04/06/2026
Hojii Suphaa Rawwachuuf Dhiyeessii Anniisaa Elektirikii Addan Citu (plan interruption)
Guyyaa boruu Caamsaa 27, 2018 A.L.I. hojii suphaa raawwachuuf jecha bakkeewwan armaan gaditti ibsamanitti dhiyeessiin anniisaa elektirikii kan addaan citu ta’a:-
⏰ Ganama sa’aatii 2:00 irraa hanga 12:00-tti
👉 Adaamaatti, naannoo Qorqorroo Adaamaa.
⏰ Ganama sa’aatii 2:00 irraa hanga 11:00-tti
👉 Adaamaatti, Warshaa Feexilaa Adaamaa, Warshaa Uffata “Raidress” fi Warshaa ‘Ahwaan’
⏰ Ganama sa’aatii 2:30 irraa hanga 9:00-tti
👉 Adaamaatti, Awaash Malkaasaa irraa gara Aduulaalaa fi Aroriitii sarara deemu.
⏰ Ganama sa’aatii 2:30 irraa hanga 7:00-tti
👉Finfinneetti, Askoo Gabre’eel, Saansuusii, Iyyaasuu Minc, Kondominiyeemii Birciqqoo, Kattaa warshaa Daakuu Aafiyaa.
⏰ Ganama sa’aatii 3:00 irraa hanga galgala sa’aatii 4:00tti
👉 Finfinneetti, Warshaa Uffata Ho’aa KK, Kondominiyeemii Qilinxoo, Mana Sirreessaa qilinxoo, Yuunivarsiitii Astuu fi Mandara Industirii, warshaa Biiraa Waaliyaa.
⏰ Ganama sa’aatii 6:00 irraa hanga 9:00-tti
👉 Finfinneetti, Safara Silxee fi Kondominiyeemii Ajaambaa.
⏰ Waaree booda sa’aatii 7:00 irraa hanga 11:00-tti
👉Finfinneetti, Shegolee Gaaraajii Anbassaa, Shegolee Mandara-7, Finaansii, Dirree Kubbaa miilaa Abbabaa Biqilaa, Massaalamiyaa.
⏰ Waaree booda sa’aatii 7:30 irraa hanga 10:30-tti
👉 Naannoo Tigraayitti, Shirree Edegaa Arbii fi Maay Qantaal jedhamuun iddoowwa waamamanitti kan adda citu ta’a.
Kanaafuu, maamiltoonni keenya iddoowwan ibsananii fi naannawaa sanatti argamtan hojiin suphaa hanga xumuramutti obsaan akka nu eegdan kabajaan isin gaafanna.
Galatoomaa! ⚡️🙏🏻