Haqa-Baas Media

Haqa-Baas Media Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Haqa-Baas Media, Media/News Company, diredawa, Addis Ababa.

Kooriyaan Kaabaa qondaala Kooriyaa Kibbaa ajjeestee gubde jedhamteef dhiifama gaafatteHoggaanaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Jo...
25/09/2020

Kooriyaan Kaabaa qondaala Kooriyaa Kibbaa ajjeestee gubde jedhamteef dhiifama gaafatte
Hoggaanaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-un qondaallii Kooriyaa Kibbaa ajjeefamuusaatiif dhiifama gaafachuusaanii biiroon pirezedantii Kooriyaa Kibbaa beeksise.
Kiim Jong Un gitasaanii kan Kooriyaa Kibbaa, Muun Jayi-in ajjeefamuun hin qabu ture, waan jibbisiisaadha jchuun dhiifamas gaafatan.
Kooriyaan Kibbaa akka ibsiteetti, namtichi umrii ganna 47 gara biyya ollaa Kooriyaa Kaabaatti miliquudhaaf bidiruun waan imalarra jiruu se'anii, loltoonni Kooriyaa Kaabaa qaama bishaani biyyasaanii keessatti argan.
Sana booda rasaasaan rukutanii ajjeessuun reeffasaatti ibidda qabsiisaan jetti Kooriyaan Kibbaa.
Kooriyaa Kaabaa koronaavaayirasiin akka biyyattii hin seenne ittisuudhaaf namoonni daangaa qaxxaamuruuf yaalaan akka rasaasaan rukutamanii du’an imaammata baafattee qabdi.
Kiim dhiifama kan gaafatan xalayaa gitasaanii pirezedantii Kooriyaa Kibbaa Muun Jeyi –in erganirratti ibsan.
Kooriyaan Kaaba ta’ii kanarratti ibsa bal’aa kennite, rasaasni 10 gara namticha ajjeefametti dhukaafamun ibsameera.
Reeffii namticha bishaaniirra bidiruun otoo imaluu ajjeefame akka hin gubanne, garummoo waanta inni ittiin imalaa ture gubuu Kooriyaan Kaabaa ibsiteetti BBC Afaan oromoo

Pirezedantiin Afrikaa Kibbaa siidaan appaartaayidiif dhaabame akka buqqifamu ajajan******Pirezedantiin Afrikaa Kibbaa Sa...
25/09/2020

Pirezedantiin Afrikaa Kibbaa siidaan appaartaayidiif dhaabame akka buqqifamu ajajan
******
Pirezedantiin Afrikaa Kibbaa Saayiriil Ramafoosaan biyyasaanitti siidaan sirna appaartaayidii ol qabanii leellisuuf dhaabame akka buqqa’u ajaja dabarsan.
‘’Mallattoon,siidaan ykn gochii qoodinsa sanyummaa biyyattii keessa ture leellisu, dimokirasii Afrikaa Kibbaa keessatti iddoo hin argatu’’ jedhan Ramafoosaan.
‘’Siidaan sirna addaan nu qoqqoode ol kaasee agarsiisuuf dhaabame buqqa’ee iddoo biratti darbarfamu qaba’’ jedhan kaleessa guyyaan heddummina aadaa biyyatti wayita ayyaaneffatamaa turetti kana dubbatan.
Ramafoosaan siidaan kun buqqifamuun akka seenaa haquutti hin ilaalamu ,uummata biyyatti hundii jiruu keessa darbe keessatti kan yaadatamu jedhan.
Kana buqqisuu keenyaattiis dhiifama hin gaafannuu,sababni isaammoo kaayyoon keenya biyya tokkummaa qabdu ijaaruudha’’jedhan.
Duulli siidaan namoota sirna appartaayidii keessatti beekamanii akka buqqa’uu guddachaa dhufeera, keessattuu lammilee gurraachotni biyyatti akka buqqa’u barbaadu.
Suuraa;Getty Images

Address

Diredawa
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Haqa-Baas Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share