Furtuu Media

10/12/2025
28/11/2025

24/11/2025

Speak Smart English

23/11/2025

Computer Network Neetworkiin kompiiwutaraa (Computer Network) jechuun neetworkii telekoomii kan meeshaalee fi odeeffanno...
21/11/2025

Computer Network

Neetworkiin kompiiwutaraa (Computer Network) jechuun neetworkii telekoomii kan meeshaalee fi odeeffannoo wal qooduuf dandeessisuudha. Noodonni (meeshaaleen) neetworkii keessa jiran, keebiliidhaan ykn karaa shiboo-maleessaan (wireless) wal qabatanii, seera dijitaalaa fayyadamuun deetaa wal jijjiiru. Deetaan bifa "paakeetiitiin" (yuunitii deetaa qindaa'aa ta'een) daddabarfama.

1. Neetworkii (Network):
Fakkeenyaaf, kompiiwutara tokkoo fi pirintara tokko keebiliin wal qabsiiftee yoo pirinti goote, sun 'Neetworkii' dha. Kaayyoon isaa inni guddaan Wal-qooduu (Sharing) dha.

Resource Sharing: Pirintara tokko namni 10 waliin fayyadamuu.
Information Sharing: Faayila tokko kompiiwutara biraatti ergachuu.

2. Noodii (Node):
Jechi kun IT keessatti baay'ee baramaadha. Node jechuun meeshaa kamiyyuu kan neetworkii irra jiru jechuudha.

Fkn: Kompiiwutara, Bilbila, Pirintara, CCTV Camera, ykn Raawutarii. Isaan kun hundi "Nodes" jedhamu.

3. Keebilii fi Wireless (Media):
Neetworkiin karaa lamaan wal qunnama:

Wired (Keebiliin): Fkn, keebilii "Ethernet" kan CCTV fi PC itti fayyadamnu.

Wireless (Shiboo-maleessa): Wi-Fi ykn 4G/5G fayyadamuun.

4. Paakeetii (Packet):
Yeroo ati suuraa guddaa tokko intarneetiin ergitu, suuraan sun akkuma jirutti takkaan hin deemu. Kompiiwutarri kee suuraa sana cicciree kutaalee xixiqqoo kumaatama ta'u. Kutaaleen xixiqqoon kun Packets jedhamu. Bakka ga'anitti paakeetiin sun deebi'ee walitti qabamuun suuraa guutuu ta'a.

5. LAN (Local Area Network):
LAN jechuun neetworkii bakka xiqqoo (murtaa'aa) keessatti argamuudha.

Fakkeenya: Wi-Fi manaa, neetworkii Biiroo tokkoo, ykn Interneetii Kaaffee.

6. Internet:

Intarneetiin "Neetworkii Neetworkootaa" (Network of Networks) dha. LAN manaa keetii, LAN biiroofi LAN biyyoota biraa biliyoonan lakkaa'aman walitti qabamee Internet uuma.

  3 ProMuddee kana keessa Google fooyya’iinsa guddaa (major update) fayyadamtootaaf dhiheesseera. Gemini 3 Pro, modeloot...
19/11/2025

3 Pro

Muddee kana keessa Google fooyya’iinsa guddaa (major update) fayyadamtootaaf dhiheesseera. Gemini 3 Pro, modeloota kanaan dura turan (Gemini 2.5 fi 1.5) caalaa humna guddaa fi dandeettii' yaaduu addaa qabatee dhufe.

Features haaraan gurguddoon inni qabatee dhufe isaan kana:

1. Dandeettii Xiinxaluu Guddaa

Gemini 3 Pro dandeettii "Deep Think" jedhamuun dhufe. Kunis gaaffiiwwan wal-xaxaa ta'an, kan herregaa, saayinsii, koodingii (coding) yeroo fudhatee gadi fageenyaan akka xiinxaluufi deebii sirrii kennu isa dandeessisa.

2. 'Generative UI' (Interfeesii Ofiin Uumu)

Kun waan haaraafi adda ta'edha. Gemini 3 Pro deebii barreeffamaa qofa osoo hintaane, akka barbaachisummaa gaaffii keetiitti "User Interface" (UI) siif uumuu danda'a.

Fakkeenyaaf: "Karoora imalaa guyyaa 3f London keessatti naaf baasi" yoo jetteen, barreeffama qofa osoo hintaane, kaartaa (map) fi suuraan deeggaramee, kan ati tuqaa (click) gochuu dandeessu siif uuma.

3. Platform Haaraa 'Antigravity' (Developers'f)

Ogeeyyii sooftiweerii (Developers) isaaniif platform haaraa "Google Antigravity" jedhamuun dhufeera. Kunis 'AI Agents' (AI ofiin hojjetan) uumuuf kan gargaaru yoo ta'u, koodii barreessuu irraa eegalee hanga 'debug' gochuu fi 'deploy' gochuutti ofiin hojjechuu danda'a.

4. Dandeettii 'Multimodal' Fooyya'e

Viidiyoo, sagalee, fi suuraa hubachuu irratti sadarkaa ol'aanaa irra gaheera. Viidiyoo dheeraa sekondii muraasa keessatti xiinxaluufi keessaa waan barbaadde siif baasu danda'a.

5. Saffisaafi dhugummaa (Speed & Accuracy)

Giddu-galeessaan Gemini 2.5 Pro caalaa saffisaa fi sirrummaan isaa baay'ee dabaleera. Keessummaa odeeffannoo yeroo dheeraa (long context) yaadachuu irratti fooyya'iinsa qaba.

Image: Gemini

18/11/2025





14/11/2025

Romeo and Juliet

10/11/2025

That's on you
Hiika: Sirraa eegama, kan keeti

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Furtuu Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share