Media Sagalee Qabsoo

Media Sagalee Qabsoo 𝗠𝗘𝗗𝗜𝗔 𝗦𝗔𝗚𝗔𝗟𝗘𝗘 𝗤𝗔𝗕𝗦𝗢𝗢 is the independent voice of media for news, Entertainments, cultures, Travel, Musics, Educations, Events and all Life of our peoples.

Hubannoof:-IBSA GABAABAA WAA'EE GAMTAA BRICS!1. BRICS jechuun maal jechuudha?Deebii:BRICS jechuun garee biyyoota guddach...
12/09/2026

Hubannoof:-
IBSA GABAABAA WAA'EE GAMTAA BRICS!

1. BRICS jechuun maal jechuudha?

Deebii:
BRICS jechuun garee biyyoota guddachaa jiran kanneen dhimma dinagdee, siyaasaa, daldalaa, misoomaa fi tumsa addunyaa irratti waliin hojjetan dha. BRICS jalqabarratti maqaa biyyoota Brazil, Russia, India fi China irraa “BRIC” jedhamee waamama ture; South Africa erga itti makamee booda “BRICS” ta’e.

2. BRICS yoom hundeeffame?

Deebii:
BRIC akka garee biyyootaatti bara 2006 hojii isaa jalqabe. Walga’iin hooggantoota biyyoota BRIC jalqabaa immoo bara 2009, Yekaterinburg, Russia keessatti gaggeeffame. South Africa bara 2011 keessatti itti makame.

3. Maaliif BRICS hundeeffame?

Deebii:
Kaayyoon isaa inni guddaan biyyoota Global South jedhaman sagalee isaanii dhaggeessisuu, tumsa isaanii cimsuu fi sirna bulchiinsa addunyaa keessatti hirmaannaa fi madaallii caalaa bal’aa fiduu dha. BRICS forum siyaasaa fi dippilomaasii biyyoota Global South ta’ee hojjeta.

4. BRICS dhaabbata waraanaa dhaa?

Deebii:
Lakki. BRICS NATO fakkaatu, kan waliigaltee waraanaa qabu miti. Inni caalaatti tumsa siyaasaa, dinagdee, daldalaa, misoomaa, teeknooloojii fi dippilomaasii irratti xiyyeeffata.

5. BRICS keessatti biyyoonni meeqatu jiru?

Deebii:
Akka odeeffannoo BRICS bara 2026tti, miseensonni guutuun 11 dha: Brazil, Russia, India, China, South Africa, Egypt, Ethiopia, Iran, United Arab Emirates, Saudi Arabia fi Indonesia.

6. Itoophiyaan BRICS keessa jirti jechuun maal jechuudha?

Deebii:
Itoophiyaan miseensa BRICS ta'uun, biyyoota guddachaa jiran waliin haala dinagdee, daldalaa fi dippilomaasii irratti tumsa bal’aa gochuuf carraa argachuu jechuu dha. Akkasumas sagalee Itoophiyaa mariiwwan sadarkaa addunyaatti taasifaman keessatti cimsuu danda’a.

7. BRICS’n dinagdee irratti maal gochuu barbaada?

Deebii:
Biyyoonni miseensa BRICS ta’an daldala fi invastimantii waliinii guddisuu, walitti hidhamiinsa dinagdee cimsuu, akkasumas biyyoota guddachaa jiranitti maallaqa misoomaa argamsiisuu irratti hojjetu.

8. Baankii BRICS jechuun maal?

Deebii:
Baankiin isaa New Development Bank (NDB) jedhama. Bara 2015 biyyoota BRICS hundeessan—Brazil, Russia, India, China fi South Africa—tiin hundeeffame. Kaayyoon isaa bu’uuraalee misoomaa fi pirojektoota misooma itti fufiinsa qabuuf maallaqa qopheessuu dha.

9. NDB’n maal fa’iif maallaqa kennuu danda’a?

Deebii:
Fakkeenyaaf, daandii, humna ibsaa, bishaan, geejjiba, misooma magaalaa, teeknooloojii fi pirojektoota naannoo irratti maallaqa misoomaa mobilize gochuu danda’a.

10. BRICS Itoophiyaaf faayidaa maalii qaba?

Deebii:
Faayidaaleen isaa keessaa:

💰 Invastimantii fi maallaqa misoomaa argachuuf carraa

🤝 Biyyoota akka China, India, Russia fi Brazil waliin tumsa dinagdee cimsachuu

🌍 Daldala addunyaa keessatti carraa bal’achuu

🏗️ Pirojektoota bu’uuraalee misoomaa deeggaruu

💻 Teeknooloojii fi beekumsa waliin qoodachuu

🗣️ Mariiwwan addunyaa keessatti sagalee Itoophiyaa cimsachuu

🌐 Biyyoota Global South biroo waliin hariiroo cimaa uumuu

11. BRICS'n doolaara Ameerikaa bakka buusuuf hundeeffameeraa?

Deebii:
Akka salphaatti “BRICS’n doolaara bakka buusa” jechuun sirrii miti. Garuu biyyoonni BRICS daldala fi faayinaansii keessatti filannoowwan adda addaa fi fayyadama maallaqa biyyaalessaa guddisuu irratti marii fi tumsa qabu. Kanaaf, dhimma “doolaara qofa irratti hirkachuu hir’isuu” jedhu BRICS keessatti mari'atamu keessaa tokko dha.

12. BRICS’n biyyoota miseensa isaa qofaaf faayidaa qaba?

Deebii:
Lakki. NDB fakkeenya guddaa dha. Baankichi biyyoota miseensa BRICS qofaa osoo hin taane biyyoota guddachaa jiran biroofis pirojektoota misoomaa irratti maallaqa mobilize gochuu irratti hojjechuu danda’a.

13. BRICS fi G7 gidduutti garaagarummaan maal?

Deebii:
G7 irra caalaa biyyoota dinagdee guddaa fi industirii cimaa qaban kanneen akka US, Canada, Japan fi biyyoota Awurooppaa muraasa walitti qaba.
BRICS immoo biyyoota Global South fi guddachaa jiran hedduu walitti fiduun madaallii fi hirmaannaa caalaa bal’aa sirna addunyaa keessatti barbaada.

14. BRICS’n maal irratti xiyyeeffata?

Deebii:
Xiyyeeffannoo isaa keessaa:

Dinagdee → Daldala → Invastimantii → Misooma → Teeknooloojii → Siyaasa → Dippilomaasii → Fayyaa → Barnoota → Enerjii → Tumsa biyyoota Global South.

15. BRICS’n Itoophiyaaf carraa qofa moo qormaataas qaba?

Deebii:
Lamaan qaba. Carraan isaa guddaan invastimantii, daldala, misooma fi hariiroo addunyaa bal’isuudha. Garuu faayidaa sana argachuuf Itoophiyaan imaammata dinagdee ifa ta’e, dhaabbilee cimaa, daldala qindaa’aa fi pirojektoota invastimantii hawwatan qabaachuu qabdi.

16. Gabaabumatti BRICS maal dha?

Deebii:
BRICS jechuun biyyoonni Global South fi guddachaa jiran sagalee isaanii cimsachuuf, dinagdee fi daldala isaanii guddisuuf, akkasumas sirna addunyaa keessatti tumsa fi hirmaannaa isaanii babal’isuuf waliin hojjetan garee biyyootaa dha.

🎙️ Gaaffii xumuraa:

“BRICS’n Itoophiyaaf maal jijjiiruu danda’a?”

Deebii:
Yoo sirriitti itti fayyadame, BRICS’n Itoophiyaaf invastimantii, daldala, maallaqa misoomaa, teeknooloojii fi hariiroo addunyaa babal’isuuf carraa guddaa ta’uu danda’a. Garuu bu’aan isaa ofumaan hin dhufu; Itoophiyaan carraa BRICS gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruu qabdi.

Kabajamoo Prezidaantii Galatoomaa!Peresidaantin Keenniyaa Dr   Ruuttoon du'a Abbaa Gadaa Booranaa ilaalchisee Maatii Abb...
11/09/2026

Kabajamoo Prezidaantii Galatoomaa!

Peresidaantin Keenniyaa Dr Ruuttoon du'a Abbaa Gadaa Booranaa ilaalchisee Maatii Abbaa Gadaa Liiban Jaldeessaatiif gadda guddaa itti dhagahame ibsachuun deeggarsa maatiif Shiliingi Keenniyaa Miliyoona tokko tahu qarshii Itoophiyaatiin gara milyoona fi kuma dhibba 4 oliitti dhihaatu karaa Diidoo Alii Rasootin ergani jiru.
Finfinnee fi Naayiroobbiillen teenyuma!

11/03/2026

🔥 . Iraan🇮🇷
Kibba Iraaq magaalaa Basraa buufata doonii Umm Qasr naannoo buufata doonii Ummu Qasr jedhamutti dooniin boba'aa Ameerikaa🇺🇸 tokko ibiddi itti gubachaa jira.

Odeeffannoon haarowni akka isin dhaqqabuuf fi godhaa.

16/02/2026

Rakkoo Bulchiinsa Hararii

  Godina Harargee Lixaatti qaamni hin beekkamne bulchitoota aanoota lamaa konkolaataa daayinaatiin halkan Saftii uleen c...
09/02/2026


Godina Harargee Lixaatti qaamni hin beekkamne bulchitoota aanoota lamaa konkolaataa daayinaatiin halkan Saftii uleen cafaqaa fuudhanii deemaniin jedhamaa jira.

Qondaalonni kunis

Hassan Mahammad, Bulchaa Aanaa Odaa Bultum
Sufiyan Ahmad, Bulchaa Aanaa Habroo.

Hanga ammaa achi buuteen isaanii hin beekamne.

Oduu Aanaa Cinaaksan irraa Bulchaan haareyni Aanaa Cinaaksan obbo Abdunaasir Shek Mohammad kan jedhamu muudame  jira jac...
07/02/2026

Oduu Aanaa Cinaaksan irraa

Bulchaan haareyni Aanaa Cinaaksan obbo Abdunaasir Shek Mohammad kan jedhamu muudame jira jachuu wayta dhageenyutti hubannoo ummata Oromoof ibsuu barbaanne keessaa, Abdunaasir jechuun nama, kanaan dura hoggantoota naannoo Somaalii waliin ta’uun ummata Oromoo Cinaaksan irratti hojii basaasummaatin bobbahee, reebichaafi dararaa hammaataa ummata cinaaksan irraan gahaa tureedha. Akkasumas ummata “Shanee dha” jechuun yakkaa sobaa itti maxxansuun rakkoo nageenyaa uumaa ture.

Namni kun deeggarsa nageenyaaf ergame fayyadamuun, networkii hannaa godinaa hanga aanaatti diriirsuun qabeenya ummataa fi mootummaa saamuu keessatti hirmaataa ture jedhamee beekama.

Haala kanaan namni akkasii guyyaa har’aa muudamuun isaa waan baay’ee nama ajaa’ibsiisuudha. Kanaaf, muudamni kun Aanaa Cinaaksanitti nageenya akka fiduf osoo hin taane rakkoo haarayatti akka babbal'isuuf tahuu akeeka.

Ummanni Oromoo hundi haala kana beekuun akka hubattan isin beeksifna.




07/02/2026

Rakkoo Aanaa Cinaaksanitti uumamaa jiruuf Raayyaan ittisa biyyaa tarkaanfii fudhachaa jiraachuun himame.

Xoophiyaan impaayara moo impaayaraa miti?Akka warri qabsoo 70mootaa keessatti hirmaate himanitti bara 1973 keessa waan b...
05/02/2026

Xoophiyaan impaayara moo impaayaraa miti?

Akka warri qabsoo 70mootaa keessatti hirmaate himanitti bara 1973 keessa waan booda sagantaa siyaasaa ABO taye bareessanii irratti mari'achuu eegalan. Gaafas sirni impaayara Xoophiyaa (Ethiopian Empire) ni jira ture. Wixinee mariif dhihaate san keessa Xoophiyaan impaayara tawuutu jira.

Bara 1974 jijjiirama tayeen bu'ura sirnnichaa kan taye sirni feudalism kufee, mareet le araashiin labsamuu, sirni gabbaar ( the abolishing of the gabbar land tenure system) Amantaan Ortodooksii amantaa biyyaa (state religion) tawuun hafee impaayarichi gaafa koministoota abbaa irreen bakka buufamu warreen bara 1973 sirna impaayaraa keessatti wixinee qopheessan gaafa 1974 jijjiirraan guddaan (biggest socio-political change) taasifame odoo xiixalanii yaada keessan galchin kufaatii impaayarichaa boodas Xoophiyaan impaayara jechaa kominstootaa abbootii irree angoo harkaa qabaachaa turaan odoon taanee impaayara du'ee boolla ciisu akka diinatti himachaa turan.

Gaafa bara 1991 keessa fdmedereeshinni sab-daneessaa ABO'n wixinee isaa qopheessuu keessatti qooda leencaa qabaachaa ture, kan xiqqaattus guddattus mootummaan naannoo Oromia akka ijaaramu godhe, kan Afaan Oromo Oromiiyaa keessatti Afaan hujii akka tawu godhe, kan joolleen Oromoo Afaan ufiitiin akka barattu taasise kan akkasumattimmas mana murtii fii waajjira poolisii deemee namni simaa baloo malee akka rakkoo isaa himatu taasise booda ammas impaayara jechuu itti fufan.

Bara 2018 booda jijjiirama tayeen Ministerrii mummee Afaan Oromo dubbattuu fii Oromummaa himatu erga gama taaytaa geggeessummaa biyyattii dhufe, angoon Humna waraanaa, nageenyaa fii qilleensaa Oromo harka gale, kan ajajoota waraanaa sadarkaan keessaa 80% oromoo harka gale, ministeera dhimma alaa fii diinaggee akkasuma mootummaa keessatti bakkoonni qulfiin Oromoo dabalatee saboota kibbaa harka jiran ammas Xoophiyaan impaayara jechuu itti fufan.

Impaayara Afaan qawweetin biyya teenya qabate afaan qawweetin balleessina waan je'uun ummata kakaasuu barbbaadan. Dogoggora kaleessarraa barachuuf qopheen hin jiru. Bara 1974 jijjiirama taye booda wixineen isaa waa'ee impaayaraa irratti xiyyeeffatu odoo xiixalamee hin fooyya'in raggaasimee sirna angoo harkaa qabuu dhiifnee isaa du'ee boolla ciisu himataa baane.

Bara 1991 keessa jijjiirama taye kan ufii keessatti hirmaanne boodas waan adeemsa itti'aanuf tawurratti odoo mariin xiqqaan tokkolleen hin taasifamin impaayara du'ee boolla himachuu keenya itti fufne. Bara 2018 boodas kan taye kanuma.

Humna fiinxaalessitootaaf tumsanii dhaabbachuu

Finxalessitoonni sirna kaleessaa (Empire) deebisanii dhaabuu kaayyoo qabsoo isaanii tawuu ifatti labsachaa jiran, Masaraan Menelik dhaalmaa abbaa keenyaatii Oromoo keessaa baafnee galma abbaa keenyatti deebina je'anii labsatan waliin tumsa ijaarrannee jarra wajjiin masaraa mootummaa seenee Oromoo bilisoomsina warra je'u kan humnoota impaayara deebisanii dhaabuu barbbaadan wajjiin hiriire, kan warra ilaalcha impaayaraatiin masakamu wajjiin dhaabbatu moo Abiy fa'aatu impaayara.

Warri Xoophiyaan impaayaraa impaayara irratti geggeessina je'u irrallee kan ilaalcha impaayara qaban tawuu dhaloonni kun sirritti hubatuu qaba.

Erga akkana jenne mootummaa bilxiginnaa kanaan maal jenna ree?

Mootummaa kana jalatti dhugaan badee ummanni murtii haqaa dhabee milishaan tumamaa fii ajjeefamaa, saamamaa jira. Korraabshinni sirnoota dabran kamirrallee caalaa babal'ataa jira. Jireenyi qaala'ee namni karaa gubbatti yaa'ee kadhataa jira. Paartilleen mormitootaa deemanii waajjira bakka adda addatti banatanii duula na filadhaa geggeessuu hin dandayan. Sab-qunnamtiin mootummaan too'ataman itti gargaaramuu kan danda'u mootummaa qofa.

Haala akkanaa kanatti mootummicha kanaan jechuu kan dandeessu mootummaa abbaa irree ti. Kana godhuu kan dandeessu gadi teessee sagantaa siyaasaa kee keessa deebitee laaltee warra du'ee qabrii jiru (impaayara) odoon taane warra ardha biyyattii bulchaa jiran rakkoo isaan qaban beeytee irratti qabsaawuu si feesisa.

Dhiibaa raasaa
Dhiibaa bobbaasaa
Horaa bulaa
Obbo Naasir Kaliil ykn Abba Malka
Hayyuu Seenaa Addunyaa hedduu Galatoomaa.

05/02/2026

Bulchiinsi Hararii kan wayyaaneen lafa Oromoo irratti hundeessite Har'allee diina Oromooti.

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Media Sagalee Qabsoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share