20/01/2021
HIIKA MAQAA COVID-19
•••
Maqaan COVID-19 jedhu hiikni isaa "Certificate Of Vaccination ID/Identification" jechuu yeroo ta'u lakkoofsi 19 qubee "AI" bakka bu'a. "AI" jechuun "Artificial Intelligence" jechuudha. Walitti qabnee maqaa kana yeroo waamnu COVID-19 jechuun "Certificate Of Vaccination ID-Artificial Intelligence" jechuudha.
"CORONA" maqaan jedhu qubee 6(ja'a) qaba. Lakkoofsa qubeewwan maqaa kanaas yeroo herregnu C=3, O=15, R=18, O=15, N=14, A=1 =66 ta'a. Qubee maqaa kanaa fi lakkoofsa qubee maqaa kanaa yeroo walitti idaanu 6+66 =666 dhufa.
COVID (Certificate Of Vaccination ID) kan jennu maqaa vaayiresii koroonaatiin gubaa bineensichaa (Mark Of the Beast) kannamaa jiruuf, kennamuuf jiru ta'ee Waraqaa Ragaa Madiinummaa, To'annaa Digitaalaa, Hawaasa Nam-tolchee fi Maallaqa Maleeyyii (Immunity ID ("Certificate of Vaccination"), Digital Surveillance and Cashless Society) jedhamuun beekama.
"Certificate Of Vaccination" jechuun mirkaneessa maqaa koroonaatiin talaallii kennamu "MicroChip Implant" dha. Nama talaallii kana fudhate hundumaaf Waraqaa Eenyummeessaatu kennamaaf. Waraqaan Eenyummeessaa kennamu kun "Immunity ID" jedhama. Kana jechuun Waraqaa Ragaa Madiinummaa jechuudha. Waraqaan Ragaa Madiinummaa kun Waraqaa Eenyummeessaa namni kamuu ittiin addunyaa haaraa Seexanni ijaaraa jiru kana keessa ittiin jiraachuu danda'uu dha. Eenyummeessaan kun dhaqna eenyummaa Kristoosiin ganee kan bineensichaa ofitti fudhate jechuudha. Waraqaa Eenyummeessaa kana nama dhiiga isaa keessaa hin qabne bineensichi addunyaa kana keessaa ariiyachuuf akka jiru Macaafni Qulqulluun nutti hima.
“Kana gochuun isaas namni gubaa bineensicha isa duraa, isa maqaa isaa yookiis lakkoobsa maqaa isaa argisiisu of irraa yoo qabaate malee, bituus gurguruus akka hin dandeenyeef.”
— Mul. 13:17
"Artificial Intelligence" jechuun meeshaa teekinooloojii (Roobootii) nama uumamaa ta'uu baatus akka dhala namaatti yaadu, hojjetu fi waan dhalli namaa raawwatu kamu bifa saffisaa fi ammayaa'aa ta'een hojjetudha...