12/08/2026
Eebbisaan Addunyaa, maqaa seenaa qabsoo fi aartii Oromoo keessatti qubee warqiin barreeffamee bara baraan ifu dha. Inni urjii wallee warraaqsaa, kan sagalee isaa onnee namaa raasuun saba isaa dammaqsee, hamilee diinaa laaffisedha. Wareegamni isaa hanga har'aatti ummata Oromoof madaa sammuu fi dhukkubbii onnee ta'ee hafeera.
Dhiirri waan itti amaneef duโa. Seenaan goototaa kan barreeffamu aarsaa lubbuu isaan kaffalaniini. Eebbisaan dhiira dhugaa waan itti amaneef kutatee du'e dha. Akkuma goota keenya Hacaaluu Hundeessaa (Hacee), Eebbisaanis kutataa, sodaa kan hin beeknee fi murataa ture. "Duuti dhiiraa takka" jedhee, haqa saba isaatif jecha of wareege. Gootni fooniin dacheetti deebi'a, seenaan isaa garuu dhalootaa gara dhalootaatti darbee jiraata.
Magaalaan Finfinnee dhiiga gootota keenyaa hedduu dhugdee jirti. Guyyaan Eebbisaan handhuura Oromiyaa, Finfinnee keessatti wareegamee loltoonni Wayyaanee reeffa isaa bifa suukanneessaa ta'een lafarra harkisan, saba Oromoo hundaaf guyyaa onneen cabdee fi aariin lafee keessa seenee ture. Diinni reeffa isaa lafarra harkisuun hamilee ummataa cabsuu fi sodaa uumuu yaadus, faallaa kanaa onnee dhalootaa keessatti ija-jabina, kutannoo fi jibba hacuuccaa daran guddise. Reeffa isaa lafarra harkisan malee, maqaa fi seenaa isaa samii irra ol baasan.
Goota akkanaa, kan saba isaaf dhiiga isaa lafaan gaheef kabajni guddaan kennamuu qaba. Eebbisaa Addunyaatiif siidaan gootaa Magaalaa Finfinnee keessatti dhaabbachuu qaba! Kun mallattoo seenaa dhugaa fi haqaa qofa osoo hin taane, akeekkachiisaa fi barsiisaa dhaloota dhufuuti. Gootni sabaaf aarsaa kaffale yoomiyyuu kabajamuu qaba.
Seenaan Eebbisaa Addunyaa bara baraan dhaloota faana jiraata!!
Eebbisaan hin duune, onnee saba isaa keessatti irra deebi'ee dhalatee jira! ๐ณโค๏ธ