26/03/2025
EBS
Jibbinsa Dangaa darbe karaa qawwaa argattaan maran Galgalaa Ganama nuu irraatti rawwachaa ooltu.
Kana hundaa dandeenye isiin faana utuu jirru sadarkaa Miidiyaatti baatani Yuuniversitii Biyya tokko ummaata Godinaa tokko gootaani maqaa jiraattoota Naannoo sana fi Yuuniversiticha balleesitaan.
Dubbiin ijoolleen nuu irraa ugguramteen Haaloo BANA jettaani lubbu meeqaa Dargaggoota, Shufeeroota, jiraattoota Dangaa irraa jiran fixxaan.
Sababaa qubsaa fi ragaa qabatamaa hin qabne Parlaamaa fi Ministeroota keessaatti wacaa uumtaani MM Dr Abiy dabalate ilmaan Oromoo diina godhachuun ajandaa Biyya keessaa fi Ala gochuun Gurraa Miidiyaa Addunyaan geessaani.
Siyaasaa dharan Aangoo argachuuf jecha oduu soba bixxiltanii hin miidhamnee jettaani gati aarsaa keessaani immoo Ilman Oromoo Nama nagaa dhimma siyaasaa tokko quba hin qabnee bakka argattaan maratti fiixxaan.
Har'aa kunoo akkuma bartan Miidiyaatti baatani jalqabdan. Sanu wan feetaan ergaa gootaani booda Ibsaa tuffiin makate fiddaani post gootuu.
Dhimma kanaaf lubbun meeqaa ba'eera, Manni meeqaa gubateera, maqaa gaarii biyyichi qabu ba'eera, parlamaan Biyyaattis oduu soba kanaan bo'ee wal boosiseera. Warri kana godhan immoo oorma bakkee dha dhufaan miti maaliyaa Mootummaa uffaatani qaama biraf warra haala mijeessaani dha.
Miidiyaan EBS isaan keessaa isaa hangaafa dha. Kanaaf tarkaanfii seeraa irraatti fudhatamuu qaba. Video xiqqoo tokkon biyyi diigamu dandeessi kun garuu ummaata garraamii dha malee rakkoo hamaa geessisaa turee. Hundaafuu ibsa kanaan ittigaafatamummaa jala ba'uun hin danda'amuu. Geggeessaa hangaa ogeessaatti seeraan itti gaafatamummaa gochun gaariidha. Qaamni tokko duwwaan kan hojjeete godhe djiyeessuun isaa iyyuu ibsichi dogongoraa uumu fakkaata.
Kanan wal qabate sabootni miidiyaalee fi wajiraalee mootummaa feederalaa keessaa dhiibaamunn isaanii rakkoo akkasi fa'ii biyya saxilaa. Reform wajiraalee Mootummaa keessaattu sadarkaa feederalaatti baay'ee barbaachiisa.
Mootummaan dhimma kana dursa kenneefi utuu hojjeete rakkoo biyya kana baay'eef furmaata ta'aa.