Qanqee Dhaloota qubee 21

Qanqee Dhaloota qubee 21 Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Qanqee Dhaloota qubee 21, Media/News Company, Addis Ababa.

10/04/2024

Bara dhufaa darbaa keenya boyichaa silaa 😭😭

Atillee obbaafattetta
Dhiphinaafi gidiraa
Kabajaan dhaqxee teessa
Gootota akka kee bira!
Lubbuun kee qulqullittiin
Yoo bakka dhugaa geessu
Gidiraa dachee Oromoo
Hin agartu - hin dhageessu!

Ajjeechaatti shaakallee
Du’aa - kolfuutti kaane
Ofiif boonya Battee koo
Kan warra ‘araamuu’ taane!
Ganama ‘RIP’ jenna
Galgala sirbi jenna!
Qaaliin nu keessaa harca’e
Qe’een onaa nu ta’e…
Bullee dhugaa hin gaafannu
Duunee gumaa hin baafannu!

Atillee haara-galfatta
Bakka dhugaa dhaabattee
Kan bor waan taanu hin beekne
Ofiif boonya yaa Battee!

06/04/2024

Yakkamtoota barbaadaman
~
1, Kaffiyaaloo Tufaa Yaadetaa
Teessoo
Finfinnee Kutaa Bulchiinsa Magaalaa Laaftoo Jamoo 2ffaa (Koondominiyeemii)
Lak. Bilbilaa 0911267335/0929078503

2, Urgeessaa Tuujjoo
Tesssoo Finfinnee Galaan
Lak. bilbilaa 0913389617

3, Gadaa Birmajjii (maqaa Feecbook) Ayyaansaa Hirkoo.
Bakki dhalootaa Shawaa lixaa.
Teessoo Buraayyuu
Lak. 091220473

4, Abbichuu Nagaasaa
TeessooFinfinnee Sulultaa
(Dandi Studio)
lak. bilbilaa 091 327 0202

5, Nagaa Jaallataa
maqaan isaa sirrii Nagaraa Jaallataa
Hojjetaa bankii hojii gamta Oromiyaati.
Teessoo Boolee buufata Xiyyaaraa baankii Seensa irra jiru keessa hojjata.
Majilisa Oromiyaa የኦሮምያ መጅሊስ Oromia majlis
Share godhaa

maddi Odeeffannoo Daraartuu Tulluu

Alamdulilaah Yaa Rabbii
05/03/2024

Alamdulilaah Yaa Rabbii

22/02/2024

GORSA GABAABAA

1. Hin yaadin akka malee!

2. Hin aarin obsi malee!

3. Hin abaarin gorsi malee!

4. Hin boo'in kolfi malee!

5. Hin jarjarin hubadhu malee!

6. Hin jaallatin qorattu malee!

7. Hin amanin jaaladhu malee!

8. Hin jibbin sababa malee!

9. Hin barreessin beektu malee!

10. Hin odeessin argitu malee!

11. Hin sodaatin dubbadhu malee!

12. Hin sobin dhugaa malee!

13. Hin taa'in hojjedhu malee!

14. Hin dhabin argadhu malee!

15. Dubbiftee hin dhiisin share gootu malee!

Baga Rabbiin Nagadhaan Achiin Isinni Gayee Hundaa keessaa
31/01/2024

Baga Rabbiin Nagadhaan Achiin Isinni Gayee Hundaa keessaa

12/01/2024

Hiika Alaabaa Oromoo(ABO)

Hiika Alaabaa Oromoo(ABO)
========
Alaabaan Oromoo gatii fi wareegama qaalii gootonni Oromoo baasaniin har’a ga’e. Alaabaan Oromoo(ABO) Kun irraa fi
jalaan diimaa, gidduun isaa magariisa, walakkaan isaa aduu,
handhuurri isaa odaa gara oliin urjii diimtuu kan qabudha.

1.Diimaan Moggaa Lamaanii maal ibsa?
Dhiiga uummanni Oromoo bara dheeraaf cunqursaa fi bilisummaa gonfachuuf dhangalaasee fi dhangalaasaa jiru ibsa.

2) Magariisni gidduu jiru’oo?
Badhaadhummaa fi taadhummaa Oromiyaa ibsa.
Aduu
Fakkii Bilisummaati.
Odaan
Sirna Dimookraasii Gadaa uummata Oromoo, jaalalaa fi kabaja
Oromoon uumaa naannootiif qabu kan agarsiisuudha.
3) Urjii Diimtuu
Qara shan kan qabu ta’ee hiikkaan isaas Qabsoo uummanni
Oromoo Nagaa, Dagaagina, Bilisummaa, Dimookiraasaa fiTokkommaa isaaf godhu kan mullisuudha.

Jaallachuu qofa osoo hin taane hiika isallee beekuun,akkasuma wal barsiisuun dirqama Oromoo maraa ta’uu qaba.

30/08/2023

🎉🎉🎉🎉🎉

30/08/2023
11/12/2022

Ilmaan biyya USA magaalaa Waashingitenii fi naannoo ishee jiraatan duguuggaa sanyii Oromoo irratti raawwachaa jiru mormuu waamicha hiriiraa taasisan.

OMT- Muddee 11,2022 Ilmaan Oromoo biyya ambaa jiraatan gocha duguuggaa sanyii tumsa murna bilxiginnaan uummata Oromoo irratti finxaaleyyii Amaaraa fi waraana faashistii Abiy Ahimediin raawwachaa jiru mormuuf hiriira mormii waamuu itti fufanii jiru.

Lammiilee Oromiyaa nagaan dhabuun biyyaa isaanii fi duguugamuun saba isaanii irriba isaan dhorke kanneen biyya USA magaalaa Waashingitenii fi naannawaa ishee jiraatan Kibxataa fi Roobii dhufu Muddee 13 fi 14 fuuldura waajjira mootummaa Ameerikaa fi waajjiraalee idil addunyaa dhaabbachuu duguuggaa sanyii ta'e jedhee murna bilxiginnaa fi deggertoota isaan geggeeffamaa jiru balaaleffachuuf waamicha taasisanii jiru.

Hiriira kanaanis balaaleffannaa gocha taasifamaa jiruun cinaatti mootummaan Ameerikaa murna bilxiginnaa lammiilee Oromoo lafa irraa haxaa'aa jiruuf deggersa diinagdee akka hin goonee, dhiibbaa akka irraan geessuu fi gaaffiilee hedduu ni gaafatu jedhamee eegama.

Hiriirri kun biyyoota ambaa garaagaraa keessatti ta'aa turuu koreen qindeessituun kaasuun fuula duras hiriira jabaa bakka Oromoon jiru cufatti akka geggeeffamus kallattii akeekaniiru.

08/12/2022

Hidhattootni Faannoo magaalaa Angar Guuteetti dhalattoota Tigiraay 52 qofaatti adda baasuun qarqara magaalaatti rashananii jedha jiraataan magaalichaa.

Akka namni OMT magaalaa Guttin irraa dubbise himutti, Sadaasa 4, 2022 haleellaa humnootni faannoofi hidhattootni Amaaraa Angar Guuteetti raawwataniin qaamolee mootummaa poolisii humna addaa dabalatee ilmaan Oromoo qofti, magaalittii keessatti 181 oltu ajjeefame.

Ajjechaa haala suukkanneessaatiin raawwatame kana keessaa dhalattooni Tigraay 52 ammoo haala hedduu nama gaddisiisuun, qarqara magaalaatti geeffamanii erga ajjeefamanii booda reeffi isaanii abiddaan gubamee itti sirbamaa turee jedha jiraataan magaalaa Guttin.

Dhumarra hawaasa Oromoo duguuggaarraa hafetu waan qabu qabatee ba'uun, humna faannoofi hidhattoota Amaaraa qolachuun reeffa dhalattoota Tigraay ajjeefamaniirraa abidda dhaamsee bakka tokkotti awwaalee jedha maddi keenya.

Magaalaa Angar Guutee keessatti baayyinni namoota haleellaa humnoota faannoofi hidhattoota Amaaraatiin ajjeefaman 240 ol akka ta'aan jiraataan magaalichaa OMT-tti himeera.

Poolisii humna addaa, hojjetoota mootummaafi qonnaan bulaa Oromoofi dhalattoonni Tigiraay ajjechaa sabummaa irratti xiyyeeffateen akka baalaatti harca'aa jiru jedha.

Ammas haalli magaalaa Angar Guutee jiru hedduu ulfaataa ta'uufi lolli jabaan baadiyyaa Angar Guutee keessatti godhamaa jiraachuu himaniiru.

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Qanqee Dhaloota qubee 21 posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Qanqee Dhaloota qubee 21:

Share