. Sirba haareya Abiy Ahmed Alif sirba...
16/02/2026

Badhaadhina kana namni akka harargee miskiina tiyyaa tanatti jaalatu numa hin jirre. Sirba haareya Abiy Ahmed Alif sirbame itti dhiyaadhaa.

Artist Abdii Moosisaa /Leenca Afrikaati Abiyyii/ new Ethiopian Oromo music ...

16/02/2026

Rakkoo Bulchiinsa Hararii

  Godina Harargee Lixaatti qaamni hin beekkamne bulchitoota aanoota lamaa konkolaataa daayinaatiin halkan Saftii uleen c...
09/02/2026


Godina Harargee Lixaatti qaamni hin beekkamne bulchitoota aanoota lamaa konkolaataa daayinaatiin halkan Saftii uleen cafaqaa fuudhanii deemaniin jedhamaa jira.

Qondaalonni kunis

Hassan Mahammad, Bulchaa Aanaa Odaa Bultum
Sufiyan Ahmad, Bulchaa Aanaa Habroo.

Hanga ammaa achi buuteen isaanii hin beekamne.

Oduu Aanaa Cinaaksan irraa Bulchaan haareyni Aanaa Cinaaksan obbo Abdunaasir Shek Mohammad kan jedhamu muudame  jira jac...
07/02/2026

Oduu Aanaa Cinaaksan irraa

Bulchaan haareyni Aanaa Cinaaksan obbo Abdunaasir Shek Mohammad kan jedhamu muudame jira jachuu wayta dhageenyutti hubannoo ummata Oromoof ibsuu barbaanne keessaa, Abdunaasir jechuun nama, kanaan dura hoggantoota naannoo Somaalii waliin ta’uun ummata Oromoo Cinaaksan irratti hojii basaasummaatin bobbahee, reebichaafi dararaa hammaataa ummata cinaaksan irraan gahaa tureedha. Akkasumas ummata “Shanee dha” jechuun yakkaa sobaa itti maxxansuun rakkoo nageenyaa uumaa ture.

Namni kun deeggarsa nageenyaaf ergame fayyadamuun, networkii hannaa godinaa hanga aanaatti diriirsuun qabeenya ummataa fi mootummaa saamuu keessatti hirmaataa ture jedhamee beekama.

Haala kanaan namni akkasii guyyaa har’aa muudamuun isaa waan baay’ee nama ajaa’ibsiisuudha. Kanaaf, muudamni kun Aanaa Cinaaksanitti nageenya akka fiduf osoo hin taane rakkoo haarayatti akka babbal'isuuf tahuu akeeka.

Ummanni Oromoo hundi haala kana beekuun akka hubattan isin beeksifna.




07/02/2026

Rakkoo Aanaa Cinaaksanitti uumamaa jiruuf Raayyaan ittisa biyyaa tarkaanfii fudhachaa jiraachuun himame.

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kenya Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share